Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Gara Tiito'oo 3:2 - WAADAA LAMMATAA

2 Ka eennuunillee hin arrabsine, worra hin mormine, gara-laafeeyyii, worra nama marattuu fayyaalummaa mudhisan akka ta'an isaan qaabsis.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

2 eennuun irratti'llee waan hamaa akka hin dubbanneef isaan yaadachiisi, kana irra namaan woliin ka wol hin dhabinnee fi gara laafeyyii, mataa gad qabata mudaa hin qabnne, nama maratti ka mulidhisan haa ta'an,

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

2 ka eennuunillee hin arrabsine, worra hin mormine, gara laafeyyii, worra nama marattuu fayyaalummaa mudhisan akka ta'an isaan qaabsis.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Gara Tiito'oo 3:2
35 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Qanbaraa kiyya baadhaa'a. Narraallee baradhaa'a. Ani gara laafeessaa fi Kasoo waan ta'eef, lubbuu teessaniin harabaafata argatanii.


Phaawuloosillee, «Obboleewwan tiyya! Gadicha hayyicha akka ta'e waan hin benneef bulchaa ummataa irratti waan hamaa hin dubbatin jedhamee dubbii Rabbii keessatti barreeffameera» isaaniin jedhe.


Yookiin hattoonni yookiin worri horii dharra'an yookiin worri machaayan yookiin worri nama arrabsan yookiin saamtoonni jeennata Rabbii hin galan.


Ani nama maraa irra ka wolaba baye yoo ta'u, heddu fayyadu'uuf maraayyuu akka garbichaa ta'a.


Anuu Phaawuloosi hennaa isin bira jiru, nama kaso'o jedhame; hennaa isin biraa fagaadhu ammoo nama ija jabaatu jedhame; garalaafumma'aa fi fayyalummaa Kiristoosiitiin isin gorsa.


Hennaa ani gara keessan dhufu akka ani barbaadu taatanii isin arguu dhabuu danda'a. Anillee akka isin jaalattan san uduu hin ta'in, na argitan jedhee sodaadha. Maallaataa mormiin, hinaaffaan, lolli, diiggaan, hamiin, hasaassiin, boonuun, raafamnillee hin ta'a.


Daraaraan Ayyaanaa ammoo, jaalala, gammachuu, Nagaya, obsa, arjummaa, mishooma.


Obboleeyyan tiyya! Namni balleessaa kamiinuu hojjatee yoo argame, isin worri ka Ayyaanaa taatan isin nama akkanaa kana Ayyaana gara laafumma'aatiin qajeelchaa'a. Atillee akkasuma akka hin qoratamne uf eegi.


Eeganaa hennaa yoo arganne, nama maraafuu, keessattuu worra amantootaatii waan mishaa haa goonuu.


Kasoo Ta'u'uun gara laafumma'aan, Obsa maraan, jaalalaan wolii obsaa'a.


Biibbayuu, aaruu, loluu, wocuu, nama arrabsu'uu fi hammeenni maruu isin keessaa haa badu.


Gara-laafinni keessan nama maraa biratti haa beekkamuu. Gooftaan dhiyo'o.


Haata'uu ammoo akkuma guddiftuun ijoollee ufii kunuunsitu, isin jiddu'utti gara-laafeyyii taane.


Akkasuma dubartoonnii worra bilchaatan, worra nama hin hamanne, worra hagatti jiraatanii fi waan maraanuu worra amanaman haa ta'anii.


ka hin machoofne, ka nama hin ujulle gara-laafeessa nama hin mormine, ka birrii hin jaalanne,


Ogummaan Rabbiin irraa ammoo woyyitti'i, araaramtu'u. Gara-laafettii ta maarre jettu, ta araaraa fi daraaraa misha'aan guuttamte, ta mami'ii fi ta uf tuuluulee hin qabne.


Obboleeyyan tiyya! Wol hin hamatinaa'a! Ka obboleessa ufii hamatuu fi ka obboleessa ufiititti murteessu seera hamata. Seerattillee hin murteessa. Yoo seeratti murteessite, ati murteessa'a malee, nama seera hujii irra oolchuu miti.


Eegasuu hammeenna, dhara, uf jajuu, hinaaffa'aa fi hamii mara uf keessaa balleessa'aatii,


Akkuma Kitaabni Woyyuun jedhu, «Namni jireenna barbaaduu fi bara mishaa arguu fedhu, arraba ufii hamtuu dubbachuu irraa, hidhii ufiitiin dhara dubbachuu irraa uf haa eeguu.


Waa maraanuu isin martinuu yaadaan tokko ta'aa'a. Rakkoon nama biraa akka waan keessan ta'eetitti laakkayaa'a. Akka obboleewwaniititti wol jaaladhaa'a, gara-laafeyyi'iif kasoo ta'aa'a.


Isaanillee waan isin isaan woliin hujii hamaa san hin hujjanneef isin maalalanii isin arrabsan.


Kunniin ammoo worra hin beenne maraa hin arrabsan. Akka bineensota sammuu hin qabnee juu jedhanii woma beekanniin badan.


Haala kanaan namoonni kunniin eebjuu eebjatan nafa ufii batteessa'aa baallii Rabbii hin tuffatan. Worra ulfinna qabullee hin arrabsan.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ