Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhata Yohaannisii 1:11 - WAADAA LAMMATAA

11 Akkasuma, «Waan arga'aartu kitaabatti barreessii, gara Efesoonii, Samirneesii, Phergamoonii, Tiyaaxiroonii, Sardeesii, Filaadelifiya'aa, Lodoqiya'aa fi gara tokkummaa woldoota Kiristaanaa torban Isiyaa keessa jiraatanii ergi» naan jedhe.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

11 «Waan laala'aa jirttu kana kitaabatti bareessiitii gara woldayoota amanti'ii torbanii, jechu'uun'llee gara Efesoonii, gara gara Semrnees gara Phergamoon, gara Tiyaaxiroonii, Saardeesii, gara Filaadelfiya'aatii fi gara Loodooqiyaa ergi.»

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

11 Akkasuma, «Waan arga'aartu kitaabatti barreessii gara Efesoonii, Samirneesii, Phergamoonii, Tiyaaxiroonii, Sardeesii, Filaadelfiya'aa, Lodoqiya'aa fi gara tokkummaa woldoota Kiristaanaa torban Isiyaa keessa jiraatanii ergi» naan jedhe.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhata Yohaannisii 1:11
37 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Dubartoota nuu caqasa'aaran keessaa dubartiin qachaa Tiyaaxirooniitii dhufte; ta uffata diimaa haphii gurgurattu takkatu jira. Maqaan isi'ii Liidiyaa jedhama. Isiin dubartii Rabbiin kaddaamtu waan taateef dubbii Phaawuloos dubbatu akka caqaftuuf Gooftaan qalbii isi'ii bane.


Namichi Yihuudi'ii ka gofti isaa Iskindiriya'aa, ka maqaan isaa Aphiloos jedhamu, ka dubbii beeku, gara Efesoonii gad bu'e. Inni beekkomsa kitaabaatiin jaba'a.


Milixiinii gara Efesoonii ergee, manguddoota woldaa kiristaanaa waamsise.


Akka namaatitti Eefesoonitti bineensa woliin yoo wondhaansa baye, yoo ka worri du'e hin kaane; maal na fayyada? «Boru waan duunuuf haa nyaannee dhunnuu.»


Ka fedha Rabbiitiin ergamaa Yesuus Kiristoosii ta'e Phaawuloosiin, worra Kiristoos Yesuusitti amantanii, Rabbiif woyyoota taatan ka Efesooniin keessa jirtaniif.


Waan keessaniif worra Lodoqiyaa jiran fuula kiyyallee worri hin argine martinuu dadhabbii guddaa attamii akka qabu akka beettan fedha.


Hennaa gara Meqidooniya'aa deeme gari gariin barumsa addaa akka hin barsifneef, gara mammaaka dhuma hin qabinee, gara seenaa dhalootaa akka hin caqafne, akka isaan ajaju Efesooniin keessa akka teettu sii kadhadhe. Wontoonni akkanaa kunniin wol mormii waan fidaniif.


Hennaa isa arge ani akka nama du'e ta'ee luka isaa jalatti kufe. Harka mirgaa narra kaayee akkana naan jedhe.


Eeganaa ka argite, ka amma jiru ka asiin maayii ta'u'uuf ta'ullee barreessi.


Innillee dubbii Rabbiitiif waan Yesuus Kiristoosii waan arge maraa rage.


Hiikkaan dhossaa urjii torbaatiif baattuu Worqi'ii ka harka kiyya ka mirgaa irratti argite kana. Urjiin torban Maleekkaa woldaa Kiristaana torbaati. Baattuun Worqii torbanii tokkummaa woldoota Kiristaana torbaati.


Woldoota Kiristaanaa torban biyya Isiya'aa keessa jiraniif, Rabbii dur ture, ka ammallee jiru, ka dhufu'uuf ta'uuf, Ayyaanota torban, teessoo jeennata isaa afoo jiran biraa, akkasuma Yesuus Kiristoos ragaa dhuga'aa amanamaa ka worra du'an keessaa hangafa ta'ee kaafameef, Yohaannisii bulchaa mootota lafa kanaa ta'e irraa badhaadhumma'aa fi nageenni isiniif haa ta'u. Ka nu jaalatee cubbuu keenna irraa dhiiga ufiitiin nu dhiqee bilisa nu baasee,


Ka jiru, ka ture, ka dhufu, ka maraa danda'u Waandhi Gooftaan, «Alfa'aa fi Oomeegaan Ana» jedha.


Hennaa gigissaan torbaa dubbatu, barreessuu yaade, «Sami'ii waan gigissaan torbaa dubbate chaappa'aan cufi malee, hin barreessin» laagaa jedhu dhagaye.


Anillee samii irraa laagaa, «Ammaa achi worri Goofta'atti amananii du'an eebbifamtoota» Ayyaanni, «Ee, akka isaan dadhabbii irraa harabaafatan, hujiin isaaniillee isaan duukaa deema jedha jedhii barreessi» laagaa jedhu dhagaye.


Innillee, « ‹Worri hurbaataa cidha Hoolaa Rabbii irratti waamame eebbifamtoota› jedhii barreessi» naan jedhe. Akkasuma, «Kun dubbii Rabbii ka dhuga'aati» naan jedhe.


Gara Maleekkaa Woldaa Kiristaanaa Efesooniin keessa jirtuutiif akkana jedhii barreessi. Ka urjoota torbaa harka mirgaatitti qabate ka baattuu worqi'ii torbaa jidduu deddeebi'u akkana jedha.


«Maleekkaa Woldaa Kiristaanaa ta Phergamooniitiif akkana jedhii barreessi, «Ka billawa gama lamaan qara qabu harkaa qabu akkana jedha.


«Gara Maleekkaa woldaa Kiristaanaa ta Tiyaaxiroon keessa jirttu akkana jedhii barreessi. Ilmi Rabbii ka ija akka arraba ibiddaa ka lutti isaa akka sibiila boola ibiddaa keessatti oo'ee diimate fakkaatu qabu akkana jedha.


«Isin worra Tiyaaxiroon keessatti barumsa isi'ii hin hordofneef worra, ‹Dhossaa guddaa seexanaa› jedhamuu uduu hin baranne haftaniin ammoo akkana jedha, ba'aa biraa isinitti hin fe'u;


«Gara Maleekkaa woldaa Kiristaanaa Sarminees keessa jirtuu, akkana jedhii barreessi. Ka du'ee ture, ka jiraataa ta'e, ka duraatii fi ka dhumaa akkana jedha.


Ka teessoo ufii irra taa'e, «Kunoo, ani waan maraa haarawa godha!» jedhe; «Jechoonni kun amanama'aa fi dhugaa waan ta'aniif barreessi» naan jedhe. Raawwatameera naan jedhe.


Anaanillee, «Barri dhiyaateera, dubbii raagaa ka kitaabaa kana chaappa'aan hin cufin.


«Ani Yesuus tokkummaa woldaa Kiristaanaatitti kana akka isinii ragu Maleekkaa kiyya erge. Ani hidda fiixaa Daawitii, urjii ganamaa ka ifu.»


«Maleekkaa woldaa Kirstaanaa ta Sardeesiin keessa jirtuuf akkana jedhii barreessi. Ayyaanota Rabbii torbanii fi ka urjoota torbaa harkaa qabu akkana jedha. «Hujii kee hin beeka; ati maqamaaf jirta malee duuteerta.


Maleekkaa Woldaa Kiristaanaa Lodoqiyaa jirtuutiif akkana jedhii barreessi: inni Amiin jedhamu ka amanameef ragaan dhuga'aa ka Rabbiin biratti madda uumama maraa ta'e akkana jedha.


Haata'uu ammoo worri uffata ufii hin batteessine Sardeesitti namoota hago'otu si woliin jira. Waan isaanii male waan ta'eef isaan uffata adii uffataniiti na woliin deeman.


«Gara Maleekkaa woldaa Kiristaanaa Filaadelifiyaa keessa jirtuu akkana jedhii barreessi. Ka furtuu Daawitii harkaa qabu, ka waan inni cufe eennullee banuu hin dandeenneef waan inni bane eennullee cufuu hin dandeenne woyyichi dhuga'aa akkana jedha.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ