Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Gara Worra Galaatiyaa 2:9 - WAADAA LAMMATAA

9 Worri bulchoota ijoo fakkaatanii mudhatan, Yaaqoob, Keefa'aa fi Yohaannisillee Rabbi akka kennaa badhaadhummaa naa kenne hubbatanii nu gara worra Yihuudii hin taanee, isaan ammoo gara worra Yihuodotaa akka dhaqan, anaa fi Barnaabaasiin woliin wolii galan.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

9 Akka utuba'aa fakkaatanii durssitoonni mulidhatan Yaaqoob, Phexirosii fi Yohaannis'llee, Waaqinni kennaa isaa ka bilisaatiin carraa addaa ka tajaajilaa kana akka naaf kenne yeroo hubatanitti, anaa fi Baarnaabaasiin malikata nu'u woliin hirmmaachuu isaanii ka ta'e harka isaanii ka mirgaa nuuf ni kennan, nu'u gara ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannee akka deeminuuf isaan'llee gara Yihudotaa akka deemaniif, wolii ni galan.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

9 Worri bulchoota ijoo fakkaatanii mudhatan Yaaqoob, Keefa'aa fi Yohaannisillee Rabbi akka kennaa badhaadhummaa naa kenne hubatanii nu gara worra Yihuudii hin taanee, isaan ammo gara worra Yihuudotaa akka dhaqan, anaa fi Barnaabaasiin woliin wolii galan.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Gara Worra Galaatiyaa 2:9
32 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Ani akkana siin jedha, ati Pheexroos, dhagaa siida'aa kana irratti woldaa tiyya ta Kiristaanaa ijaara. Hunni du'aallee isii hin injifatu.


Yesuus Pheexroosii fi Yohaannisiin, «Hurbaata Ayyaana Faasiika'aa akka nyaannu deema'aatii qopheessaa'a!» jedhee isaan erge.


Innillee firrisee obboleessa ufii Simooniin argee, «Kiristoosiin arganneerra» jedheen. Kiristoos jechuun, «Masihii» jechu'u.


Inni ammoo akka cadhisaniif afaan isaanitti dhadhayatee, attamitti akka Gooftaan mana hidha'aatii isa baase isaanitti himee, waan kana Yaaqoobii fi obboleewwan kaawwanittillee himaa'a isaaniin jedhe. Achii bayeeti gara hulee biraa dhaqe.


Haga isaan cadhisaniin maayessa Yaaqoob akkana jedhee deebise, obboleewwan tiyya na dhagayaa'a.


Haga guddisanii wol mormaniin maayessa Pheexroos ka'ee akkana isaaniin jedhe, obboleewwan tiyya worra Yihuudii hin taane afaan kiyyarraa Oduu Nagayaa dhagayanii akka amanan Rabbi bara hago'oon dura isin keessaa akka file isinuu hin beettan.


Yooseef nama biyya Qophiroosii ka dhalootaan gosa Leewwi'ii ka ergamoonni, «Barnaabaas» jedhaniin tokkotu ture. Barnaabaas jechuun, «Ilma booharti'ii» jechu'u;


Isaa fi maqaa isaatiif worra Yihuudota hin taane maraa jiddu'utti akka ajajamuun amanti'iin ta'e argamu, badhaadhuma'aa fi ergamummaa fudhanne.


Akkasuma isin martinuu haga amantaa Rabbi isinii kenneetiin akka yaaddaniif malee, haga yaaduu barbaachisuu olitti uf jaju'uun waan keessaniif hin yaadinaa'a jedhee, badhaadha naa kennameen isinitti dubbadha.


Haata'uu ammo worri Yihuudii hin taane, Ayyaana Woyyu'uun woyyomanii ciincaa jaalatamaa akka ta'an, Oduu Nagayaa ka Rabbiitiif akka gadichaatitti tajaajilaa, worra Yihuudii hin taaneef tajaajilaa Yesuus Kiristoosii akka ta'u, sababa badhaadhummaa Rabbiin biraa naa keennameen deebi'ee isin hubachisu'uuf jedhee, bakka tokko tokkotti uggiiti'iin isinii barreesse.


Haata'uu ammoo, ani ka badhaadha Rabbiitiin ergame. Badhaadhummaan naa kennamellee duwwaa hin turre; isaan maraa caalaa ammoo natu dadhabe; Haata'uu ammoo badhaadhummaa Rabbii ka na woliin jiru malee, anaa miti.


Ergamoota ijoo sanniin keessaa waan tokkoonillee akka waan isaan hanqadheetitti uf hin laakkawu.


Waan booneef gowwaa ta'eera. Isin na giddisiiftan; isin silaa worra na galatoonfatu. Ani yoo womaa hin taanellee, ergamoota ijoo womanuu hin hanqadhu.


Tajaajila woyyootaa ta'uun akka hirmaattan, arjummaa kana kadhaa gudda'aan nu kadhata'aa turan.


Woggaa sadihiin maayessa Keffaa gaafachu'uuf gara Yerusaalemii bayee, isa woliin guyyaa kudha shan ture.


Ana Phaawuloosii fi obboleewwan na woliin jiran maraa irraa, worra Woldaa Kiristaanaa Galaatiya'aatiif, Rabbii Abbaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin worra du'an keessaa kaaseen malee, namootaan yookaan naman hin ergamne.


Akkuma Rabbi mudhata naa kenneen bayee, maal laataa duwwama akka hin fiinne, yookiin duwwamallee fiigee akka hin jiraanne worra Yihuudii hin taane jiddu'utti Oduu Nagayaa ka himuu isaanitti beessise. Worra Ijoo fakkaatanii mudhataniif hojjatti isanitti hime.


Namni tokko uduu womaa hin taane, yoo waan waa ta'e itti fakkaate uf soba.


Hundee ergamtootaatii fi raattotaa irratti ijaaramtaniirtan. Utubaan dhaga'aallee Yesuus Kiristoos.


Durummaa Kiristoosii ka haga hin qabne, worra Yihuudii hin taanetti lallabneef Rabbiin maraa uume dhossaa seera barootaa keessatti dhokate maraafuu maal akka ta'e akka ibsuuf badhaadhummaan kun ana ka woyyoota maraayuu gad ta'ee kenname.


Waan kanaafillee akkasuma na irratti hunnaan akkuma ka hojjatu hujii isaatitti wondhassa bayu'uun dadhaba.


Yoo ture ammoo, mana worra Rabbii keessatti namni amala attamiitiin akka jiraatu akka sirri'itti beettu sii barreessa, mannillee bu'uura utubaa dhuga'aa ta woldaa Kiristaanaa Rabbii jiraata'aati.


Isinillee nu woliin tokkummaa akka qabaattaniif ka argineef ka dhageenne isinitti himna, tokkummaan keenna Abba'aa fi Ilma isaa Yesuus Kirstoosiin woliin.


Nama injifate galma Waaqa kiyyaa keessatti utubaa isa taasisa. Inni horoma duranaallee achi keessaa hin bayu. Ani maqaa Waaqa kiyyaatii fi maqaa qachaa Waaqa kiyyaa ta Yeruusaalemii haarawa sami'ii dhuftuuf maqaa kiyya haarawa isa irratti barreessa.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ