Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Gara Ibirootaa 5:7 - WAADAA LAMMATAA

7 Innillee hennaa lafa tana irra jiru laagaa gudda'aaf imimmaaniin faate'ee fi kaawwanii kadhachu'uun gara Waaqa isa hambisuu danda'uutitti dhiyeesse. Gadi uf qabee waan ajajameef Rabbi kadhaa isaa dhagayeef.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

7 Yesus nama ta'ee biyya lafaa kana irra yeroo jiraatetti gara Waaqa du'aa isa kaasuu dandda'uu iyyiinsa ol aana'aan, imimmaan baayi'ee kadhanna'aa fi woriwwaataan kadhaa ni dhiyeesse, mataa gad qabataan mataa isaa ajajamaa taasisuu isaatiin, Waaqinni kadhannaa isaa ni dhagaye.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

7 Inni hennaa lafa tana irra jiru laagaa gudda'aa fi imimmaaniin faate'een, kaawwaniillee kadhachu'uun gara Waaqa isa hambisuu danda'uutitti dhiyeesse. Gadi uf qabee waan ajajameef Rabbi kadhaa isaa dhagayeef.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Gara Ibirootaa 5:7
38 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Yesuusillee kana dubbatee ija ufii gara sami'ii ol kaasee akkana jedhe, «Abbaa kiyya, sa'aatiin gayeera. Ilmi kee akka si kabajju foon uffataa maraa irratti baallii akka kenniteef worra kenniteef maraa akka jireenna bara baraa kennuuf Ilma kee kabajji.


Gara sa'aatii sagaliititti Yesuus, «Elohee, Elohee, lamaa sabaktanii?» jedhee laagaa gudda'aan iyye. Akkas jechuun, «Rabbii kiyya, Rabbii kiyya, maaf na dhiifte?» jechu'u.


Sa'aatii sagal irratti Yesuus, «Elohii, Elohii laamaa Sabaktanii?» jedhee laagaa gudda'aan iyye; akkasi jechuun, «Rabbii kiyya, Rabbii kiyya, maaf na dhiifte?» jechu'u.


Kanaafuu jeennata hin raaffamne waan argannuuf, Rabbiin kabajju'uuf sodaatu'uun gammachiisa'aa, badhaadha isa ittiin kaddaamuu haa qabaannuu.


Yesuusillee lammaffaa laagaa gudda'aan iyyee lubbuu ufii kenne.


Yesuus laagaa gudda'aan iyyee lubbuu ufii dabarsee kenne.


Eegannaa ijoolleen isaa worra foonii fi dhiiga qaban waan ta'aniif, innillee akkasuma ka du'a irratti baallii qabu daabiloosiin akka diigu, worra jireenna isaanii maraan waan sodaa du'aatiif garbumma'aa jalatti hidhaman maraa bilisa baasu'uuf akkuma isaanii nama ta'e.


Yesuusillee laagaa gudda'aan iyyee, Abbaa lubbuu kiyya harka keetitti yaboo dabarsee kenna jedhe. Kana jedhee lubbuu ufii dabarsee kenne.


Ka dhiiga waadaa bara baraatiin tissee guddaa hoolotaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin ka worra du'an keessaa isa kaase Waandhi nagayaa,


Dhossaan Rabbiin fakkachu'uu mamii malee gudda'a; «Ka Fooniin mudhate, Ka Ayyaanaan qajeelaa ta'e, Ka Ergamtootatti mudhate, ka banii Yihuudii hin taanee lallabame, Ka biyya lafaa keessatti amaname, Ka ulfinnaan ol baye.»


Dogoggorsitoonni baayi'een gara adunyaa tanaa seenaniiru. Isaanillee worra Yesuus Kiristoos fooniin akka dhalate hin amanne. Inni kun dogoggorsa'aaf ka Kiristoosiin mormu.


Ayyaanni Yesuus Kiristoos akka fooniin dhalate hin amanne maruu ka Rabbiitii miti. Innillee Ayyaana Kiristoosiin mormu. Kun akka dhufu dhageettaniirtu, ammumaa adunyaa keessa jira.


Haata'uu ammoo, barri murtayee sun hennaa gaye, Rabbi ilma ufii ka dubartii irraa dhalate, ka Seeraa gad ta'e erge.


Hennaa maraa akka na dhageettu hin beeka. Haata'uu ammoo akka ati na ergite akka amananiif banii as dhaabatu kanaaf dubbadhe» jedhe.


Namummaan namaa waan dadhabaa ta'eef, waan seerri godhuu dadhabe, Rabbi godhe; Rabbi Ilma ufii ka fakkeenna namummaa keennaa cubbamaa fakkaate ergee cubbuu akka haqu godheera.


Jechi nama ta'e; Inni badhaadha, Ayyaanaa fi dhuga'aan guuttamee nu keessa bule. Nu'u ulfinna Ilmi tokkichi Abbaa ufii biraa qabuutitti, ulfinna isaa argine.


Kanaafuu hennaa gara adunya'aa dhufe, «Ati kenna'aa fi ciincaa hin jaalanne, nafa naa qopheessite.


Akka fedha Rabbiitiin nu foon Yesuus Kiristoosii ka hennaa tokko ciincaa ta'ee kennameen woyyuu taaneerra.


Nohi waan haga ammaa hin mudhanne amanta'aan hubatee, Rabbiin sodaata'aa maatii ufii hambisu'uuf markaba amanta'aan hojjate. Sababa amantaa isaatiif biyya lafaatitti yakki murame. Inni qajeellummaa amanta'aan argamu dhaale.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ