Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhata Yohaannisii 13:6 - WAADAA LAMMATAA

6 Rabbiinillee arrabsu'uuf maqaa isaatiif hulee bultii isaa ta sami'ii worra bulullee arrabsu'uuf afaan banate.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

6 Waaqaa fi maqaa Waaqaa, mana jireenna isaatii fi sami'itti bakka inni jiraatu'llee arrabssuu, jala ni qabe.»

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

6 Rabbiinillee arrabsu'uuf maqaa isaatii fi hulee bultii isaa ta sami'ii worra bulullee arrabsu'uuf afaan banate.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhata Yohaannisii 13:6
26 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Isin ijoollee bofaa! isin hammeeyyii taatanii, attamitti dubbii mishaa dubbachuu dandeettan? waan garaa guute afaan dubbata.


Sababaanillee garaa keessaa yaanni hamaan, ajjeesuun, seebaruun, hatuun, sobaan ragaa bayu'uu fi arrabsuu kanniin fa'atuu baya.


Jechi nama ta'e; Inni badhaadha, Ayyaanaa fi dhuga'aan guuttamee nu keessa bule. Nu'u ulfinna Ilmi tokkichi Abbaa ufii biraa qabuutitti, ulfinna isaa argine.


dubbii nama miidhu dubbatu'uuf, afaan isaanii akka awwaala banameeti; arraba ufiitiin hin soban; hidhii isaanii jala hadhaa bofaatituu jira;


Rabbi guutumaan guutu'utti isa keessa akka jiraatuuf, karaa isaatiin dhiiga fannoo irratti jigeen nagaya buuseeti waan ardi'ii fi samii irra jiru maraa ufiin wolitti araarsu'uuf waan fedheef.


Guutummaan Rabbummaa isaa maruu nafa Kiristoosii irratti mudhatee waan jiruuf,


Duukkaanaan duraa ta qophoofte, «Isii woyyittii» jedhamtu keessa waan ibsaa irra kaayan, xarapheessa'aa fi xoroshoo ciinca'aatitu irra jira.


Kiristoos gara mana woyyuu ta harka namaatiin hojjatamte woyyittii fakkeenna dhuga'aa ta taatetti waan hin seenneef; haata'uu ammoo inni amma Rabbiin afo'otti waan keennaaf mudhatu'uuf gara sami'ii isii keessa seene.


Sami'iillee laagaa guddaa, «Garana ol bayaa'a!» jedhu dhagayan. Isaanillee uduu diintonni isaanii laalan gara sami'ii duumessaan ol bayan.


Kanaafuu isin worri sami'ii fi samii keessa jirtan gammadaa'a, lafaa fi galaana isaan hobbaasi, daabiloos akka barri hagoon hafe beekee, aarii gudda'aan gara keessan waan bu'eeruuf.»


Kanaan maayii dukkaanaan raga'aa woyyuun ka sami'ii hin baname,


«Sami'ii, woyyoota, ergamtootaa fi raattota isi'itti gammadaa'a! Rabbi waan isinii murteesseeruuf»


Laagaan guddaan sami'ii kunoo dukkaanaan Rabbii namoota jidduu jira; «Isaan woliin bulla isaanillee banii isaa ta'an; Rabbillee inninuu isaan woliin ta'ee Waaqa isaanii ta'a.


Achiin maayii ani ol laalee samii keessatti balbala baname arge. Laagaa akka Xurumba'aatitti natti dubbatu dhagaye. Laagaan duraan dhagaye, «As bayi ani waan duranaa ta'u'uuf ta'u sitti mudhisaa» naan jedhe.


Naannaya teessoo isaa teessoo diddamii afurtu jira. Teessoo sanniin irrallee manguddoonni diddamii afurii uffata adii uffatanii badhaadha muudamaa ka worqii irraa hojjatame mata'atti godhatanii tataa'aniiran.


Ardii, samii'i, lafa jalattii fi uumamni galaana irra jiranii fi wonti isa keessa jiru martuu hennaa, «Eebbi, ulfinni, galanni, hunni, baraa haga bara baraa ka teessoo isaa irra taa'eef, hoolaa Rabbiitii haata'u» jedhan dhagaye.


Kanaaf worri teessoo Rabbii afoo jiran halkanii fi guyyaa mana woyyuu keessatti isa kaddaaman. Ka teessoo irra taa'e, isaan keessa jiraata. Ammaa achi hin beelayan.


Asiin maayii banii eennullee laakkayuu hin dandeenne baniinii fi gosa worra afaan marraa keessaa namoota heddu guddaa arge. Uffata adii uffatanii qacee meexxi'ii harka isaaniititti qabatanii teesso'oo fi hoolaa Rabbii afoo dhaabatan.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ