Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhata Yohaannisii 2:23 - WAADAA LAMMATAA

23 Ijoollee isi'iillee hin ajjeesa. Woldoonni Kiristaanaa maruu akka ani gara'aa fi qalbii qoruu hin beekan. Anillee isin maraafuu akkuma hujii keessaniititti isinii kenna.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

23 Ijoollee isi'ii'llee du'aan ni adaba, woldayoonni amanti'ii marri'llee yaada namaatii fi hawwii isaa'llee ka qoradhu ana ta'uu kiyya ni beekan, tokkoo tokkoo keessaniif'llee akka hujii keessaniitiin, isiniif ni kenna.»

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

23 Ijoollee isi'iillee hin ajjeesa. Woldoonni Kiristaanaa maruu akka ani gara'aa fi qalbii qoru hin beekan. Anillee isin maraafuu akkuma hujii keessaniititti isinii kenna.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhata Yohaannisii 2:23
39 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Ilmi namaa maleekkota ufii woliin ulfinna Abbaa ufiitiin hin dhufa, achiin maayessa maraafuu akka hujii isaatitti gatii isaa hin kennaaf.


Innillee akkana isaaniin jedhe, «Isin namoota afo'otti qajeelaa uf gootan. Haata'uu ammoo Rabbi waan garaa keessan keessa jiru hin beeka. Ka nama biratti kabajjame, Rabbiin biratti battii waan ta'eef.


Sadaffa'aaf, «Ilma Yoona'aa Simoon, na jaalattaa?» jedheen. Sadaffaa na jaalattaa? jennaniin Pheexroos gaddee, «Gooftaa kiyya! Ati waa maraa beetta; akka si jaaladhullee atuu hin beetta» jedheen. Yesuusillee, «Hoolota tiyya bobbaasi»


Yesuus, «Deemiitii, abbaa manaa kee waamii koottu» isi'iin jedhe.


Hennaa faateffatan, «Gooftaa'a, ati ka garaa nama maraa beettu hulee Yihuudaan dhiisee gara fedha ufii deeme saniif hujii ergamu'uu kana akka huju,


Eeganaa nu maruu waan keennaaf Rabbii deebii kennina.


Rabbi yaada Ayyaanaa ka garaa namaa qoratu maal akka ta'e hin beeka; akka fedha Rabbii waan woyyootaatiif kadhata.


Namni martinuu nafa ufii irratti waan mishaa ta'e, waan hamaa hojjatee, akkuma hujii ufiitiin waan gatii argatuuf nu maruu teessoo murtii Kiristoosii afoo dhaabanna.


Isa nu tooyatu afo'otti wonti maruu qulla'aa fi addaata'a, isa afo'otti uumamni dhokate hin jiru.


Rabbiin nama maraa wol hin caalchifnee fi nama maraa irratti akka hujii isaatiin itti muru, yoo ka «Aabbaa» jettanii waamtan ta'e, haga adunyaa tana irra keessummumma'aan jirtan, isa sodaata'aa jiraadhaa'a


Waan Ayyaanni tokkumma Woldaa Kiristaanaatiin jedhu ka gurra dhagayu qabu maruu haa dhagayuu ka mooyate du'a lammaffa'aatitti hin miidhamu.


«Waan ayyaanni tokkummaa woldaa Kiristaanaatiin jedhu ka gurra qabu maruu haa dhagayuu! ‹Ka injifatee muka daraaraa isaa nyaatan ka jeennata Rabbii keessa jiru akka nyaatu hin kennaaf.›


Worra du'an, didiqqa'aa fi gugurdaa teessoo isaa afoo ka dhaabatan arge; kitaabbileen banaman, kitaabni biraallee baname; innillee kitaaba jireennaati, du'oonnillee akkuma kitaabota irratti barreeffame akkuma hujii isaaniitiin qoodaman.


Galaannillee worra du'an ka isa keessa jiranii kenne; duutinii fi ibiddi asaabaallee worra du'an ka isaan keessa jiru kennan. Martinuu akkaatama hujii isaaniitiin qoodaman.


«Ani dafee dhufa; isaan maraafuu akkuma hujii isaaniititti isaanii kennu'uuf gatiin isaanii na bira jirti.


Ammallee hennaa Fardi Hamarri bawu arge, ka isa yaabbateeru maqaan isaa du'a. Badiin bara baraa isa duukaa deeme guraade'een, beela, du'a bineensonni lafaa akka isa ajjeesan lafa irratti harka afurrii baalliin kennameef.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ