Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Gara Worra Galaatiyaa 2:7 - WAADAA LAMMATAA

7 Akkuma Rabbi Pheexroosiin worra gadoomaniif Oduu Nagayaa haa himu'uuf yaboo itti kenne, anillee worra hin gadoominiif Oduu Nagayaa akka himu yaboon akka natti kenname beekaniiran.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

7 Gonkumaa Waaqinni Phexirosiin dubbii gammachu'uu Yihuudotatti akka dubbatuuf bifa ergameen, ani'llee dubbii gammachu'uu Ummata Waaqa duga'aa titti hin amannetti akka dubbadhu akka ana taasise ni hubadhe.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

7 Akkuma Rabbi Pheexroosiin worra gadoomaniif Dubbii Nagayaa haa himu'uuf yaboo itti kenne, anillee worra hin gadoominiif Dubbii Nagayaa akka himu yaboon akka natti kenname beekaniiran.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Gara Worra Galaatiyaa 2:7
20 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Baniin maruu hin cadhisse. Baarnaabaasii fi Phaawuloosillee waan Rabbi harka isaanititti worra Yihuudii hin taane jiddu'utti malkataa fi maalalee godhe maraa hennaa isaanitti himan dhagaya'aa turan.


Haata'uu ammoo hennaa isa mormanii fi arrabsaniin uffata ufii hargufata'aa balleessaa keessaniif isintu gaafatama. «Ani qulqullu'u ammaa achi gara worra Yihuudota hin taanee deema» isaaniin jedhe.


Eeganaa, «Fayyummaan Rabbii kun worra Yihuudii hin taaneef akka ergame isin biratti haa beekkamuu. Isaanillee hin dhagayaniin.» [


Gooftaanillee, «Inni kun worra Yihuudii hin taane, moototaa fi ijoollee Israa'elootaa afo'otti akka maqaa kiyya baadhatuuf meeshaa naaf filatame waan ta'eef deemi.


Isaa fi maqaa isaatiif worra Yihuudota hin taane maraa jiddu'utti akka ajajamuun amanti'iin ta'e argamu, badhaadhuma'aa fi ergamummaa fudhanne.


Isiniif worra Yihuudota hin taaneetillee hin dubbadha. Ani haguma worra Yihuudii hin taanee ergamaa ta'e saniin. Worra fira kiyya ta'an hinaafsisee maal laataa isaan keessaa garii yoo ka fayyisu ta'e jedheeti, tajaajila kiyya kabajja.


Kana yoo fedha kiyyaan godhe ammoo mindaa waan qabuf. Fedha malee yoo godhe ammo, hujiin sooru'uu kun yaboo cima'atu natti kennameera.


Woggaa sadihiin maayessa Keffaa gaafachu'uuf gara Yerusaalemii bayee, isa woliin guyyaa kudha shan ture.


Ka badhaadha Kiristoosiitiin isin waame irraa gara galtanii gara Oduu Nagayaa ka biraatitti ariifatannii deebi'uun keessan na maalalchiisa.


Haata'uu ammoo Keefaan gara Antsokiya'aa hennaa dhufe, waan dogoggora isaatiif ani addaataa isa morme. Wonti inni hojjate waan isatti murteessuuf.


Haata'uu ammoo, akka dhugaa Oduu Nagayaatitti akka isaan qajeellumma'aan hin deemne hennaa arge, maraa afo'otti Keefa'aan, «Ati nama Yihuudi'ii taatee, akka nama Yihuudii hin taaneetitti eega jiraatte, attamiin worra Yihuudii hin taane akka Yihuudotaatitti akka jiraataniif isaan giddisiiftaa? jedheen.»


Worri bulchoota ijoo fakkaatanii mudhatan, Yaaqoob, Keefa'aa fi Yohaannisillee Rabbi akka kennaa badhaadhummaa naa kenne hubbatanii nu gara worra Yihuudii hin taanee, isaan ammoo gara worra Yihuodotaa akka dhaqan, anaa fi Barnaabaasiin woliin wolii galan.


Haata'uu ammoo, akka Rabbi qoree nu laalee amanamtoota ta'uu keenna argee, Oduu Nagayaa yaboo nutti keennetti dubbanna. Kanallee yoo goonu, Rabbii keessa keenna qoru san gammachiisu'uuf malee, nama gammachiisu'uufii miti.


Anillee waan kanaaf amanta'aa fi dhugaa lallabu'uuf, worra Yihuudii hin taane barsiisu'uuf akka muudame, dhugaa dubbadha malee hin sobu.


Inni du'a waan mooyateeruuf, ani lallabaa Oduu Nagayaa, ergama'aa fi barsiisaa worra Yihuudota hin taanee akka ta'u, Oduu Nagayaa itti muudame kanaan jireennaa fi bara baraan jiraachuu ifatti baaseera.


Obsuun Goofta'aa fayyinna keessaniif akka ta'e beekaa'a. Akkasuma obboleessi keenna jaalatamaan Phaawuloos haguma ogummaa isaa kennameetiin isinii barreesse.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ