Mudhata Yohaannisii 1:17 - WAADAA LAMMATAA17 Hennaa isa arge ani akka nama du'e ta'ee luka isaa jalatti kufe. Harka mirgaa narra kaayee akkana naan jedhe. အခန်းကိုကြည့်ပါ။Waadaa Haarawa17 Yeroo isa argetti'llee akka nama du'ee ta'ee miila isaa jalatti ni kufe, inni garuu harka isaa ka mirgaa narra kaayeeti akkana naan ni jedhe, «Hin sodaatin! Ka jalqabaatii fi ka muumme'ee'llee ana, အခန်းကိုကြည့်ပါ။Kitaaba Woyyuu17 Ani hennaa isa arge akka nama du'ee ta'ee luka isaa jalatti kufe. Harka mirgaa na irra kaayee akkana naan jedhe. အခန်းကိုကြည့်ပါ။ |
Woldoota Kiristaanaa torban biyya Isiya'aa keessa jiraniif, Rabbii dur ture, ka ammallee jiru, ka dhufu'uuf ta'uuf, Ayyaanota torban, teessoo jeennata isaa afoo jiran biraa, akkasuma Yesuus Kiristoos ragaa dhuga'aa amanamaa ka worra du'an keessaa hangafa ta'ee kaafameef, Yohaannisii bulchaa mootota lafa kanaa ta'e irraa badhaadhumma'aa fi nageenni isiniif haa ta'u. Ka nu jaalatee cubbuu keenna irraa dhiiga ufiitiin nu dhiqee bilisa nu baasee,