Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhata Yohaannisii 13:3 - WAADAA LAMMATAA

3 Mataa isaa torban keessaa tokko ka akka waan goorra'amee du'ee ta'e arge; madaa isa ajjeesu'uuf ta'u irraa hin fayye. Baniin lafarraa maruu bineensa duukaa deema'aa maalalfatan.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

3 Mataawwan bineenssa keessaa tokko madaa du'aan isa gayu akka qabuu ta'ee ni arggeen, garuu madaan du'aan isa gayu fayyee jira, arddiin biyyi marrinuu maalalu'uun bineensicha ni horddofe,

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

3 Mataa isaa torban keessaa tokko ka akka waan goorra'amee du'ee ta'e arge; madaa isa ajjeesu'uuf ta'u irraa hin fayye. Baniin lafa irraa maruu bineensa duukaa deema'aa maalalfatan.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhata Yohaannisii 13:3
15 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Ji'oota san keessa biyyi lafaa maruu akka galmaayu mootii mootota Awugisxoosiin biraa ajanyi baye.


Kanaaf Fariisonni, «Waan tokkollee godhuu akka hin danda'amne argitanii? Kunoo adunyaan isa faanaa ka'anii deema'aaran!» woliin jedhan.


Simoonillee akkasuma amanee cuuphamee Filiphosiin wol ta'e. Hennaa malkataa fi maalaleen guddaan ta'e argee ajaa'ibsiifate.


Inni maqaa bineensa duraatiin baallii guutu'uun hojjata'aara. Laftinii fi worri lafarra jiran maruu, bineensa duraa ka madaa ajeeftu irraa fayyee, akka sagadaniif godha.


Malkata gugurdaa afoo bineensaatitti ta'u saniin worra lafa irra jiraatan hin dogoggorsa. Ka madaa guraade'ee qabuuf, worra lubbu'uun jiraatan fakii bineensa sanii akka godhatan worra lafa jiraatanitti dubbata.


Akkasuma mootonni torba keessaa shan kufaniiran; tokko hin jira, ka hafellee haga ammaa hin dhufne. Yoo dhufullee hennaa diqqoo turuu barbaachisa.


Bineensi jiruuf ka hin jirree, saddetaffaa torba keessaa tokko gara badi'ii deema.


Kunniin yaada tokko qaban hunna ufiitiif baallii ufiillee bineensa sanii kennan.


Rabbi yaada Isaa akka godhan yaada tokko akka qabaatan, haga jechi Rabbii raawwatamutti, mootummaa isaanii akka bineensa sanii kennaan onnee isaanii keessa waan bulcheef.


Intalti dhiiga woyyootaatii fi dhiiga worra Kiristoosiin ragaa bayaniin machoofte arge; hennaa isii arge guddisee maalalfadhe.


Bineensi ati argite duri jira, amma ammoo hin jiru, ashuuteen keessaa bayu'uuf ta'a, gara badi'iillee hin deema, worri maqaan isaanii uumama adunya'aa irraa jalqabee Kitaaba jireennaatitti hin barreeffamne, worri lafa irra jiraatan akka bineensi jiru, ka amma hin jirre, deebi'ee akka dhufe haga argan hin maalalfatan.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ