Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Ergaa Yaaqoob 3:2 - WAADAA LAMMATAA

2 Nu martinuu waan hedduun hin dogoggora; namni waan ufii dubbatuun hin dogoggore, inni nama nafa ufii tooyatuu danda'uu fi nama guutu'u.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

2 Nu'u marri keennaa yeroo baayi'ee ni dogoggorra, haasaya isaatiin ka hin dogoggorre inni qaama isaa toowachu'uuf ka danda'u, nama muda maleessa.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

2 Nu martinuu waan hedduun hin dogoggorra; namni waan ufii dubbatuun hin dogoggorre, inni nama nafa ufii tooyatuu danda'uu fi nama guutu'u.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Ergaa Yaaqoob 3:2
29 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Isin ijoollee bofaa! isin hammeeyyii taatanii, attamitti dubbii mishaa dubbachuu dandeettan? waan garaa guute afaan dubbata.


Dubbima teessaniin isinitti muran, dubbima teessaniin isinii muran.»


Akkana jedhamee akkuma barreeffame, «Namni qajeelaan tokkollee hin jiru,


Eegasuu waan mishaa godhuu uduu jaaladhu, seerri namumma'aa akka ani waan hama huju na taasisa.


Haata'uu ammoo kaawwanitti haga himeen maayii ufii nama gattame akka hin taane foon kiyya adaba'aa akka ajajamu godha.


Haata'uu ammoo dubbiin abdi'ii Yesuus Kiristoositti worra amananiif akka kennamuuf akkuma kitaabni woyyuun jedhu adunyaan maruu cubbuu jalatti hidhamaniiran.


Foon Ayyaana irratti, Ayyaanillee foon irratti waan hawwuuf; kunniin lamaan waan wol mormaniif, kanaafuu waan jaalattan godhuu hin dandeettan.


Nullee karaa Kiristoosiitiin nama guutuu ta'u maraa dhiyeessu'uuf, nama maraa gorsa'aa, namoota maraa ogummaa maraan barsiisa'aa ka lallabnu kana.


Garbichi Kiristoosii Ephafiraan keessan nagaya isiniin jedheera. Fedha Rabbii maraa hubattanii, guutuu taatanii, akka dhaabattan, hennaa maraa waan keessaniif jabaatee Rabbiin kadhata.


karaa Yesuus Kiristoosiitiin afoo ufiititti waan isa gammachiisu isiin keessatti raawwata'aa akka isin fedha isaa mishaa mara gootaniif guutuu isin haa taasisuu. Isaaf baraa haga bara baraa ulfinni haa ta'u! Amiin.


Namni arraba ufii uduu hin eenne, onnee ufiitiin dogoggora'aa waan Rabbiin kaddaamu fakkaatu eennullee yoo jiraate, kaddaamuun isaa duwwa'a.


Isin worra ciniinnattan, worra obsi keessan bilchaateef guutuu ta'e, worra dhidhina hin qabne akka taatan isin taasisa.


Namni seera maraa eegee, tokko yoo cabse eennullee yoo jiraate maraanuu yakkamaa ta'a.


Akkuma Kitaabni Woyyuun jedhu, «Namni jireenna barbaaduu fi bara mishaa arguu fedhu, arraba ufii hamtuu dubbachuu irraa, hidhii ufiitiin dhara dubbachuu irraa uf haa eeguu.


Karaa Yesuus Kiristoosiitiin gara badhaadha ulfinna maraa Waandhi isin waame hennaa diqqoo haga rakkinni isin irra gayeen maayessa, inninuu guutuu isin taasisa. Isin dhaaba, isin jajjabeessa.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ