Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhata Yohaannisii 13:11 - WAADAA LAMMATAA

11 Bineensi biraallee uduu lafaa bawu arge. Gaafa lamaa ka gaafa hoola'aa fakkaatu qaba. Akka Jawwe'eetitti qaaqa.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

11 Bineenssi bira'aa ammoo arddii keessaa yoo bayu ni arge, inni'llee akka hoola'aa gaafota lamaa ni qaba ture, haasofnni isaa'llee akkuma xara'aa ni ture,

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

11 Bineensi biraallee uduu lafaa bawu arge. Gaafa lamaa ka gaafa hoola'aa fakkaatu qaba. Akka Jawwe'eetitti qaaqa.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhata Yohaannisii 13:11
17 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Yesuus ammallee, «Raattota dharaa irraa uf eeggadhaa'a; hoolaa fakkaachu'uuf gogaa hoola'aa uffatanii, gara keessan hin dhufan; keessi isaanii ammoo akka Yayyii beeloftee ti.


Worri akkana jiran kunniin garaa isaaniitiif malee, Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiif waan hin bitamneef. Waan misha'aaf dubbii sheele'eetiin qalbii namoota dhara hin qabnee soban.


«Ani Rabbi jedha'aa» labsi'iin hima'aa, haga mana woyyuu Rabbii keessatti, worra Waaqa jedhaman maraa caalaa, ka namoonni kaddaaman maraa ol ka uf qabuu fi morma'a.


Ragaa isaanii haga raawwataniin maayii bineensa ashuutee bawu woliin wol lolan. Mooyatee isaan ajjeesa.


Jawweenillee dubartitti'iin lolee, worra ajaja Rabbii eegan, ka ragaa Yesuusii qaban worra fiixaa isi'ii keessaa hafe woraanu'uuf deemee xidhacha qarqara galaanaa irra dhaabate.


Bineensi tokkollee uduu galaana keessaa bayu arge. Gaafa kudhanii fi mataa torba qaba. Gaafa isaa irra qoobii kudhanii fi mataa isaa torban irraa maqaa arrabaatitu jira.


Maqaa bineensaa yookiin Malkata laakkofsa maqaa isaa ka hin qabne eennullee bituu yookiin gurguruu akka hin dandeenne godha.


Jawwe'eellee hin sagadan, waan inni bineensaa baallii kenneruuf, «Binneensa eentu fakkaata? isaanillee eentu wol loluu danda'a?» jedha'aa sagadaniif.


Afaan Jawwe'eetii, afaan busaaya'aatii, afaan raaga sobaatii wonti raacha fakkaatan, ayyaanni battiin sadihii hennaa bayan arge.


Intalti dhiiga woyyootaatii fi dhiiga worra Kiristoosiin ragaa bayaniin machoofte arge; hennaa isii arge guddisee maalalfadhe.


Bineensi ati argite duri jira, amma ammoo hin jiru, ashuuteen keessaa bayu'uuf ta'a, gara badi'iillee hin deema, worri maqaan isaanii uumama adunya'aa irraa jalqabee Kitaaba jireennaatitti hin barreeffamne, worri lafa irra jiraatan akka bineensi jiru, ka amma hin jirre, deebi'ee akka dhufe haga argan hin maalalfatan.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ