Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Hujii Ergamootaa 2:4 - WAADAA LAMMATAA

4 Isaan maruu Ayyaana Woyyu'uun guuttamanii akka Ayyaanni isaanii kennetti afaan garagaraa dubbachuu jalqaban.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

4 Marrinuu Hafuura Qulqulluun ni guuttaman, Hafuura Qulqullu'uun akka dubbataniif haga dandeettii isaanii kenneetiin'llee, afaanota bira'aatiin dubbachuu jala ni qaban.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

4 Isaan maruu Ayyaana Woyyu'uun guuttamanii akka Ayyaanni isaanii kennetti afaan gara garaa dubbachuu jalqaban.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Hujii Ergamootaa 2:4
55 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Worri natti amane, maalalee akka hojjatan hunni hin kennamaaf, isaan maqaa kiyyaan jinnii baasan, afaan haarawaanillee hin dubbatan.


Darasoonnillee gammachu'uu fi Ayyaana Woyyu'uun guuttaman.


Haga faateeffataniin maayii huleen isaan itti wolgayanii turan sun hin socho'e. Isaan marattuu Ayyaana Woyyuu guute, dubbii Rabbiillee addaataa dubbatan.


Ayyaana Woyyu'uun guuttamaa malee, daadhii woyini'iitiin hin machaayinaa'a, kun xaarii waan ta'eef.


Tokkoo maalalee godhuu'u, tokkoollee raaga dubbachuu, tokkoo ayyaana hamaa adda baasuu, tokkoollee laagaa adda addaa dubbachuu, tokkoo ka laagaa addaatiin dubbatame hiikuun kennamaaf.


Ayyaanni Woyyuun Abbaan kiyya maqaa kiyyaan ergu ammoo booharsaan inni waa maraa isin barsiisa. Waan ani isinitti hime maraa isin qaabsisa.


Phaawuloosillee hennaa harka ufii isaan irra kaaye Ayyaanni Woyyuun isaan irra bu'e; laagaa haarawaa fi raagallee dubbatan.


Wonti amantoonni Yihuudotaa maalalaniif, waan Ayyaanni Woyyuun worra Yihuudota hin taane irratti bu'ee laagaa haarawaan dubbata'aa hennaa Rabbiin kabajjan waan dhagayaniif.


Hannaaniyaanillee deemee mana isaa seenee harka ufii irra kaayee, «Obboleessa kiyya Saa'ool, Gooftaan ka karaa ati deemtutti sitti mudhate Yesuus, akka ati argituu fi akkasuma Ayyaana Woyyu'uun akka si guutuuf na erge» jedhe.


Inni Ayyaana Woyyu'uun guuttamee gara sami'ii xinxallee hennaa ol laalu ulfinna Rabbiitiif Yesuusiinillee mirga Rabbii ka dhaabate argee,


«Yohaannis waan bisaaniin cuupheef, isin ammoo guyyaa diqqo'oon maayii Ayyaana Woyyu'uun cuuphamtan» jedhe.


Jaalalti hennaa maraa hin kuftu, raaguun ammoo hin hafa, laagaa harawwaniin dubbachuun hin hafa, beekkomsallee yoo ta'e hin bada.


Laagaa addaa ka namootaatii fi ka maleekkotaatiiniillee yoo dubbadhe, jaalala ammoo yoo hin qabaanne, akka sibiila shakashaka jedhuuti.


Phaawuloos ka jedhamu Saa'ool ammoo Ayyaana Woyyuu keessa ta'ee, namicha moru guuttatee laalee,


Namoonni Qerxeesiitii fi Arabaa hujii Rabbii hennaa afaan keennaan dubbatan isaan dhageenne»


Ayyaanni Woyyuun hennama san waan dubbatuu qabdan isin barsiisa» jedhe.


Ani isin maraa caalaa afaan haarawaan waan dubbadhuuf Rabbii kiyya hin galateeffadha.


Waandhi abdii hunna Ayyaana Woyyu'uutiin abdiin akka guddatu amanuu keessaniin gammachu'uu fi nagaya maraa isinii haa kennu.


Hennaa san Pheexroos Ayyaana Woyyu'uun guuttamee akkana isaaniin jedhe, «Isin bulchoonni biyyaatii fi manguddoonni,


Kana jedhee hafuura isaanitti baafatee, «Ayyaana Woyyuu fudhadhaa'a!


Yesuus Ayyaana Woyyu'uun guutamee laga Yordaanosiitii hennaa deebi'e, Ayyaanaan gara lafa udume'ee geeffame,


Isaan Ayyaana Woyyuu samii gubba'aa isaanii ergameen namoonni Oduu Nagayaa isinitti himan amma waan isinitti himan kanaan isin tajaajilan malee, akka ufi hin tajaajille isaanii ife. Waan kana Maleekkonninuu arguu hawwa'aa turan.


Isin maruu akka afaan haarawaan dubbattan fedha; Kana caalaa raaga uduu dubbattanii fedha; akka woldaan Kiristaanaa ijaaramutti dubbii yoo hin hiinne afaan haarawaan ka dubbate irra ka raaga dubbatutu caala.


Akkuma ani dubbachuu jalqabeen Ayyaanni Woyyuun akkuma duraan nurratti bu'e isaan irrattillee bu'e.


Dubbiin kun banii maraa hin gammachiise. Nama amanti'ii fi Ayyaana Woyyu'uun guuttame Isxifaanoos, Filiphoosiin, Phiroqorosiin, Niqaaroniin, Ximonanii, Pherime'ee fi ka gara Yihuudumma'aa galee ture Anxookiyootaa fi Niqolaawonosiin filatan.


Obboleeyyan tiyya! Worra ragaa mishaa qaban, Ayyaana Woyyu'uu fi ogumma'aan guuttaman, namoota torbaa uf keessaa filaa'a. Waan kanaaf isaan muunnaa.


Haata'uu ammoo Ayyaanni Woyyuun hennaa isin irratti bu'e, hunna argattan; Yerusaalemii fi Yihuudaa maraatti Samaariya'aa haga daangaa lafaa ragaa kiyya taatan» jedhe.


Innillee afoo Goofta'aatitti waan nama guddaa ta'uuf, daadhii woyini'ii yookiin dhuddoo nama macheessu sirimaa hin dhugu, uduu garaa haadha isaa keessa jiru Ayyaana Woyyu'uun guuttama.


Faatee fi kadhanna'aan hennaa maraa Ayyaana keessa ta'a'aa faateffadhaa'a. Yaaduma kanaan waan woyyoota maraa kadhata'aa, jabaadha'aa dhaabadhaa'a.


Inni nama mishaa ka Ayyaana Woyyu'uu fi ka amantaa qabu waan tureef, baniin hedduu Goofta'atti amanan.


Isxifaanoos hunna Rabbiitii fi badhaadhummaa Rabbiitiin guuttamee, banii wodhakka'aatti maalale'ee fi malkata guddaa godhe.


Waan diintonni keessan maruu isiniin mormu'uuf falmuu hin dandeenne afaanii fi ogummaa isinii kenna.


Abbaan isaallee Zakkaariyaas Ayyaana Woyyu'uun guuttamee akkana jedha'aa raaga dubbate.


Elsaabeex hennaa nagaya Maariyaamii dhageette, rimeenni gadaamessa isi'ii keessatti utaale; Elsaabeexillee Ayyaana Woyyu'uun guuttamte.


Hennaa dabarsanii isin kennan, wonti dubbattan hennama san waan isinii kennamuuf, attamitti yookiin maal akka dubbattan hin yaadinaa'a.


Sababaanillee waan namoonni Rabbii Woyyuun Ayyaana Rabbii Woyyu'uun gargaaramanii dubbataniif.


Wonti akka arraba ibiddaa fakkaatu isaanitti mudhate. Achiin maayessa gargar ciccitee isaan maraa irra taa'e.


Hennaa san harka ufii isaan irra kaayanii Ayyaana Woyyu'uun guuttaman.


Hennaa san Pheexroos deebisee, «Kunniin ammoo akkuma keenna Ayyaana Woyyuu worri fudhatan akka isaan hin cuuphamnee ka bisaan isaan dhooggu eennu?» jedhe.


Waandhi yaada namaa beeku akkuma Ayyaana Woyyuu nuu kenne isaaniillee kennu'uun ragaa isaanii baye.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ