Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Gara Worra Qolasaayisii 2:2 - WAADAA LAMMATAA

2 Onneen isaanii akka jajjabaatu jaalalaanillee wol ta'anii gara qalbifannaa hubanna'aan argamuutitti, gara durummaa mara akka gayan, dhossaa Rabbii isallee Kiristoosiin akka beekaniif wondhanssa isaaniif baya.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

2 Ka woldhaanuun'llee onneen isaanii jajabaatteetii fi jaalalaan wolitti hidhamanii, hubannaa mudaa dhabeessa mara buufachu'uun dhossaa Waaqaa ka ta'e, Kristosiin akka beekaniif.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

2 Onneen isaanii akka jajjabaatu jaalalaanillee wol ta'anii gara qalbifannaa hubanna'aan argamuutitti, gara durummaa maraa akka gayan, dhossaa Rabbii isallee Kiristoosiin akka beekaniif wondhaansa isaaniif baya.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Gara Worra Qolasaayisii 2:2
58 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Hennaa san Yesuus deebisee akkana jedhe, Abbaa kiyya Gooftaa Sami'iitii fi Ardii kanaa waan maraa ogeeyyi'ii fi beettota jalaa dhossitee, daa'immanitti waan mudhifteef si galateeffadha.


Wonti martinuu Abbaa kiyya irraa naa kennameera. Abbaa malee ka Ilma beeku hin jiru. Akkasuma Ilma isaatii fi worra Ilmi isaa itti mudhisutu Abbaa beeka malee, eennullee ka Abbaa beeku hin jiru.


Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Dhossaa jeennata sami'ii beekuun isinii kennameera. Isaaniif ammoo hin kennamne.


Teefiloosii kabajjamaa'a, worri dura ija ufiitiin arganii fi tajaajiltoonni dubbii isaa akkuma nuuf dabarsan wontoonni nu biratti raawwatame namoonni hedduu seenaa qopheessuu waan yaalaniif anillee akkasuma waan dubbii ati baratte san dhugaa akka beettu, duruma irraa jalqabee mara isaaniituu suutaan xiinxallee tartiibaan si barreessuun mishaa akka ta'e arge.


Yoo godhe ammoo, anallee yoo amanuu dhabaattan, Abbaan akka ana keessa, anillee akka Abbaa keessa ta'e akka beettanii fi akka qaabattan, hujii isaa amanaa'a.»


Wonti Aabbaa maruu kiyya. Kanaaf, ‹Ka ani qabu irraa fuudhee isinitti hima› jedhe.


Akka ati Waaqa dhuga'aa taatee fi Yesuus Kiristoosiinillee akka ergite akka beekaniif tun jireenna bara baraa ti.


Yesuus ammoo, «Abbaan kiyya haga adhaa hin hojjata; anillee akkasuma hin hojjadha» isaaniin jedhe.


Nullee ati Kiristoos Ilma Rabbii jiraata'aa akka taate amanneerra; beenneerralle'e» jedhee deebiseef.


Worri amanan garaa tokko fi yaada tokko qaban. Wonti isaan qaban martinuu ka woliiti malee, ka qaban keessaa eennullee kiyya jedhee hin dubbane.


Waandhi abdii hunna Ayyaana Woyyu'uutiin abdiin akka guddatu amanuu keessaniin gammachu'uu fi nagaya maraa isinii haa kennu.


Eegasuu Oduu Nagayaa waan Gooftaa Yesuus Kiristoosii himame, ka woggaa bara dheeraa dhokate. Amma ammoo ka mudhate ka kitaaba Raattotaatiinillee himame; Rabbi baraa haga bara baraa ajaje amantaa ajajamu'uun akka ta'u haga dhossaan worra Yihuudota hin taane marrati beekkame; haga isinitti mudhate ka isin jajjabeessuu danda'u,


Moo arjumaan Rabbii gara aagii akka si masakku uduu hin beenne, arjumaa isaatii fi waa danda'uu durummaa obsa isaa tuffataa?


Maruu akka baratuuf maruu akka gorfamuuf raaga dubbachuu hin dandeettan.


Nu ammoo waan Rabbiin irraa akkanumaan nuu kenname akka beenuuf, Ayyaana Rabbiin irraa ta'e fudhanne malee, Ayyaana adunyaa tanaa hin fudhanne.


Yihuudii yookiin namni Giriikii hin jiru. Garbichi yookiin wolabaan hin jiru, dhiira yookiin intala jechuun hin jiru; marti keessanuu Yesuus Kiristoosiin keessatti nama tokko waan taataniif.


Akkuma durummaa Ayyaana Rabbiititti, dhiiga Kiristoosiitiin furamuu, araara cubbuu keennaa arganne.


Ayyaana isaatiin keessa qaama keessaniitiin guddiftanii akka jabaattan.


Akkuma armaan dura gabaabsee isin barreesse dhossaa kana akka ibsu na beessise.


Wonti gara keessan erguuf, waan nu keessa jiru akka isinitti himuuf akka isin jajjabeessuuf.


Karaa Kiristoosiitiin gorsa, jaalalaan jabaachu'uun, Ayyaana Woyyu'uun tokkummaa wolii qabaachu'uun, gara-laafinnaa fi araaraan gammachuu kiyya fiixaan naa baasaa'a.


Gooftaa kiyya Yesuus Kiristoosiin beekuun waa mara waan caaluuf ani waa maraa akka waan bu'aa hin qabneetitti laakkayee isaaf jedhee, waa maraan miidhame.


Dubbiin kunillee jalqaba dhalootaatii jalqabee dhossaa dhokatee ture amma ammoo woyyootatti mudhateera.


Rabbi dhossaa ufii ka ulfinna guutuu qabu kana, worra Yihuudota hin taane jiddu'utti namoota ufiititti mudhisuu barbaade. Dhossaan kunillee Kiristoosii isin keessa jiru. Kiristoos abdii ulfinnaa ti.


Kanaaf nullee akkasuma guyyaa kana dhagenne irraa jalqabnee, fedha beekkomsa isaa ogummaa Ayyaanaa hubbannaa sammuu keessan maraa akka isinitti guutuuf waan keessaniif Rabbiin kadhachuu hin dhiifne.


Namni akkanaa kun gara Kiristoosii mataa ta'etti hin dhiyaatu, isaan nafti maruu ribu'uu fi hiddaan nyaata fudhata'aa wolitti ijaarama'aa guddinna Rabbi isaa kennuun guddata.


Kanniin maraa irratti jaalala waa maraa wolitti qabu uffadhaa'a.


Hennaa sanillee waan dhossaa Kiristoos ka ani hidhameef akka himnu, Rabbi ergaa ufiitiif balbala akka nuu banu waan keennaafillee nuu kadhadhaa'a.


Waan nu itti jiru akka bettaniif, akka isin jajjabeessuuf amanama'aa fi jaalatamaa obboleessa keenna Anasimoosiin woliin wonti gara keessan erginuuf waan kanaaf, isaan waan hulee kanaa maraa isinitti himan.


Oduun Nagayaa ka isinii lallabne hunnaa fi Ayyaana Woyyu'uun hubbannaa hedduun malee, dubbii calla'aan gara keessan waan hin dhufneef, isin biratti waan keessaniif attamitti akka jiraanne hin beettan.


Waan amantaa keessaniitiif akka isin jajjabeessuu fi akka isin gorsu, obboleessa keenna tajaajilaa Rabbii ka nu woliin Oduu Nagayaa Kiristoosii hojjatu Ximotiwoosiin gara keessan ergineerra.


Obboleeyyan tiyya! Isin gorsinaa, worra seera malee deeman gorsaa'a, worra hin uggine jajjabeessaa'a, dadhabdootallee gargaaraa'a, namoota maraayyuu obsaa'a.


Dhossaan Rabbiin fakkachu'uu mamii malee gudda'a; «Ka Fooniin mudhate, Ka Ayyaanaan qajeelaa ta'e, Ka Ergamtootatti mudhate, ka banii Yihuudii hin taanee lallabame, Ka biyya lafaa keessatti amaname, Ka ulfinnaan ol baye.»


sodaa sammu'uu ka dharaa irraa qulqullaayu'uun garaa keenna qulqulleeffannee, nafa keenna bisaan qulqullu'uun dhiqannee, amantaa hubanneen garaa qajeelaa'an Rabbitti haa dhiyaannuu.


Amanta'aa fi obsaanillee worra dubbii abdi'ii dhaalan akka fakkaattaniif malee ammshaaggota rincicoota akka isin hin taaneef haga abdiin guutuuf isin maruu ciminna san haga dhumaa akka mudhiftan hin hawwina.


Kanaafuu obboleeyyan tiyya, waamamuu keessanii fi filamuu keessan akka jabeessitan ka duraa caalaa jabaadhaa'a. Waan kanniin yoo gootan horomaa hin gufattan.


Badhaadhumma'aa fi beekkomsa Gooftaa keennaa Yesuus Kiristoosiitiin guddadhaa'a. Isaaf ammallee baraa haga bara baraa ulfinni haa ta'u! Amiin.


Nu worra dhuga'aa akka taane, waan mataan keenna nutti murteessu maraa hin beenna. Isa afo'otti Rabbi waan onnee teenna caalaa guddaa ta'eef, waa maraa hin beeka.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ