Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhata Yohaannisii 14:7 - WAADAA LAMMATAA

7 Laagaa gudda'aan sa'aatiin murtii isaa waan gayeeruuf, Rabbiin sodaadhaa'a! Ulfinnallee isaa kennaa'a. Rabbii ardii, samii, galaanaa fi burqaa bisaanii uumeef sagada'aa jedhe.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

7 Qoonqqa ol aana'aan'llee, «Waaqa sodaadhaa! kabaja'aan'llee! yeroon murtii isaa gayee jira, sami'ii fi arddii, garba ciisa'aa fi burqqaawwan bishaanii Waaqa uumeef sagadaa!» ni jedhe.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

7 Laagaa gudda'aan «sa'aatiin murtii isaa waan gayeeruuf, Rabbiin sodaadhaa'a! Ulfinnallee isaa kennaa'a. Rabbii ardii, samii, galaanaa fi burqaa bisaanii uumeef sagadaa'a» jedhe.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhata Yohaannisii 14:7
44 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Guyya'aa fi sa'aatii san waan hin beenneef dammaqa'aa eeggadhaa'a!» jedhe.


Nama Yihuudii ka hin taane ka gosa addaa kana malee Rabbiin galateeffatu'uuf ka deebi'e tokkollee hin jiruu?» jedhe.


«Isin namoota nana, maaf kana gootan? Nullee ammoo namuma akka keessaniiti waan duwwaa kana irraa gara Rabbii jiraataa ardii, samii, galaanaa fi waan galaana keessa jiraatu mara uumee akka deebitaniif Oduu Nagayaa isinitti lallabna.


Haata'uu ammoo dhumti waa maraatuu dhiyaateera. Kanaafuu akka nama sammuu qabuutitti yaadaa'a. Akka Rabbiin kadhatuu dandeettan hagatti jiraadhaa'a, uf qabaa'a.


Sa'aatii san lafti guddiftee sochoote. Qachattiin kudhan keessaa harki tokko hin kufte. Sochii saniin namoonni kuma torbaa dhuman. Worri hafellee sodaatee Waaqa sami'itii ulfinna kennan.


Worri Yihuudii hin taanellee hin lolan, atillee hin lolte; hennaan ati worra du'anitti murteessitullee dhufe. Barri ati garboota kee, raattotaaf woyyoota kee, worra maqaa kee sodaatan didiqqa'aaf gugurda'aa gatii isaanii kennitu, worra lafa balleessanillee balleessitu dhufe.


Namoonnillee oo'a gudda'aan gubatan. Maqaa Rabbii ka balaa kanniin irratti baallii qabu abaarani; aagii galanii ulfinna isaa hin kennine.


Ati Baabiloonii qachaa gudditti'ii jabduu si hobbaasi! murtiin kee sa'aatii tokko keessa waan sirra gayuuf» jedha'aa qaaqan.


Qachaa guddoo uffata haphii fuuttaa'a, uffata dhiilgee diimaa uffattee, worqi'ii fi dhagaa gatii guddaa waan gatii guddaa badhaafamteef isi'ii hobbaasi! isi'ii hobbaasi! durummaan hagana gayu sa'aatii tokko keessa waan badeef jedha'aa dhaabatan. Worri markaba ofuu fi worri markabaan hulee maraa deemu maruu, worri markabaa, worri galaana irraa fayyadaman maruu fagoo dhaabatan.


Daaraa uf irratti firfirsanii gaddanii booya'aa, «Qachattii guddoo, durummaa isi'itiin worra galaana irraa, markabaan dureeyyii gootee bille'e!, bille'e! sa'aatii tokkotti badde» jedha'aa iyyan.


Laagaan, «Garboonni maruu worri isa sodaatan didiqqaanii fi gugurdaan Waaqa keenna galateeffadhaa'a!» jedhu teessoo isaa biraa dhagayame.


Busaayonnillee ka teessoo irraa ta'ee fi ka baraa haga bara baraa ka jireennaan jiraatu hennaa isaa ulfinna jaju'u fi galata kennaniif,


Maleekkaan sadaffa'aallee xurumbaa afuufe. Urjiin guddaan akka shawa'aa gubatu sami'ii darbame. Lagootaaf bisaan burqa'aa sadi keessa harki tokko irratti kufe. Maqaan urji'iille Irreetoo jedhama.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ