Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Gara Worra Qolasaayisii 2:4 - WAADAA LAMMATAA

4 Eennullee dubbii sossobu'uutiin akka isin hin dogoggorsine kana jedha.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

4 Kana'llee ka isiniin jedhu eennu'llee dubbii sossobi'iitiin akka isin hin sobinneef jedheeti,

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

4 Eennullee dubbii sossobu'uutiin akka isin hin dogoggorsine kana jedha.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Gara Worra Qolasaayisii 2:4
28 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Isin keessaa namoonni gari gariin, worra nu Kiristoos ufiin jedhanii fi raattota dharaa ta'an. Uduu isaanii danda'amee, worra Rabbiif filatame dogoggorsu'uuf malkata gugurda'aa fi baasa hujan.


Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Eennullee akka isin hin dogoggorsine uf eeggadhaa'a!


Sababaanillee Kiristoosonni dharaatii fi raattonni dharaa dhufanii, yoo isaanii danda'ame worra filatamanillee dogoggorsu'uuf malkataa fi baasa hujan.


Amantaan keessanillee hunna Rabbiitiin malee, akka ogummaa namaatiin hin taane, dubbiin kiyyallee Ayyaanaa fi hunna ibsu'uun malee, dubbii ogumma'aa ta sheele'eetiinii miti.


Haata'u ammoo akkuma bofin dharaan Hawwaa dogoggorse, yaanni keessan badee maal laataa qajeellumma'aa fi qulqullinni Kiristoosiif ta'u akka hin jijjiiramne sodaadha.


Haata'uu ammoo, garboota nu godhatu'uuf wolabummaa karaa Kiristoosiitiin arganne san gaadu'uuf obboloonni sobduun dhossa'aan hulluuqanii nu keessa seenan.


Akka dogoggora soba fakkeessuu, sababaa soba namootaatiin qilleensa barumsa sobaa maraan asii fi achi daddarbama'aa asii fi achi rarra'a'aa ammaa achi daa'imman ta'uun nuuf hin ta'u.


Eeganaa worri Yihuudota hin taane akkanumaan sammuu duwwa'an akka jiraata'aa turan sanitti ammaa achi akka hin jiraanne jedha'aa Gooftaa keessa ta'ee raga.


Sababaa kanaaf ijoollee hin ajajamne irratti lolli Rabbii waan dhufuuf, eennullee dubii duwwa'aan isin hin sobin.


Namni kasoo ta'ee gad uf qabu'uu fi Maleekkaa kaddaamuu jaalata'aa; waan hin argine fedha malee keessa seena'aa sammuu fooniitiin waan duwwa'aan uf jaja'aa eennullee isin irratti hin murteessin.


Akka barumsa Kiristoosiititti uduu hin taane, akka aadaa namaatiif akka nama adunyaa tanaa akka barumsa duraa waa uumu'uun soba'aa eennullee akka isin hin boojine uf eegaa'a.


Haata'uu ammoo dubbii adunyaa tanaa hamtuu ta Rabbi hin jaalanne irraa fagaadhu, cubbuu hojjachuu ka duraa caalaa waan edaataniif.


Haata'uu ammoo namoonni hammeeyyiinii fi sobduun worri dogoggoranii dogoggorsan, waan hammeennaatitti jabaata'aa deeman.


Ijoollee, sa'aatiin tun ta dhumaati, Ka waan Kiristoosii mormu akka dhufu dhageettaniirtan. Ammumaa worri waan Kiristoosii mormu hedduu dhufeera. Kanaaf akka sa'aatii dhumaa ta'e hin beenna.


Waan worra isin dogoggorsaniitiif kana isinii barreesseera.


Goshoota tiyya, Ayyaana mara hin amaninaa'a, Haata'uu ammoo ayyaannoni Rabbiin biraa ta'uu isaanii qoradhaa'a. Raadduun sobaa heddu gara adunyaa tanaa waan yaa'aniiraniif.


Dogoggorsitoonni baayi'een gara adunyaa tanaa seenaniiru. Isaanillee worra Yesuus Kiristoos fooniin akka dhalate hin amanne. Inni kun dogoggorsa'aaf ka Kiristoosiin mormu.


Ka adunyaa maraa dogoggorsu, daabiloos yookiin ka seexana jedhamu, Jawween guddaan innillee bofni duraa sun gad-gara lafaa darbame. Maleekkonnillee isaan wol lolan.


Uumama adunya'aatii jalqabee worri maqaan isaanii kitaaba jireennaa ka hoolaa qalamee keessatti hin barreeffamne, worri lafarra jiraatan maruu hin sagadaniif.


Woggaa kumaa hidhee qilee ashuuteetitti gate, worra Yihuudii hin taane duranaa akka hin dogoggorsine haga woggaan kumaa raawwatamuuf isa irratti cufee chaappaa itti godhe. Achiin maayii hennaa gabaaba'aaf hin hiikkama.


Worri Yihuudii hin taane gosa Gogii fi Magoogiin dogoggorsu'uuf kallattii lafaa arfanii bayan. Laakkofsi isaanii akka xindhacha qarqara galaanaati.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ