Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhata Yohaannisii 14:6 - WAADAA LAMMATAA

6 Maleekkaan Oduu Nagayaa bara baraa banii, fiixaa, worra afaan gara garaa ka gosa maraaf lallabu samii wodhakka'aa uduu bararu arge.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

6 Kanaan duubatti ummatoota arddii irra jiraataniif, gosa, afaanota adda addaa worra dubbatanii fi worra gara garaa maratti dubbachu'uuf wongeela bara baraa ka qabate maleyikkaan bira'aa, samii jidduu yoo bararu ni arge.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

6 Maleekkaan Dubbii Nagayaa bara baraa banii, fiixaa, worra afaan gara garaa ka gosa maraaf lallabu samii wodhakka'aa uduu bararu arge.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhata Yohaannisii 14:6
30 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Waan ani dukkana keessatti isinitti himu, isin ifaan dubbadhaa'a. Waan hasaassi'iin dhageettan gumii afo'otti lallabaa'a.


Inni, «Gara biyya lafaa maraa dhaqaa'a! Uumama maratti Oduu Nagayaalallabaa'a!


Eegasuu Oduu Nagayaa waan Gooftaa Yesuus Kiristoosii himame, ka woggaa bara dheeraa dhokate. Amma ammoo ka mudhate ka kitaaba Raattotaatiinillee himame; Rabbi baraa haga bara baraa ajaje amantaa ajajamu'uun akka ta'u haga dhossaan worra Yihuudota hin taane marrati beekkame; haga isinitti mudhate ka isin jajjabeessuu danda'u,


Kunillee hundeeffamtanii, midhaaffattanii, abdii Oduu Nagayaa ka dhageettan irraa uduu hin raafamne, amanta'aan dhaabattanii, yoo jiraattan isinii ta'a. Oduun Nagayaa sunillee uumama sami'ii gadi jiran maratti ka himame. Anillee Phaawuloos tajaajilaa isaa ta'e.


Gooftaan keenna Yesuus Kiristoosii fi Rabbiin Abbaan keenna ka nu jaalate badhaadha, jajjabaachuu bara baraatiif, ka abdii mishaa nuu kenne, onnee keessan haa jajjabeessan. Hujii misha'aa fi dubbii maraan isin haa dhaaban.


Ka dhiiga waadaa bara baraatiin tissee guddaa hoolotaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin ka worra du'an keessaa isa kaase Waandhi nagayaa,


Dubbiin Goofta'aa ammoo bara baraan jiraata. Dubbiin Oduu Nagayaa ka isinitti himamellee kana.»


Gosa hedduu fi worra Yihuudotaa hin taane, «Worra Afaan adda addaa qaaqanii fi mootota marattuu deebitee raaga dubbachuu si barbaachisa» jedhamee natti himame.


Haata'uu ammoo Maleekkaan torbaffa'aa hennaa xurumbaa afuufu bara laagaan dhagayamu, garbootaa fi raattota lallaba gammachu'uu akka isaanii lallabeen dhossaan Rabbii hin raawwatama» jedhe.


Woyyoota worrane mooyachuu gosaa fi firoota banii afaan gara garaa dubbatan maraa irratti baalliin kennameef.


Ciniinnattee obsitee ajaja an sii kenne waan eeddeef anillee hennaa ataabee worra adunyaa tana irra jiraatan ataabu'uuf dhufu maraa jalaa si baasa.


«Kitaaba fuutee chaappootallee hiikuun keeti, waan qalamteef dhiiga keetiin, Rabbiif, afaan maraa, gosa maraa, banii maraa keessaa namoota furtee; jeennata Waaqa keennaatiif gadicha akka ta'an gooteerta; adunyaa irrattillee hin mooyan» jedha'aa laagaa haarawaan faarfatan.


Bajjaan tokko samii wodhakka'aa bararee laagaa gudda'aan waan Maleekkota sadihii xurumbaa afuufu'uuf ta'anii, waan laagaa Maleekkota biraa worra lafa irra jiraataniif isaanii aanne'e! Hennaa jedhu dhagaye.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ