Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Ergaa Yihudaa 1:24 - WAADAA LAMMATAA

24 Akka uduu hin gufanne gammachu'uun worra mudaa hin qabne godhee isin dhaabsisuu danda'uuf,

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

24 Akka hin kufnne ka isin taasisu'uu fi worra ashaa hin qabnne isin taasisee gammachu'uun ulfinna isaa duranatti isin dhiyeessu'uuf ka danda'u,

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

24 Akka uduu hin gufanne gammachu'uun worra mudaa hin qabne godhee isin dhaabsisuu danda'uuf,

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Ergaa Yihudaa 1:24
28 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Ilmi namaa maleekkota ufii woliin ulfinna Abbaa ufiitiin hin dhufa, achiin maayessa maraafuu akka hujii isaatitti gatii isaa hin kennaaf.


Yesuusillee akkana isaaniin jedhe, «Ani dhugama isinitti hima, isin worri na faanaa deemtan biyya lafaa ta haarawa dhuftutti, Ilmi Namaa teessoo ulfinna ufii irra hennaa taa'u, isinillee ammoo teessoo ulfinnaa kudha lama irra teettanii gosa Israa'elii kudha lamatti murteessitan.


Yesuus ammallee, «Ilmi Namaa ulfinna ufiitii fi Maleekkota Rabbii maraa woliin hennaa dhufu, teessoo ulfinnaa ka ufii irra taa'a.


Isaan raattota isiniin duraatuu akkasuma ari'aa turan. Gatiin keessan samii gubba'atti guddaa waan ta'eef, gammadaa ililfadhaa'a» isaaniin jedhe.


Namni anaaf dubbii kiyyatti saalfatu maruu ilmi namaa ulfinna isaatiin, ulfinna Aabba'aatii fi ulfinna maleekkota woyyootaa woliin hennaa dhufu isatti saalfata.


Ati garbicha biraa irratti ka murteessitu eennu? Inni yoo dhaabate yookiin yoo kufeellee ka itti murteessu Gooftaa isaa ti. Haata'uu ammoo Rabbi waan isa dhaabuu danda'uuf hin dhaabata.


Eegasuu waan kanaaf maal jenna? Rabbi yoo nu woliin ta'e, eentu nu mormaa?


Hinaaffaa Rabbiitiin isinii hinaafa'aa akka durba qulqullittii duuda'aatitti Kiristoosiif isin dhiyeessu'uuf dhiira tokkoof isin qaadhimeera.


Ka Gooftaa Yesuusiin du'aa kaase nullee akkasuma Yesuusiin woliin akka du'aa nu kaasu isin woliinillee akka nu dhiyeessu hin beenna.


Waan hin mudhanne malee waan mudhatu yoo laaluu baanne rakkoon keenna salpha'a; hennaa heddu ulfinna bara baraa maraa caalaa waan nuu godhamuuf. Wonti mudhatu haguma henna'aati. Wonti hin mudhanne ammoo ka bara baraati.


Eeganaa haga hunna nu irratti hojjatuutitti waan kadhannu yookiin haga yaannu maraa caalaa guddisee caalchisee Rabbii godhuu danda'uuf,


Xurii yookiin fula qonshooruu yookiin waan akkana jiru uduu isii irratti hin taane, woyyitti'iif ta mudaa hin qabne akka taatu, woldaa Kiristaanaa kabajjamtuu ta ufii godhatuu barbaade.


Nullee karaa Kiristoosiitiin nama guutuu ta'u maraa dhiyeessu'uuf, nama maraa gorsa'aa, namoota maraa ogummaa maraan barsiisa'aa ka lallabnu kana.


Kiristoosiin jireenna keessan keessa jiru hennaa mudhatu, isinillee akkasuma isa woliin ulfinnaan mudhattan.


Gooftaan hamaa maraa jalaa na hambisa. Jeennata sami'iititti nagayaan na galcha, isaaf bara haga bara baraa ulfinni haata'u! Amiin.


Namni seera maraa eegee, tokko yoo cabse eennullee yoo jiraate maraanuu yakkamaa ta'a.


Haata'uu ammoo hennaa Kiristoos ulfinna ufiitiin mudhatu gammachuun keessan guddaa akka ta'u worra rakkoo isaa qoodamtan waan taataniif gammadaa'a.


Kanaafuu obboleeyyan tiyya, waamamuu keessanii fi filamuu keessan akka jabeessitan ka duraa caalaa jabaadhaa'a. Waan kanniin yoo gootan horomaa hin gufattan.


Araara Gooftaa kenna Yesuus Kiristoosii ka gara jireenna bara baraa geessu eeggata'aa jaalala Rabbiitiin uf eegaa'a!


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ