Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhata Yohaannisii 17:1 - WAADAA LAMMATAA

1 Maleekkaan torbaa ka mijuu xuwwe'ee torbaa qabatan keessaa tokko dhufeeti, «Koottu, murtii seebartuu gudditti'ii, ta bisaan hedduu irra teette sitti mudhisa.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

1 Duloowwan torbaan qabatanii ka turan maleyikkoota torbaan keessaa tokko gara kiyya dhufee akkana naan jedhe, «Koottu! Bishaanota baayi'ee irra taa'ee ka jiru, sagaagaltittii ol aanttuu irratti murtii gayu isi'itti ni mulidhisa,

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

1 Maleekkota torbaa ka mijuu xuwwe'ee torba qabatan keessaa tokko dhufee, «Koottu; murtii seebartuu gudditti'ii, ta bisaan hedduu irra teette sitti mudhisa.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhata Yohaannisii 17:1
20 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Isaanillee, «Hennaa inni kara'atti nu woliin dubbataa turee fi hennaa inni kitaabban nu barsiisaa ture garaan keenna nu kakka'ee nu raafama'aa hin turree?» woliin jedhan.


Hennaa san namoonni lamaan, Muuseef Eeliyaas isa woliin dubbata'aa turan.


Kun mudhata waan dafee ta'u'uuf ta'uu ka Rabbi garboota ufiititti mudhisu'uuf jedhee Yesuus Kiristoosii kenneef ka Yesuusillee Maleekkaa ufiitiin ergee garbicha ufii Yohaannisitti mudhise.


Malkataa fi maalalee guddaa biraallee Sami'itti arge. Lolli Rabbii waan isaan irratti raawwatamuuf. Maleekkonni torbaa ka balaa dhumaa torba harkatti qabatan mudhatan.


Qachattiin guddoon bakka sadihitti qoodamte. Qachaan worra Yihuudii hin taanee hin kufan. Baabiloonii guddoon daadhii woyini'ii ta lolaa jabduu akka isi'ii kennamuuf Rabbiin afo'otti yaadatamte.


Kanaan maayii Maleekkaa biraa ka baallii guddaa qabu hennaa sami'ii bu'u arge. Sababaa ulfinna isaatiin lafti ifte.


Murteen isaa dhuga'aa fi qajeelaa waan ta'eef, fayyisuun, ulfinni, hunnillee ka Waaqa keennaati! jedhee hennaa dubbatu laagaa akka banii hedduu dhagaye.


Innillee, « ‹Worri hurbaataa cidha Hoolaa Rabbii irratti waamame eebbifamtoota› jedhii barreessi» naan jedhe. Akkasuma, «Kun dubbii Rabbii ka dhuga'aati» naan jedhe.


Kanatti dubbate dallawaa fi karra qachatti'ii biku'uuf ulee worqi'ii qabateera.


Maleekkaa torbaa ka mijuu balaa torbaa qabatan keessaa tokko gara kiyya dhufee, «Asi koottu, Idaayyittii Hoolaa Rabbii sitti mudhisaa» naan jedhe.


Achiin maayii ani ol laalee samii keessatti balbala baname arge. Laagaa akka Xurumba'aatitti natti dubbatu dhagaye. Laagaan duraan dhagaye, «As bayi ani waan duranaa ta'u'uuf ta'u sitti mudhisaa» naan jedhe.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ