Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Ergaa Yaaqoob 3:13 - WAADAA LAMMATAA

13 Isin keessaa ogeessinii fi hubataan eennuu? Jireenni mishaan ogumma'aa fi fayyaalumma'aan hujii ufii haa mudhisuu.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

13 Isin jiddu'uu ogeessaa fi naminni hubattanii eennu? Ogumma'aa fi mataa gad qabataan hujii raawwate, jireenna misha'aan haa mulidhisu.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

13 Isin keessaa ogeessinii fi hubataan eennu? Jireenni mishaan ogumma'aa fi fayyaalumma'aan hujii ufii haa mudhisuu.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Ergaa Yaaqoob 3:13
46 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Qanbaraa kiyya baadhaa'a. Narraallee baradhaa'a. Ani gara laafeessaa fi Kasoo waan ta'eef, lubbuu teessaniin harabaafata argatanii.


Worri gad uf qabu worra eebbifame; waan biyya lafaa dhaalaniif.


Yesuus, «Namni dubbii kiyya kana dhagayee hujii irra oolchu, namicha qaroo mana ufii dhagaa irratti ijaarate fakkaata.


Isin saalffachiisu'uuf kana jedha. Akkanumaa? Obboloota jiddu'uu manguddoo ta'uu ka danda'u namni hayyuun tokko isin birratti hin argamuu?


Anuu Phaawuloosi hennaa isin bira jiru, nama kaso'o jedhame; hennaa isin biraa fagaadhu ammoo nama ija jabaatu jedhame; garalaafumma'aa fi fayyalummaa Kiristoosiitiin isin gorsa.


Eeganaa waan jaalala keessaniitiif waan boona nu isiniin boonnuu, tokkummaa woldaa Kiristaanaa afo'otti isaaniitti ibsaa'a.


Amantaa gara-laafumma'aa fi uf qabuu seerri waan akkanaa kanniin dhooggu hin jiru.


Obboleeyyan tiyya! Namni balleessaa kamiinuu hojjatee yoo argame, isin worri ka Ayyaanaa taatan isin nama akkanaa kana Ayyaana gara laafumma'aatiin qajeelchaa'a. Atillee akkasuma akka hin qoratamne uf eegi.


Haata'uu ammoo, namni maruu hujii ufii haa qoratuu. Achiin maayessa ka nama biraa wol bira qabee uduu uf hin laalin ufumaa waan ittiin uf jaju argata.


Kasoo Ta'u'uun gara laafumma'aan, Obsa maraan, jaalalaan wolii obsaa'a.


Haata'uu ammoo dhufee uduu isin laalee yookiin uduu fagaadhee qalbii tokkoon waan amantaa Oduu Nagayaatiif falmata'aa Ayyaana tokkoon akka dhaabattan, waan jireenna keessanii akka dhagayuuf, Oduu Nagayaa ka Kiristoosiitiif akka ta'utti jiraadhaa'a.


Eeganaa akka filatamtoota Rabbii woyyootaa fi worra jaalatamanillee taatanii, araara, gara-laafummaa, arjummaa, lash jechuu, fayyaalumma'aa fi obsa uffadhaa'a.


Ati ammoo namni Rabbii kana irraa dheessi, qajeellumma'aan, Rabbiin sodaachu'uun, amantaa, jaalala, jajabaachu'uu fi gara laafummaallee hordofi.


Akkasuma maallaataa Rabbi akka dhugaa beekanii fi akka aagii galan isaan taasisa, fedha daabiloosii raawwatu'uuf siiboo isaa jalaa bayanii gara qalbii isaanii hin deebi'an jedha'aa worra isa morman gara laafumma'aan isaan haa adabu.


Ka eennuunillee hin arrabsine, worra hin mormine, gara-laafeeyyii, worra nama marattuu fayyaalummaa mudhisan akka ta'an isaan qaabsis.


Jaalala birri'ii irraa uf eegaa'a. Wontummaan qabdan isin haa gayu. Inninuu, «Si hin dhiisu, sirima si hin gatu» waan jedheef.


Kanaafuu battummaa maraaf hammeenna baayi'ee uf keessaa balleessa'aatii ka keessa keessaniitti dhaabamee lubbuu keessan fayyisuu danda'u, dubbii Rabbii fayyaalumma'aan fudhadhaa'a.


Haata'uu ammoo namni tokko, «Ati amantaa qabda; anillee hujii qaba» yoo jedhe, «Amantaa kee huji'iin adda baasii na mudhisi; ani amantaa kiyya huji'iin si mudhisa» jedha.


Obboleeyyan tiyya! Marti keessan barsiisota hin ta'inaa'a. Worri akkasii murtii caalu akka argatu waan beettaniif.


Ogummaan Rabbiin irraa ammoo woyyitti'i, araaramtu'u. Gara-laafettii ta maarre jettu, ta araaraa fi daraaraa misha'aan guuttamte, ta mami'ii fi ta uf tuuluulee hin qabne.


Haata'uu ammoo, «Akkuma inni Woyyuu ta'e, isinillee woyyoota ta'aa'a» jedhamee waan barreeffameef akkuma ka isin waame woyyuu ta'e, isiniilee akkasuma jireenna keessan maraanuu woyyuu ta'aa'a.


Worra hujii keessan mishaa arga'aa akka waan hamaa hojjattaniititti maqaa isin balleessan, guyyaa Rabbi banii ufii laalu'uuf dhufu akka Rabbiin kabajjan worra isin hamatan jiddu'utti jireenni keessan mishaa haa ta'uu.


Isin ammoo dukkana keessaa gara ifa isaa ka maalale'eetitti ka isin waame, dhaloota mishummaa isaa dubbatu'uuf filatame, gadicha mooti'ii, banii woyyu'uu fi gosa ristii isaatiif fooyame.


Haata'uu ammo Rabbiin afo'otti ka gatii guddaa qabu Ayyaana gara-laafessaa fi lashii qabu ka hennaa maraa hin banne sun, namummaa keessan ka keessaa haata'uu.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ