Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhata Yohaannisii 20:6 - WAADAA LAMMATAA

6 Worri hiree du'aa ka'uu duraa qabu eebbifamtootaa fi woyyoota. Duuti lammaffa'aa isaan irratti baallii hin qabdu, gadoota Rabbiitiif ka Kiristoosii ta'anii isa woliin woggoota kumaa kana mooyan.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

6 Du'aa ka'iinssa jalaqabaa titti qoodamtoota ka ta'an ka galateeffamanii fi Qulqullaawomota, duuti lammaffa'aa isaan irratti aangoo hin qabu, isaan'llee qeesota Waaqaatii fi Kristosii ni ta'an, Kristosiin woliin'llee woggaa kuma ni mootoman.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

6 Worri hiree du'aa ka'uu duraa qabu eebbifamtootaa fi woyyoota. Duuti lammeesso'oo isaan irratti baallii hin qabdu; gadoota Rabbiitiif ka Kiristoosii ta'anii isa woliin woggoota kumaa kana mooyan.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhata Yohaannisii 20:6
19 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Worra taa'an keessaa tokko kana dhagayee, «Jeennata Rabbiititti ka hurbaataa nyaatu'uuf taa'u ka eebbifame!» jedheen.


Eegasuu Obboleeyyan tiyya! Nafti keessan ka Rabbiin gammachiisuu fi ciincaa jiraataa gootanii akka dhiyeessitan, gara laafummaa Rabbiitiin isin kadhadha. Innillee tajaajila keessan ka sammuu namaatiif tolu.


Nu ijoollee Rabbii eega taane worra waa mara argatu; nu waa maraa Rabbiin biraa arganna. Eega Kiristoosiin woliin rakkinni nurra gaye, nullee isa woliin ulfinnaa fi waan Kiristoos argatu maraa isa woliin arganna.


Yoo obsinee jabaanee dhaabanne, akkasuma isa woliin moona. Yoo isa waakkanne, akkasuma, innillee nu waakkata.


Isiniilee akkasuma akka dhagaa jiraata'aa taatanii Yesuus Kiristoosiin keessaa ciincaa Ayyaanaa ka Rabbiin gammachiisu dhiyeessu'uuf gadoota woyyuu akka taatan mana jireenna Ayyaanaa ta'u'uuf ijaaramaa'a.


Isin ammoo dukkana keessaa gara ifa isaa ka maalale'eetitti ka isin waame, dhaloota mishummaa isaa dubbatu'uuf filatame, gadicha mooti'ii, banii woyyu'uu fi gosa ristii isaatiif fooyame.


Rabbii Abbaa isaatii akka hojjannuuf jeennata Abbaa isaatii gadicha akka taanu nu taasisee, baraa haga bara baraa ulfinninii fi hunni isaa haa ta'u! Amiin.


Anillee samii irraa laagaa, «Ammaa achi worri Goofta'atti amananii du'an eebbifamtoota» Ayyaanni, «Ee, akka isaan dadhabbii irraa harabaafatan, hujiin isaaniillee isaan duukaa deema jedha jedhii barreessi» laagaa jedhu dhagaye.


Waan Ayyaanni tokkumma Woldaa Kiristaanaatiin jedhu ka gurra dhagayu qabu maruu haa dhagayuu ka mooyate du'a lammaffa'aatitti hin miidhamu.


Duutiinii fi asaabnillee galaana ibiddaatitti gataman. Galaanni ibiddaa kunillee du'a lammaffa'aati.


Haata'uu ammoo worri sodaatu ka hin amanne, worri battaaye, ka lubbuu ajjeese, worra adaba hin qabne, worra asmaa hojjatu, worra waaqa tolfamaa kaddaaman, sobduun marti hireen isaanii dhagaa ibiddaatii fi galaana bobayu, kunillee du'a lamaffa'aati.


Amma achi hin halkanaawu. Waandhi Gooftaan waan isaanii ibsuuf ifaa fi ifti adu'uullee isaan hin barbaachisu; baraa haga bara baraa hin mooyan.


«Ani, dafee dhufa, ka raaga dubbii kitaaba kanaa eegu, eebbifama'a» naan jedhe.


Akkuma ani mooyadhee teessoo abbaa kiyya irra taa'e, akkasuma ka mooyate na woliin teessoo jeennata kiyyaa irra akka taa'u hin kennaaf.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ