Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhata Yohaannisii 1:2 - WAADAA LAMMATAA

2 Innillee dubbii Rabbiitiif waan Yesuus Kiristoosii waan arge maraa rage.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

2 Yohaannis'llee waayee dubbii Waaqaatii fi waayee dhugaa Yesus Kristos barsiisee, akkuma kanaa waayee waan argee mara'llee ragaa ni baye.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

2 Inni dubbii Rabbiitii fi waan Yesuus Kiristoosii waan arge maraa rage.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhata Yohaannisii 1:2
22 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Yohaannisillee akkana jedhee ragaa baye, «Ayyaanni Woyyuun samii irraa akka handari'iititti hennaa bu'ee isarra taa'u arge» Ayyaannillee isarra taa'e. Anuu isa hin beenne.


Alaazaariinillee awwaala keessaa waamee worra du'an keessaa hennaa isa kaase, worra isa woliin turee hin rageef.


Ka argellee rageera ragaanillee dhuga'a, isinillee ammoo akka amantan inni akka dhugaa dubbatu hin beeka.


Waan kanninillee ka rageef ka barreesse darasaa kana, ragaanillee dhugaa akka ta'e hin beenna.


Ani dhugama dhuga'aatiin siin jedha, nu waan beennu dubbanna. Waan arginellee ragaa baana. Isin garuu ragaa keenna hin fudhattan.


Waan argitee fi dhageette nama maraa afo'otti ragaa taataaf.


Haata'uu ammoo ka'ii dhaabadhu, kanaafuu akka itti na argitee fi waan argite saniif tajaajila'aaf raga bayaa akka taatu si muudu'uuf jedhee waan sitti mudhadheef.


Nu waan arginee fi ka dhageenne himuu dhiisuu hin dandeennu» isaaniin jedhan.


Ani obboleeyyan tiyya! Hennaa gara keessan dhufe, namoota biraa caalaa dubbachu'uun yookiin ogumma'aan ragaa waan Rabbii isinitti hima'aa hin dhufne.


Waan dubbii jireennaa ka dura ture ka gurra keennaan dhageenne, ka ija keennaanillee arginee guuttannee laalle ka harka keennaanillee qaqqabne isinitti oddeessina.


Abbaan Ilma ufii fayyisaa adunyaa tanaa akka ta'u godhee akka erge dhageenneerra, hin rannalle'e.


Dimeexiroosiif namni maruu ragaa bayaaf, dhugaanillee ragaa baatiif, nullee akkasuma hin rannaaf. Ragaan keennallee dhugaa akka ta'e hin beettan.


Akkasuma, «Waan arga'aartu kitaabatti barreessii, gara Efesoonii, Samirneesii, Phergamoonii, Tiyaaxiroonii, Sardeesii, Filaadelifiya'aa, Lodoqiya'aa fi gara tokkummaa woldoota Kiristaanaa torban Isiyaa keessa jiraatanii ergi» naan jedhe.


Eeganaa ka argite, ka amma jiru ka asiin maayii ta'u'uuf ta'ullee barreessi.


Ani Obboleessa keessan ka isin woliin rakkinna jennataa fi obsa Yesuus Kiristoosii qoodamu waan dubbii Rabbii tiif waan ragaa Yesuus Kiristoosiitiif lafa bisaaniin marfamte ta Fiximoo jedhamtu irra ture.


Isaan, dhiiga hoola'aatii fi sababaa dubbii ragaa isaaniitiin mooyataniin; isaan lubbuu isaanii haga du'aa ufirraa bayan.


Jawweenillee dubartitti'iin lolee, worra ajaja Rabbii eegan, ka ragaa Yesuusii qaban worra fiixaa isi'ii keessaa hafe woraanu'uuf deemee xidhacha qarqara galaanaa irra dhaabate.


Teessoollee hin arge. Worra isarra taa'anii baalliin kennameef waan ragaa Yesuusiitiif waan dubbii Rabbiitiif namoota mataan isaanii irraa murame, worra bineensaaf fakii isaatii hin saganne worra malkata kallacha isaaniitiif harka isaanii irratti hin godhanne arge. Kiristoosiin woliinillee woggaa kumaa mooyanii jiraatan.


Badhaani Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii isin maraa woliin haata'u; amiin!


Hennaa chaappaa shanaffa'aa hiike, mi'a kennaa irratti dhiyeessan jalatti lubbuu worra dubbii Rabbii eeganii raganiif qalamanii arge.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ