Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Gara Tiito'oo 2:12 - WAADAA LAMMATAA

12 Badhaani kunillee cubbu'uun jiraachu'uu fi hawwii biyya lafaa waakkanne.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

12 Kennaan bilisaa kun'llee waakki'ii fi hawwii foonayaa dhiisu'uun mataa ufii toowachu'uun, qajeelumaa fi nama hafuuraa ta'u'uun biyya lafaa kana irra akka jiraannu nu barsiisa.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

12 Badhaani kunillee cubbu'uun jiraachu'uu fi hawwii biyya lafaa waakkanne.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Gara Tiito'oo 2:12
59 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Namni Ilma Namaatiin mormee waa dubbatu hin dhiifamaaf. Namni Ayyaana Woyyu'uun mormu ammoo, adunyaa tanarratti yookiin adunyaa dhuftu irrattillee hin dhiifamuuf.


Achiin maayessa Yesuus darasoota ufiitiin akkana jedhe, «Na faanaa deemuu ka fedhu yoo jiraate uf haa waakkatuu, fannoo ufii baatee na faanaa haa deemuu»


Waan ani isin seere maraa akka eegan barsiisaa'a. Ani hennaa maraa haga dhuma biyya lafaa isin woliin jira» isaaniin jedhe.


Isaan lamaanuu ajaja Goofta'aatii fi seera maraanuu mudaa malee jiraachu'uun Rabbiin afo'otti qajeellota turan.


Bara keenna maraa sodaa malee woyyumma'aa fi qajeellumma'aan, afoo isaatitti akka isa tajaajillu nuu kenne.


Ammaa achi isin woliin waan heddu hin qaaqu, bulchaan adunyaa tanaa waan dhufuuf, inni na irraa waan tokko hin qabu.


Isaanillee galaana gamatti hennaa isa argan «Barsiisaa'a, yoomiin garana dhufte?» jedhaniin.


Kanaafuu ani ammoo Rabbii fi nama afo'otti hennaa maraa ka mudaa hin qabne sammuu qulqullaayaa akka qabaadhuuf jabaadha.


Innillee waan qulqullinnaa, waan mataa ufii tooyatu'uu, waan murtii dhufu'uuf jiruu dubbata'aa uduu jiru, Filiksi sodaatee, «Amma deemi; hennaa naa tole ergee si waamsisaa» jedhee deebise.


Fedhiin Rabbii misha'aa fi ka nama gammachiisu waan mudaa hin qabne maal akka ta'e qorattanii akka beettan haarawoomuu qalbii teessaniitiin jijjiramaa malee, adunyaa tana hin fakkaatinaa'a.


Eegasuu hawwii isaatii akka ajajamtan, foon keessan ka du'u irratti cubbuun hin mooyin.


Waan dadhabii foon keessanii akkuma namni jedhu jedha; qaamni keessan hammeenna akka raawwatu, battumma'aa fi hamneennaaf garboota gootanii akkuma dhiyeessitan, akkasuma qaamni keessan akka woyyoomuuf qajeellumma'aaf garbicha godha'aatii dhiyeessaa'a.


Akka fedha fooniititti yoo jiraattan, hin duutan; hujii Ayyaanaatiin hujii fedhii foonii yoo ajjeeftan hin jiraattan.


Eeganaa wonti nu ittiin uf janyu kana waan ta'eef, ogummaa fooniitiinii miti. Badhaadhummaa Rabbiitiin malee. Woyyummaa Rabbiitii fi qajeellummaa adunyaa tanaa caalla'atti isin bira akka jiraanne sammuun keenna raga'a.


Eeganaa jaalatamtoota kiyya dubbii abdi'ii kana yoo qabaanne, sodaa Rabbiitiin woyyummaa guutuu godhu'uun waan nafa kennaaf ayyaana keenna batteessu maraa irraa uf haa qulqulleessinuu. Isin garaa keessan nuu badhisaa'a.


Akka fedha Rabbii abbaa keennaatitti bara hamaa kana keessa nu fayyisu'uuf jedhee, Kiristoos waan cubbuu keennaatiif dabarsee uf kenne.


Worri ka Yesuus Kiristoosii ta'an, hawwii hamaa foon isaanii woliin fannisaniiran.


Uduu adunyaan hin uumamne, afoo isaatitti woyyootaaf worra mudaa hin qabneef jaalalaan akka jiraannuuf karaa Kiristoosiitiin nu filate.


Rabbi Battumma'aaf uduu hin taane, woyyumma'aaf nu waameera.


Waan wol jaalachuu obboleeyyanii isinii barreessuun hin barbaachisu. Wol jaalachuun akka isin barbaachisu isinuu Rabbiin irraa waan barattaniirtaniif.


Bara adhaa worri dureeyyii ta'an, waan uf jaju'uu akka hin yaanne Rabbiin jiraata'aan akka gammannuu waa maraa caalchisee nuu keennuun malee, durummaa darbu akka abdii hin godhanne isaan gorsi.


Haata'uu ammoo worri dureeyyii ta'uu barbaadan badi'ii fi diiggamaan waan namoota liqimsuun, ceemsiisuun, waan nama miidhuuf, hawwii gudda'aa fi soba ataabe'ee irratti kufan.


Dhuga'aan worri Yesuus Kiristoosiin keessatti Rabbiin fakkaata'aa jiraatuu jaalatan martinuu hin reebaman.


Gara Tasoloonqe'ee deemeera. Qerqiisi gara Galaatiyaa, Tiitoonillee gara Dilimaxiya'aa deemaniiran.


Nullee akkasuma duraan worra waa hin hubanne, ka hin ajajamne, worra dogoggoru, haawwi'ii fi gammachuu foonii ka adda addaatiif garbicha taanee, hammeennaa fi hinaaffa'aan worra jiraatu, worra wol-loluu fi worra wol jibbu turre.


‹Marti isaaniituu ollaa ufiitiin obboleessa ufiitiinillee, Gooftaa beeki! jedhee hin barsiisu; diqqa'aa haga gudda'aatitti martinuu waan na beekaniif.


Kaddaamuun qulqulluu ta'e, Rabbii Abbaa biratti ka mudaa hin qabne kana. Ijoollee abbaa haadha hin qabnee fi dubartoota abbaan manaa irraa du'e gargaara'aa hamaa biyya lafaa irraa uf eeggachu'u.


Worra Gooftaa kaddaaman ataabee jalaa baasee worra cubbamoota keessattuu, worra hawwii shinga'aa, dharraa foonii hamaa duukaa deema'aa worra Gooftummaa isaa tuffatan adaba'aa haga guyyaa murti'ii saniif attamitti akka isaan tursiisu hin beeka. Isaan kun worra uf jajaniif goota worra baallii qaban arrabsuu hin sodaanne.


Kun maruu yoo ka akkanatti baqee badu ta'e, isin attamitti jiraachuu isinii woyya ree? guyyaa gaafa dhufa Rabbii eeggata'aa dhufa isaa ariifachiisa'aa, jireenna woyyu'uun namoota Rabbii fakkaata'aa jiraadhaa'a, guyyaa san samiin gubattee baxxi; uumamni samii keessaa oo'a gudda'aan diiggaman.


Dibanni isin Kiristoosiin irraa argattan isin irra jira. Eennullee isin barsiisuu hin barbaachisu. Haata'uu ammoo dibanni Ayyaanaa waa maraa akka isin barsiisu, dhugaa akka ta'eef soba akka hin taane akkuma isin barsiisan sanitti isaan jiraadhaa'a!


Ka, «Isa keessa jiraadha» jedhu, akka inni jiraatutti haa jiraatuu.


Nu ijoollee Rabbii akka taaneef, adunyaan martuu hunna hamaa san jala akka jirtu hin beenna.


Isaan bara dhumaa cubbuu isaaniitiif halcha badaa ufiitiin deema'aa worra Asheessu waan isaaniin jedheef.


Worri ajaja Rabbii eeganii fi woyyoonni Yesuusiin amanu'uun jabaatan.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ