Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Gara Tiito'oo 3:1 - WAADAA LAMMATAA

1 Namoota bulchootaa fi worra baallii qaban jalatti bulu'uuf ajajaman hujii mishaa maraaf worra qophayan,

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

1 Namoonni marrinuu bulchitootaa fi namoota aangoo qabaniif mataa gad qabataan akka ajajaman, hujii mishaa mara hojjachu'uuf qophaayota akka ta'an,

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

1 Namoota bulchootaa fi worra baallii qaban jalatti bulu'uuf ajajaman hujii mishaa maraaf worra qophaayan,

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Gara Tiito'oo 3:1
29 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Isaan deebisanii, «Ka mootii mootota biyya Rooma'aa ti» jedhaniin. Achiin maayessa inni, «Kanaaf, waan mootii moototaa mootii moototaatiif, waan Rabbii Rabbiif kennaa'a» isaaniin jedhe.


Kanaaf obboleeyyan tiyya! Jaalatamtoota dadhabbiin keessan, Goofta'aan duwwaa akka hin taane, waan beettaniirtaniif, worra midhaaffatan ka hin sochoone worra hujiin Goofta'aa hennaa maraa isinii baay'ate ta'aa'a.


Nu uumama isaa waan taaneef, Rabbi firrisee hujii mishaa inni qopheesse akka hojjannuuf karaa Yesuus Kiristoosiitiin uumamne.


Hujii mishaa maraan daraaraa daraara'aa, beekkomsa Rabbiitiinillee guddata'aa,


Kanaafuu obboleeyyan uduu yaadachiftee amanta'aa fi dubbii barumsa mishaa hordofteen yoo dubbii barsiifte, tajaajilaa mishaa Yesuus Kiristoosii taata.


Ijoollee guddisu'uun, keessummaa simachu'uun, luka woyyootaa dhiqu'uun, worra rakkattoota gargaaru'uun, hujii mishaa maraa hordofa'aa hujii mishaa akkanaa godhu'uun ta ragameef ta'uu barbaachisa.


Sababaa kanaan akka nama ibidda qabsiisuutitti kennaa Rabbii ka harka kiyya sirra kaayu'uun argatte san akka kakkaaftu si qaabsisa.


Waan kana isaan qaabsis, dubbi'iin akka wol hin dhabne, Rabbiin afo'otti gorsi. Kun waan faayidaa hin qabne, worra dhagayullee waan diiguuf.


Eeganaa ennullee waan kanniin irraa yoo uf qulqulleesse, woyyuu ulfinnaaf ta'u, ka Gooftaa isaatiifillee fayyadu, meeshaa hujii mishaa maraaf qophaye ta'a.


Isaan Rabbiin beenna jedha'aa ifa dubbatan. Haata'uu ammoo worra nama jibbisiisuu fi worra hujii mishaa hojjachuu hin dandeenne waan ta'aniif, hujii ufiitiin isa ganan.


Qorichi keenna hammeenna maraa jalaa akka nu furu waan misha'aa fi qajeelaa godhu'uuf banii isaaf ta'u ufiif qulqulleessu'uuf lubbuu ufii nuu kenneera.


Worra gosa keenna keessattillee akkasuma jireenna bu'aa hin qabne akka hin jiraanne waan barbaachisu maraan hujii misha'aa fi uf kennuu haa baratanii.


Worri Rabbiin amanan hujii misha'aan uf eegganna'aan akka jabaatan, kanniin cimstee akka dubbattu si hoffolcha. Kun misha'aa fi waan namoota fayyadu.


karaa Yesuus Kiristoosiitiin afoo ufiititti waan isa gammachiisu isiin keessatti raawwata'aa akka isin fedha isaa mishaa mara gootaniif guutuu isin haa taasisuu. Isaaf baraa haga bara baraa ulfinni haa ta'u! Amiin.


Kanaafuu waan kanniin hagamillee yoo beettan, dhugaa isin bira jirtuun hagamillee yoo dhaabattan waan kanniinii hennaa maraa isin qaabsisuu hin dhiisu.


Yoma dursitanii waan kana mara beettan ta'ellee, Gooftaan banii biyya Misiriitii attamitti akka baase, maayii worra amanuu dhaban attamitti akka balleesse isin qaabsiisuu fedha.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ