Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Gara Ibirootaa 13:5 - WAADAA LAMMATAA

5 Jaalala birri'ii irraa uf eegaa'a. Wontummaan qabdan isin haa gayu. Inninuu, «Si hin dhiisu, sirima si hin gatu» waan jedheef.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

5 Jaalala qarshi'ii irraa fagaadhaa, ka qabddanuu isin haa gayu, Waaqinni «Gonkumaa si hin gatu, akkuma kana si hin dhiisulle'e» jedhee jira.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

5 Jaalala birri'ii irraa uf eegaa'a. Wontummaan qabdan isin haa gayu. Inninuu, «Si hin dhiisu, sirima si hin gatu» waan jedheef.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Gara Ibirootaa 13:5
46 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Yesuus ammallee, «Qabeenna keessan lafa irratti hulee rimminii fi dammeessaan balleessutti, hulee hattoonni cabsitee hattutti, hin kuufatinaa'a.


«Kanaaf akkana isiniin jedha, jiruu teessaniif maal nyaanna yookiin maal dhunna, yookiin nafa keessaniif, maal uffanna jettanii hin yaaddayinaa'a! Jiruun nyaata, nafti uffata hin caaluu?


Kanaafuu waan boruutiif hin yaaddayinaa'a; guyyaan boruu ufiifuu yaada isa gawu qabaa; rakkinni adhaa adhaaf hin gaya.


seebaruu, luqunuu, hammeenna, sobuu, hoossuu, hinaaffaa, maqaa balleessuu, uf jaju'uu fi ceem'uu fa'a.


Loltoonni gariin, «Nu hoo ree? maal goona?» jedhanii isa gaafatan. Innillee isaaniin, «Eennuun irrattillee waan hamaa hin hojjatinaa'a, eennuunillee dharaan hin himatinaa'a, mindaan keessanuu isin haa gayuu» isaaniin jedhe.


Sanyiin qoree keessatti bu'ellee worra dubbii dhagayanii. Akkuma oolmetii isaanii ka duraatiti yaada'aa, badhaadhummaa jireenna qananiitiinillee waan hudhamaniif, sanyii hin godhatan.


Hammeenna, luquna, dhara maraan guuttaman; hinaaffaa, lubbuu ajjeesuu, mormii, amala dharaatii fi hammeennaan guuttaman.


Haata'uu ammoo obboloota worra jedhaman keessaa tokko, seebaraa yookiin ka horii dharra'u yookiin ka waaqa tolfamaa kaddaamu yookiin ka nama arrabsu yookiin machaayaa yookiin saamaa yoo ta'e, isa woliin akka wolii hin galle isinii barreessa. Nama akkanaa kanniin woliin nyaatumallee hin nyaatinaa'a.


Yookiin hattoonni yookiin worri horii dharra'an yookiin worri machaayan yookiin worri nama arrabsan yookiin saamtoonni jeennata Rabbii hin galan.


Hin ari'atamna malee, hin gatamnu, hin kufina malee, hin bannu.


Wonti woyyootaa hin taane, seebaruun, battumma'aa fi dharra'uun isin biratti sirimaa hin dhagayamin.


Waan kana beekaa'a, seebara yoo ta'e yookiin battii yookiin ka dharra'u, ka waaqa tolfamaa kaddaamullee, Kiristoosiif jeennata Rabbiititti ristii hin qabu.


Eeganaa dharraa foonii ta lafa tanaa ka isin keessa jiru ajjeesaa'a, isaanillee seebaruu, battummaa, wol qirqissuu, waaqa tolfamaa kaddaamu'uu fi hawwii hamaa fa'a.


ka hin machoofne, ka nama hin ujulle gara-laafeessa nama hin mormine, ka birrii hin jaalanne,


Isaan hennaa maraa halcha hama'aa fi ija cubbuu hujuu irraa hin deebine qaban, namoota amanta'aanii jabaatanii hin dhaabanne dogoggorsan, qalbii fedha bada'aan guuttamte qaban; isaan worra abaarame.


Barsiisonni dharaa kunniin dharraa birri'iitii ufumaa mammaaka dubbata'aati isin irraa nyaatan; murtiin isaanii duri irraa jalqabee hin turu; badiin isaaniillee hin mugu.


Waan karaa Qaayiniitiin deemanii waanuma inni godhe waan godhaniif, waan minda'aatiif jedhanii dogoggora Bala'aamii keessa seenanii akka finqila qore'eetiin waan badaniif isaan Aanne'e!


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ