Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Gara Tiito'oo 1:3 - WAADAA LAMMATAA

3 Hennaa barri gaye akkuma qorichi keenna Rabbi ajajee yaboon naa kenname dubbii lallaba Oduu Nagayaa naa kennameen dubbii ufii ibse.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

3 Barichi yeroo gayetti'llee ajaja Fayyisaa keenna Waaqaatiin ani akka lallabuuf karaa yaboo natti kennameetiin, Waaqinni dubbii isaa ni muldhise.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

3 Inni hennaa murteessetti ajaja Rabbii fayyisaa keennaatiin lallaba yaboo natti kenname kanaan dubbii ufii addaataa godhe.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Gara Tiito'oo 1:3
39 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Haata'uu ammoo, Oduun Nagayaa duraan dursee banii maraaf hin lallabama.


Inni, «Gara biyya lafaa maraa dhaqaa'a! Uumama maratti Oduu Nagayaalallabaa'a!


Garaan kiyyallee Waaqa fayyisaa kiyyatti hin gammada.


Yesuus Kiristoos Gooftaa maraa ta'een nagaya isaa lallaba'aa dubbii kana gara ijoollee Israa'elii erge.


Maal laataa yoo ka qoru'uun bira gayan ta'e Rabbiin akka soqaaniif ardii maraa irra akka jiraataniif gosa ilmaan namaa maraa nama tokkicha irraa uume. Baroota murtaayeef daangaa lafaa irra jiraatanillee isaanii kenne. Haata'uu ammoo nu maraa irraa ka fagaatee miti.


Kanaafuu Yerusaalemii jalaqabee haga Iliwaarqoon naannayee Oduu Nagayaa ka Kiristoosii guutumaan guutu'utti lallabeera.


Eegasuu Oduu Nagayaa waan Gooftaa Yesuus Kiristoosii himame, ka woggaa bara dheeraa dhokate. Amma ammoo ka mudhate ka kitaaba Raattotaatiinillee himame; Rabbi baraa haga bara baraa ajaje amantaa ajajamu'uun akka ta'u haga dhossaan worra Yihuudota hin taane marrati beekkame; haga isinitti mudhate ka isin jajjabeessuu danda'u,


Uduu nu dadhabdoota taaneerru, hennaa barri gaye Kiristoos cubbamtootaaf du'eera.


Kana yoo fedha kiyyaan godhe ammoo mindaa waan qabuf. Fedha malee yoo godhe ammo, hujiin sooru'uu kun yaboo cima'atu natti kennameera.


Haata'uu ammoo, barri murtayee sun hennaa gaye, Rabbi ilma ufii ka dubartii irraa dhalate, ka Seeraa gad ta'e erge.


Bara dhumaa keessa waan godhu'uuf karoorfate, waan ardi'ii fi samii irra jiru maraa, karaa Kiristoosiitiin wolitti qabu'uuf.


Dhufeeti isin worra Rabbiin irraa fagaattanii turtaniif nagaya, worra gara Rabbii dhiyattanii jirtaniifillee nagaya gammachuu jedhee lallabe.


Kanaafuu hidhamuun kiyya waan Kiristoosiitiif akka ta'e Waardiyoota mana mootitti'iitii fi kaawwan maraa birattillee ifa ta'eera.


Kunillee hundeeffamtanii, midhaaffattanii, abdii Oduu Nagayaa ka dhageettan irraa uduu hin raafamne, amanta'aan dhaabattanii, yoo jiraattan isinii ta'a. Oduun Nagayaa sunillee uumama sami'ii gadi jiran maratti ka himame. Anillee Phaawuloos tajaajilaa isaa ta'e.


Kunillee akkuma adunyaa maraa gaye, gara keessanillee gayeera. Ayyaana Rabbiillee dhuga'aan guyyaa dhageettanii fi beettan irraa jalqabee, akkasuma akkuma isin keessallee jiru, akkasuma adunyaa irratti daraaraa daraara'aa hin guddata.


Haata'uu ammoo, akka Rabbi qoree nu laalee amanamtoota ta'uu keenna argee, Oduu Nagayaa yaboo nutti keennetti dubbanna. Kanallee yoo goonu, Rabbii keessa keenna qoru san gammachiisu'uuf malee, nama gammachiisu'uufii miti.


Akkuma ajaja Rabbiin qorichi keennaa fi abdiin keenna Yesuus Kiristoos ajajeen, ka ergamaa Rabbii ta'e ana Phaawuloosiin irraa:


Rabbi qorichi keenna namoonni maruu akka fayyaniif dhugaa maraa akka beekan jaalatu afo'otti wonti mishaanii fi ka nama gammachiisu kana.


Nu Waaqa jiraataa fayyisaa nama maraa ta'e; keessumatu ka worra amananiititti waan abdanuuf, hin dadhabna, hin arabamnalle'e.


Haata'uu ammoo hujiin lallaba Oduu Nagayaa ka anaan raawwatamuuf, akka worri Yihuudotaa hin taane martinuu dhagayaniif Gooftaan na bira dhaabatee na jabeesse. Afaan leencaa jalaallee na hambise.


Uduu hin mormineef hin hanne amanamummaa mishaa mara akka argisiisan isaan gorsi.


Abdii eebbifamaa keennaa, innillee mudhata kabajjamaa Rabbiin keenna gudda'aa fi qoricha keennaa Yesuus Kiristoosiin eega'aa uf qaba'aa bara kana qajeellumma'aan Waaqa fakkaata'aa bara kana akka jiraannu nu barsiisa.


Ka duumeessa irra taa'e, haamtuu ufii gara biyya lafaa erge, biyyi lafaallee hin haamamte.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ