Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Gara Ibirootaa 12:3 - WAADAA LAMMATAA

3 Lubbuu keessaniin hifattanii akka hin dadhabne, Yesuusiin mormii cubbamtoota irraa isa gaye obse san qaabadhaa'a.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

3 Eegaa uduu hin hifatinii fi uduu abddii hin kutatin, mormmii cubbamootaa kana mara ka obisse Yesusiin laalaa.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

3 Lubbuu keessaniin hifattanii akka hin dadhabne, Yesuusiin mormii cubbamtoota irraa isa gaye obse san qaabadhaa'a.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Gara Ibirootaa 12:3
46 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Ilmi Namaa nyaata'aa dhuga'aa hennaa dhufe, Isaan ammoo, ‹Daadhii woyini'ii dhugu'uuf ka nyaatee hin quufne hiriyyaa qaraxxootaatii fi cuubamtootaa ti› jedhaniin. Haata'uu ammoo Ogummaan Rabbii, hujii ufiitiin mirkanoofteerti» jedhe.


Worri Fariisootaa ammoo hennaa kana dhagayan, «Inni hunna mootii jinni'ii ka Bi'eelzeebul jedhamu calla'aan malee jinniiwwan hin baasu» jedhan.


«Darasoonni kee maaf aadaa manguddootaa hin kabajjine? isaan hennaa xoroshoo nyaatan harka ufii hin dhiqatan!» jedhaniin.


Gara mana woyyuu seenee uduu barsiisu, bulchoonni gadootaa, manguddoonninii fi gumiin gara isaa dhiyaatanii, «Ati baallii maali'itiin waan kana goota? baallii kana eentu sii kenne?» jedhaniin.


Isa qabuu barbaadanii, gumiin akka raagaatitti waan isa laaluuf isaan sodaatanii isa dhiisan.


Kanaafuu Fariisoonni deemanii attam godhanii dubbi'iin akka isa qaban mari'atan.


Guyyaa Sambataatiin, Yesuus hurbaataa nyaachu'uuf, gara mana bulchaa Fariisotaa keessaa gara mana nama tokkoo dhaqe; worri gaadu isa eega'aa turan.


Fariisonninii fi Barsiisonni Seera Muuse'ee, Kun cubbamoota simata, isaan woliin nyaata jedhanii itti guunguman.


Fariisonni worri birrii jaalatan waan kana maraa dhagayanii itti baldan.


Achiin maayessa Simoon isaan eebbise Maariyaamiin, «Daa'imni kun Israa'eliin keessatti nama hedduuf sababa badi'ii, nama hedduuf ammoo sababaa fayyinaa akka ta'uuf muudameera. Kunillee worra isaan mormuuf malkata ta'a; yaanni dhossa'aa ka garaa namoota hedduu keessa jiru ifatti baya Gaddi akka guraadee qaramellee garaa kee woraana» jedhe.


Barsiisonni Seera Muuse'ee tii fi Fariisonni, «Ka Rabbiin arabsu kun eennu inni? Rabbii tokkicha malee eennutu cubbuu namaaf dhiisuu danda'a?» jedha'aa yaada'aa turan.


Isaan keessaallee namoonni hedduu, «Inni jinnii uf keessaa qaba! maraateera! Isin maaf isa caqaftan?» jedhan.


Hennaa inni kana jedhe, worra hojjattootaa ka achi dhaabata'aa turan keessaa tokko, «Bulchaa gadootaatitti akkana deebiftaa?» jedhee, Yesuusiin dhabanaasa'aan dhaye.


Guyyaa Sambataatiin waan kana waan godheef Yihuudonni Yesuusiin reebanii ajjeesu'uuf soqa'aa turan.


Banii jiddu'utti waan isaatiif guungummii heddutu ture. Gari gariin isaanii, «Inni nama mishaa» gariin ammoo, «Banii dogogorsa'aara» jedhan.


Fariisonnillee, «Ati waan kee radda, ragaan kee dhuga'aa miti» jedhaniin.


Yihuudonni isaan, «Jinniin akka si keessa jiru amma beenne. Abrahaamilee du'eera, raattonnillee atillee hin duuta. ‹Ka dubbii kiyya eegu yoo jiraate baraa haga bara baraa hin du'u› jetta.


Kanaafuu isaanillee isa tumu'uuf dhagaa itti fudhatan, Yesuus ammoo isaan jalaa uf dhossee isaan jidduu lufee mana woyyu'uu bayee deeme.


Fariisota keessaa worri isa woliin jiran ammoo kana dhagayanii, «Nu balla'aa?» jedhaniin.


Kanaaf obboleeyyan tiyya! Jaalatamtoota dadhabbiin keessan, Goofta'aan duwwaa akka hin taane, waan beettaniirtaniif, worra midhaaffatan ka hin sochoone worra hujiin Goofta'aa hennaa maraa isinii baay'ate ta'aa'a.


Sababaa kanaaf haga araara nuu keennameetitti tajaajila kana waan qabnuuf hin dadhabnu.


Kanaafuu hin dadhabnu; haata'uu ammoo nafti keenna ka gubba'aa yoo badellee nafti keenna ka keessaa guyyama guyya'aan haarawooma.


Waan mishaa hojjachuu akka hin dadhabne yoo abdii kutuu baanne, hennaa haamaan gaye hin haamanna.


Obboleeyyan tiyya! Isin ammoo hujii mishaa hojjachuu hin dadhabinaa'a.


Akka ijoolle'eellee isin woliin, «Ilma kiyya! adabbii Goofta'aa hin salphisin, hennaa inni si gorsu hin dadhabin; Gooftaan nama jaalatu adaba, finna akka ilma ufiititti fudhatu maraa, hin tuma» jedhee gorsa dubbatu irraanfattaniirtan; adabamu'uuf obsaa'a.


Kanaafuu obboleeyyan woyyoota, worri waamsa sami'ii irraa qoodamtoota taatan, gara ergamaa amantaa keennaatii fi gadicha hayyicha Yesuus Kiristoosii laalaa'a.


Hennaa isa arrabsanillee deebi'ee hin arrabsine, hennaa isa rakkisanillee inni namatti hin baananne. Waaqa qajeellumma'aan murtii kennutti dabarsee uf kenne malee.


Ati maqaa kiyyaaf jettee obsitee uduu hin dadhabin dhaabatteerta.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ