Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhata Yohaannisii 13:16 - WAADAA LAMMATAA

16 Didiqqa'aa fi gugurdaan, dureeyyi'ii fi hiyyeeyyiin, gooftotaa fi garboonni maruu harka isaanii ka mirgaatitti yookiin kallacha isaanititti malkata godhatan.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

16 Bineenssi lammaffaa maandhota'llee ta'anii hangafoonni, dureeyyii ta'anii hiyyeesota, goofttota ta'anii tajaajilttoota, marrinuu harka isaanii ka mirgaa titti yookiin kallacha isaanii irratti, malikata akka taasisaniif, isaan ni dirqisiise.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

16 Didiqqa'aa fi gugurdaan, dureeyyi'ii fi hiyyeeyyiin, gooftotaa fi garboonni maruu harka isaanii ka mirgaatitti yookaan kallacha isaaniititti malkata godhatan.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhata Yohaannisii 13:16
26 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Rabbiin biraa gargaarsa argadhee diqqa'aa fi gudda'aa raga'aa haga guyyaa adhaa dhaabadheera.


Yihuudii yoo taane, namoota Giriikii yoo taane, garboota yoo taane, wolabootallee yoo taane, nu martinuu Ayyaana tokkoon qaama tokko akka taanu waan cuuphamneerruuf, nu martinuu Ayyaana tokko keessaa dhunneerra.


Yihuudii yookiin namni Giriikii hin jiru. Garbichi yookiin wolabaan hin jiru, dhiira yookiin intala jechuun hin jiru; marti keessanuu Yesuus Kiristoosiin keessatti nama tokko waan taataniif.


Ani gadaannisa Yesuusii nafa kiyya irraa waan qabuuf, ammaa achi wonti tokkollee na hin dadhabsiisu.


Garbichaa ta'ee yookiin wolabaan martinuu waan godhu waan mishaa maraa Gooftaa irraa gatii akka argatu waan beettaniif.


Achitti namni Giriikii, ka Yihuudi'ii, ka gadoomeef ka hin gadoomne, worra gowwaa ta'ee fi worra beekaa, worra wolaba ta'ee fi garbicha jidduu garaagarummaan hin jiru. Haata'uu ammoo Kiristoos maraaf maraa keessa jira.


Akkuma Iyyaanse'ee fi Iyyaaberes Muusee morman, akkasuma kunniinillee worra sammu'uuf qalbiin isaanii jalaa bade, worra amantaa irraa badan ta'anii dhugaa morman.


Worri Yihuudii hin taanellee hin lolan, atillee hin lolte; hennaan ati worra du'anitti murteessitullee dhufe. Barri ati garboota kee, raattotaaf woyyoota kee, worra maqaa kee sodaatan didiqqa'aaf gugurda'aa gatii isaanii kennitu, worra lafa balleessanillee balleessitu dhufe.


Garba bilille'ee ka ibiddaan makame fakkaatu arge. Bineensaa fi fakii isaa laakkoofsa maqaa isaallee worri mooyatan meeshaa Rabbii kaddaamama'aa qabatanii hennaa galaana bilille'ee irra dhaabatan arge.


Bineensillee hin qabame worri isa afo'otti maalalee godha'aa malkata bineensaa worri fudhatan, worra fakii isaatii sagadan ka dogoggorse raanni sobaa isa woliin qabame; lamaanuu uduu lubbu'uun jiran gara ibidda dhagaa bobayuu gara galaana ibiddaa darbaman.


Laagaan, «Garboonni maruu worri isa sodaatan didiqqaanii fi gugurdaan Waaqa keenna galateeffadhaa'a!» jedhu teessoo isaa biraa dhagayame.


Worra du'an, didiqqa'aa fi gugurdaa teessoo isaa afoo ka dhaabatan arge; kitaabbileen banaman, kitaabni biraallee baname; innillee kitaaba jireennaati, du'oonnillee akkuma kitaabota irratti barreeffame akkuma hujii isaaniitiin qoodaman.


Teessoollee hin arge. Worra isarra taa'anii baalliin kennameef waan ragaa Yesuusiitiif waan dubbii Rabbiitiif namoota mataan isaanii irraa murame, worra bineensaaf fakii isaatii hin saganne worra malkata kallacha isaaniitiif harka isaanii irratti hin godhanne arge. Kiristoosiin woliinillee woggaa kumaa mooyanii jiraatan.


Mootonni lafaa, bulchoonni, ajajoonni, loltuun kumaa, dureeyyii, jajjaboonni, garboonni, gooftoonni maruu goda gaaroota dhaga'aa keessatti dhokatan.


«Garboota Waaqa keennaa haga kallacha isaanii chaappeessinuuf lafa, galaana yookiin mukkiin hin miidhinaa'a» isaaniin jedhe.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ