Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Gara Worra Qolasaayisii 3:4 - WAADAA LAMMATAA

4 Kiristoosiin jireenna keessan keessa jiru hennaa mudhatu, isinillee akkasuma isa woliin ulfinnaan mudhattan.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

4 Lubbuun keessan Kristosii yeroo muldhatutti, isin'llee isaan woliin ulfinnaan ni muldhattan.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

4 Kiristoosiin jireenna keessan keessa jiru hennaa mudhatu, isinillee akkasuma isa woliin ulfinnaan mudhattan.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Gara Worra Qolasaayisii 3:4
36 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Hennaa san qajeellonni jeennata Abbaa isaanii keessatti akka adu'uu ifan. Namni gurra dhagayu qabu haa dhagayuu.


Yesuus ammoo, «Du'aa ka'uunii fi jireenni Ana, ka natti amanu yoo du'ellee hin jiraata.


Dhaqeellee hulee yoo isinii qopheesse, hulee ani jiraadhu isinillee ammoo akka jiraattan lammata deebi'ee dhufee, gara kiyya isin fudhadha.


Yesuusillee, «Ani kara'a, dhuga'aa fi jireenna. Anaan malee ka gara Aabbaa dhufu hin jiru.


«Abbaa! Uduu adunyaan hin uumamne waan na jaalatteef, ulfinna naa kennite akka argan hulee ani jiru; isaaniin naa kennitellee akkasuma woliin akka ta'an jaaladha.


Haata'uu ammoo, Yesuus inni Kiristoos ilma Rabbii akka ta'e akka amantan amantaanillee maqaa isaatiin jireenna akka isinii ta'u kun barreeffameera.


Ka mataa jireennaa ta'e hin ajjeeftan, isa ammoo Rabbi du'aa kaase. Nu waan dubbii kanaatiif raga'a.


Rakkinni bara kanaa kun ulfinna durana dhufee mudhatu woliin wol bira qabamee yoo laallamu woomaa akka hin taane yaada.


Uumamni, mudhatuu ijoollee Rabbii hawwi'iin waan eeggataniif.


Akkanatti yoo mudhata Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii eeggattan, kennaan badhaadhummaa woyyu'uu tokkollee isin jalaa hin hanqatu.


Waan hin mudhanne malee waan mudhatu yoo laaluu baanne rakkoon keenna salpha'a; hennaa heddu ulfinna bara baraa maraa caalaa waan nuu godhamuuf. Wonti mudhatu haguma henna'aati. Wonti hin mudhanne ammoo ka bara baraati.


Kiristoosiin woliin fannifameera; ammaa achi Kiristoositu na keessa jiraata malee, ani ufii hin jiraadhu. Jiruun ani amma fooniin jiraadhu ka na jaalateef ka uf dabarsee naa kenne amantaa Ilma Rabbii irraa qabuun.


Innillee nafa keenna salphataa nafa isaa ka ulfinna qabu san akka fakkaatuuf hin jijjiira.


Achiin maayii, nu worri jiraata'aarru, Gooftaa qilleensa irratti reebbachu'uuf isaan woliin duummeessaan ol fudhatamna. Achiin maayii hennaa maraa Gooftaa woliin jiraanna.


Gooftaan keenna Yesuus Kiristoos haga mudhatuuf, xuri'ii fi mudaa tokko malee jiraachu'uun ajaja eegi.


Ani Phaawuloos waadaa jireennaa ka Yesuus Kiristoosiin kenname akka himuuf fedha Rabbiitiin ergamaa Yesuus Kiristoosii ta'e irraa:


Kanallee Gooftaan kiyya ka murtii qajeellumma'aa murteessu akkasuma ana calla'aaf uduu hin taane worra dhufa isaa hawwan maraafuu hin kenna.


Abdii eebbifamaa keennaa, innillee mudhata kabajjamaa Rabbiin keenna gudda'aa fi qoricha keennaa Yesuus Kiristoosiin eega'aa uf qaba'aa bara kana qajeellumma'aan Waaqa fakkaata'aa bara kana akka jiraannu nu barsiisa.


akkasuma Kiristoosillee ammoo cubbuu namoota hedduu baadhatu'uuf hennaa tokko haga ciincaa ta'een maayii, isaan fayyisu'uuf worra cubbuu malee isa eeggataniif lammaffaa deebi'ee isaanitti mudhata.


Kanaafuu waan gootan marattuu qalbii teessan qopheessaa'a; worra uf qabdan ta'aa'a; hagatti jiraadhaa'a. Badhaadha Gooftaan Yesuus hennaa mudhatu isinii kennu san abdii godhadhaa'a.


Bulchaan tissee hoolotaa hennaa dhufe badhaasa ulfinnaa ka hin banne argattani.


Ammallee ijoolle, akka hennaa inni dhufe amantaa nuu ta'u akka hennaa dhufa isaa isa afo'otti hin saalfanne isa keessa jiraadhaa'a.


Goshoota tiyya, amma nu'u ijoollee Rabbiiti uf afoo maal akka taanu hin beekkamne. Haata'uu ammoo hennaa inni deebi'ee dhufu akkuma jiruun akka isa fakkaannu hin beenna.


Namni ilma Rabbii qabu, jireenna qaba. Namni Ilma Rabbii hin qabne jireenna hin qabu.


Akka uduu hin gufanne gammachu'uun worra mudaa hin qabne godhee isin dhaabsisuu danda'uuf,


«Waan ayyaanni tokkummaa woldaa Kiristaanaatiin jedhu ka gurra qabu maruu haa dhagayuu! ‹Ka injifatee muka daraaraa isaa nyaatan ka jeennata Rabbii keessa jiru akka nyaatu hin kennaaf.›


Baadaa isi'ii jidduu teessoo Rabbiitiif teessoo Hoola'aa waan akka bilille'ee callanqisu laga bisaan jireennaa natti mudhise.


Worri gara muka jireennaa gayu'uuf baallii qabaatu'uuf gara balbala qachati'ii seenu'uuf worri uffata isaanii miicatan eebbifamtoota.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ