Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhata Yohaannisii 15:3 - WAADAA LAMMATAA

3-4 «Waaqa Gooftaa maraa dandeettu, hujiin kee gudda'aa fi maalale'e, mootii worra Yihuudii hin taanee, karaan kee qajeella'aa fi ka dhuga'aati; Gooftaa ka si hin sodaanne; ka maqaa kee hin kabajjine eennu? waan ati callaan woyyuu taateef hujiin kee qajeellumma'aan waan mudhateef, worri Yihuudi hin taane maruu dhufanii, afoo keetitti sagadan» jedha'aa faaruu garbicha Rabbii ka Muuse'eetii fi faaruu hoolaa Rabbiitii faarfatan.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

3 Tajaajilaa Waaqaa faarffannaa Muse'eetii fi faarffannaa Hoolchaa akkana jedha'aa ni faarsan ture, «Maraa ka danddeettu yaa Waaqa Gooftaa! hujiin kee ol aana'aa fi maalalchiisa'a, yaa nugusa ummatootaa! karaan kee sirri'ii fi dhuga'a.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

3 «Waaqa Gooftaa maraa dandeettu, hujiin kee gudda'aa fi maalale'e; mootii worra Yihuudii hin taanee, karaan kee qajeela'aa fi ka dhuga'aati;

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhata Yohaannisii 15:3
49 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Seerri Muuse'een kennamee ture. Badhaadhaa fi dhugaan ammoo Yesuus Kiristoosiin kenname.


Ka ufumatti Waaqa ta'e, ka hin bannee fi hin mudhanne, mootii bara baraatiif galanninii fi ulfinni baraa haga baraa haata'u! Amiin.


Muuseen waan uf afo'otti dubbatamuuf san ragaa ta'u'uuf mana Rabbii maraa keessatti tajaajilaa amanamaa ture.


Ka jiru, ka ture, ka dhufu, ka maraa danda'u Waandhi Gooftaan, «Alfa'aa fi Oomeegaan Ana» jedha.


Ka jirtuuf ka turte, ka maraa bulchitu, Rabbii Gooftaa keenna hunna guddaa waan qabduuf waan mooteef si galateeffanna.


Teessoo afo'otti busaayota arfanii fi afoo manguddootaatitti faaruu haarawa faarfatan. Worra lafa irratti fayyan keessaa kuma dhibba tokkoo fi kuma afurtamii afurii malee faaruu san baratuun eennufillee hin danda'amne.


Ergamaan lammaffa'aa ka duraatitti aanee, «Baabilooniin guddooni jidde jidde, isin gofti adda addaa maruu daadhii woyini'ii ta seebarchiiftuuf ta macheessitu akka dhugan gooteerti» jedhe.


Kunniin hoola'aan lolan, hoolaan sun Gooftaa Gooftotaatii fi mootii mootootaa waan ta'eef, isaan mooyata worri isa woliin jiran worri waamamanii fi worri filataman akkasuma worri amanaman hin mooyatan.»


Uffataaf gudeeda isaa irratti barreeffama maqaa, «Mootii moototaa, Gooftaa, Gooftootaa» jedhu qaba.


Murteen isaa dhuga'aa fi qajeelaa waan ta'eef, fayyisuun, ulfinni, hunnillee ka Waaqa keennaati! jedhee hennaa dubbatu laagaa akka banii hedduu dhagaye.


Busaayonni arfanuu koola jaha jaha qaban. Keessaa fi gubbaan isaanii ija heddu qaba. Isaan halkanii fi guyyaa uduu hara hin baafatin «Waaqa Gooftaa waa maraa danda'u, ka dur jiru, ka ammallee jiruu fi ka dhufu'uuf ta'u, Woyyuu, Woyyuu, Woyyuu!» jedha'aa faarfatan.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ