Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Gara Tiito'oo 1:1 - WAADAA LAMMATAA

1-2 Phaawuloos garbicha Rabbiitii fi ergamaan Yesuus Kiristoosii, worra Rabbiin filatamaniif akka amantaa isaanii ta'u, abdii bara baraatii fi akka kaddaamuu dhuga'aa beekaniif ka ergame; waan jireenna kanaatiif Rabbiin hin sobne baroota hedduun duratti abdii kenne.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

1 Tajaajilaa Waaqaatii fi barataa Yesus Kristosii ka ta'e, namoota Waaqinni isaan filate jabeessu'uu fi amanitii isaanii'llee guutumaa guutu'utti akka beekan isaan taasisu'uuf, ka muudame Phaawulosiin irraa ka ergame,

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

1 Phaawuloos garbicha Rabbiitii fi ergamaan Yesuus Kiristoosii, worra Rabbiin filatamaniif akka amantaa isaanii ta'u, abdii bara baraatii fi akka waaqeffannaa dhuga'aa beekaniif ka ergame;

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Gara Tiito'oo 1:1
23 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Rabbi ammoo worra isaaf filataman ka halkanii fi guyyaa gara isaa iyyaniif murtii qajeelaa hin murteessuufii ree?


Worri Yihuudota hin taanellee dhagayanii gammadanii dubbii Rabbiillee kabajjan. Worri jireenna bara baraatiif qophaayan maruu amanan.


Ka ergamaa ta'u'uuf waamame garbicha Yesuus Kiristoosii Phaawuloosiin irraa, Oduu Nagayaa Rabbii ka afaan raattotaatii fi ka kitaaba woyyootaa keessatti firrisee abdii kenneefiif fooyame.


Ka fedha Rabbiitiin ergamaa Yesuus Kiristoosii ta'e Phaawuloos obboleessi isaallee Ximootiwoos Woyyoota biyya Akaayiyyaa keessa jiraatan maraa woliin woldaa Kiristaanaa Rabbii ta Qorontoos jirtu maraaf.


Badhaani isaa amanta'aan isin fayyiseera. Kunillee kennaa Rabbiiti malee, hujii keessaniinii miti.


Garboota Yesuus Kiristoosii Phaawuloosii Fi Ximootiwosiin irraa, worra qachaa Filiphisiyuusii keessa jiraatan, ka karaa Kiristoos Yesuusiitiin qajeelaa ta'an maraaf, akkasuma tooyattootaa fi gargaartoota woldaa Kiristaanaatiif:


Onneen isaanii akka jajjabaatu jaalalaanillee wol ta'anii gara qalbifannaa hubanna'aan argamuutitti, gara durummaa mara akka gayan, dhossaa Rabbii isallee Kiristoosiin akka beekaniif wondhanssa isaaniif baya.


Dhossaan Rabbiin fakkachu'uu mamii malee gudda'a; «Ka Fooniin mudhate, Ka Ayyaanaan qajeelaa ta'e, Ka Ergamtootatti mudhate, ka banii Yihuudii hin taanee lallabame, Ka biyya lafaa keessatti amaname, Ka ulfinnaan ol baye.»


Eennullee barumsa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii ta'een ala, ka barumsa addaa barsiisuuf dubbii nagaayaa, barumsa Rabbiin sodachu'uu kana ka hin fudhanne yoo jiraate, inni nama womaa hin beenne ka,


Kanaafuu isinillee fayyinna karaa Yesuus Kiristoosiitiin argamu ulfinna bara baraa woliin akka argattan waan worra filatameetiif waan maraanuu hin jabaadha.


Haata'uu ammoo wol dhabbii akka fidu beekiitii worra ceem'aaniif qora worra hin barannee irraa fagaadhu.


Akkasuma maallaataa Rabbi akka dhugaa beekanii fi akka aagii galan isaan taasisa, fedha daabiloosii raawwatu'uuf siiboo isaa jalaa bayanii gara qalbii isaanii hin deebi'an jedha'aa worra isa morman gara laafumma'aan isaan haa adabu.


Garbicha Rabbiitii fi Gooftaa Yesuus Kiristoosii Yaaqoobiin irraa, gosoota kudha lama worra bittinnooftaniif nageenni isinii haata'u.


Kun maruu yoo ka akkanatti baqee badu ta'e, isin attamitti jiraachuu isinii woyya ree? guyyaa gaafa dhufa Rabbii eeggata'aa dhufa isaa ariifachiisa'aa, jireenna woyyu'uun namoota Rabbii fakkaata'aa jiraadhaa'a, guyyaa san samiin gubattee baxxi; uumamni samii keessaa oo'a gudda'aan diiggaman.


Ka ilma Rabbii ganu maruu Aabbaan hin qabu. Ka ilma Rabbii heddatu Aabbaallee hin qaba.


Kun mudhata waan dafee ta'u'uuf ta'uu ka Rabbi garboota ufiititti mudhisu'uuf jedhee Yesuus Kiristoosii kenneef ka Yesuusillee Maleekkaa ufiitiin ergee garbicha ufii Yohaannisitti mudhise.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ