Gara Worra Qolasaayisii 1:9 - WAADAA LAMMATAA9 Kanaaf nullee akkasuma guyyaa kana dhagenne irraa jalqabnee, fedha beekkomsa isaa ogummaa Ayyaanaa hubbannaa sammuu keessan maraa akka isinitti guutuuf waan keessaniif Rabbiin kadhachuu hin dhiifne. အခန်းကိုကြည့်ပါ။Waadaa Haarawa9 Kanaaf kana guyyaa itti dhageennee jala qabee isin ogummaa hafuuraya'aa fi hubannaa maraan, fedhii Waaqaa ka hubattanii beekkomissa guutuu akka qabaattaniif, isinii kadhachu'uu fi Waaqa gaaffachuu irraa nu'u addaan hin kunne. အခန်းကိုကြည့်ပါ။Kitaaba Woyyuu9 Kanaaf nullee akkasuma guyyaa kana dhageenne irraa jalqabnee, akka fedha beekkumsa isaa, ogummaa Ayyaanaatii fi sammuu keessanii hubannaa akka kennu waan keessaniif Rabbiin kadhachuu hin dhiifne. အခန်းကိုကြည့်ပါ။ |
Kanaafuu akkuma Ayyaana Waaqa keennaa akkuma Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii maqaan Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii isin biratti ulfaachu'uuf, isinillee isa biratti ulfaachu'uuf, Waandhi Gooftaan keenna isaan waamamu'uun worra gayaa akka taatan godhee akka isin laakkayu, fedha mishummaa isaa maraaf, hujii amanta'aa jabeennaan akka raawwatu, waan keessaniif hennaa maraa faateeffanna.