Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhata Yohaannisii 2:26 - WAADAA LAMMATAA

26-27 Ka mooyateef ka haga dhumaa hujii kiyyaa eegeef annillee akkasuma ani abbaa kiyyaa irraa baallii fuudhee worra Yihuudii hin taane maraa irratti baallii kennaaf. Bokkuu sibiilaatiin bulcha. Akka meeshaa faayaatitti isaan caccabsan.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

26 Injifatee ka moo'uuf hujii kiyya irratti'llee haga muumme'ee titti jabaatee ka dhaabatuuf, ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne irratti, aangoo ni kennaaf,

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

26-27 Ka mooyatee fi ka haga dhumaa hujii kiyya eegeef anillee akkasuma abbaa kiyya irraa baallii fuudhee worra Yihuudii hin taane maraa irratti baallii kennaaf; ulee sibiilaatiin bulcha. Akka meeshaa faaraatitti isaan caccabsan.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhata Yohaannisii 2:26
32 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Naaf jettanii nama maraa afo'otti worra jibbame taatan. Ka haga dhumaa jabaate ammoo hin fayya.


Yesuusillee akkana isaaniin jedhe, «Ani dhugama isinitti hima, isin worri na faanaa deemtan biyya lafaa ta haarawa dhuftutti, Ilmi Namaa teessoo ulfinna ufii irra hennaa taa'u, isinillee ammoo teessoo ulfinnaa kudha lama irra teettanii gosa Israa'elii kudha lamatti murteessitan.


Yesuus deebisee, «Hujiin Rabbii kun, ka inni ergetti akka amantaniif» isaaniin jedhe.


Worra hujii mishaa irra dhaabatanii galataa fi ulfinna, jireenna hin banne worra barbaadaniif jireenna bara baraa isaanii kenna.


Kana maraa keessatti ammoo ka nu jaalate saniin mooyattoota hin caalla.


Waan kanaaf anillee akkasuma hennaa obsuu dadhabe, maal laataa seexanni nama ataabu isin ataabeera. Dadhabbiin keennallee duwwaa ta'eera jedhee waan sodaadheef, amantaa keessan beeku'uuf isa ergeera.


Kiristoos ammoo mana Rabbii keessatti akka Ilmaatitti amanama'a, nullee waan ittii abdannuuf abdii ittin boonnu haga dhumaa jabeessinee yoo eenne nullee mana isaati.


Ati nama gowwaa amantaa huji'iin addaan baye ka du'e akka ta'e beekuu feetaa?


Isaan nu biraa bayan malee worra keennaa miti. Uduu worra keenna ta'anii silaa nu woliin jiraatan. Haata'uu ammoo maruu akka worra keenna hin taane beessisu'uuf bayan.


Ajanyi isaallee kana, akka maqaa Ilma isaa Yesuus Kiristoositti amannuuf akka wol jaalannuuf.


Yesuus Ilma Rabbii akka ta'e nama amane malee ka adunyaa injifatu eennu?


Waan Ayyaanni tokkumma Woldaa Kiristaanaatiin jedhu ka gurra dhagayu qabu maruu haa dhagayuu ka mooyate du'a lammaffa'aatitti hin miidhamu.


«Waan ayyaanni woldoota Kiristaanaatiin jedhu ka gurra qabu haa dhagayuu; nama mooyatee nyaata sami'ii ka dhokate keessaa kennaaf; dhagaa adii ka maqaan haarofni irratti barreeffame nama fudhatu san malee ka eennullee hin beenne kennaaf.


«Waan ayyaanni tokkummaa woldaa Kiristaanaatiin jedhu ka gurra qabu maruu haa dhagayuu! ‹Ka injifatee muka daraaraa isaa nyaatan ka jeennata Rabbii keessa jiru akka nyaatu hin kennaaf.›


Teessoollee hin arge. Worra isarra taa'anii baalliin kennameef waan ragaa Yesuusiitiif waan dubbii Rabbiitiif namoota mataan isaanii irraa murame, worra bineensaaf fakii isaatii hin saganne worra malkata kallacha isaaniitiif harka isaanii irratti hin godhanne arge. Kiristoosiin woliinillee woggaa kumaa mooyanii jiraatan.


Ka mooyate, kana dhaala; Ani Waaqa ta'aaf, innillee ilma kiyya ta'a.


Amma achi hin halkanaawu. Waandhi Gooftaan waan isaanii ibsuuf ifaa fi ifti adu'uullee isaan hin barbaachisu; baraa haga bara baraa hin mooyan.


Nama injifate galma Waaqa kiyyaa keessatti utubaa isa taasisa. Inni horoma duranaallee achi keessaa hin bayu. Ani maqaa Waaqa kiyyaatii fi maqaa qachaa Waaqa kiyyaa ta Yeruusaalemii haarawa sami'ii dhuftuuf maqaa kiyya haarawa isa irratti barreessa.


Akkuma ani mooyadhee teessoo abbaa kiyya irra taa'e, akkasuma ka mooyate na woliin teessoo jeennata kiyyaa irra akka taa'u hin kennaaf.


Ka mooyatellee akkasuma uffata adii uffata. Maqaa isaallee galmee jireennaa keessaa hin haqu. Anillee abbaa kiyyaa fi Maleekkota afo'otti maqaa isaatii raga.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ