Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Ergaa Yaaqoob 2:5 - WAADAA LAMMATAA

5 Obboleeyyan jaalatamtoota dhagayaa'a, Rabbi akka amanta'aan dureeyyii ta'aniif, akka isaan jeennata inni worra isa jaalataniif waadaa gale san galaniif hiyyeessota adunyaa tanaa filateeraa mii?

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

5 Yaa obboleeyyan jaalatamttan! dhagayaa, Waaqinni amanti'iin dureeyyii akka taatanii fi worra isa jaalataniif abddii isaanii ka kenne, mootummaa isaa akka dhaalaniif hiyyeessota biyya lafa kanaa hin filanne ree?

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

5 Obboleeyyan jaalatamtoota dhagayaa'a! Rabbi akka amanti'iin dureeyyii ta'anii fi akka isaan jeennata inni worra isa jaalataniif waadaa gale san galaniif hiyyeeyyii adunyaa tanaa filateeraa mii?

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Ergaa Yaaqoob 2:5
54 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Balloonni hin argan, worri hokkolan hin deeman, worri dhukkuba gogaa kukkutuun qabaman hin qulqullaayan, ka gurraan hin dhageenne hin dhagayan, worri du'anillee hin ka'an.


Worra mirga isaa jiraniin, mootichi akkana jedhaan, isin eebbifamtoota abbaa kiyyaa koottaa'a; Hennaa biyyi lafaa uumame irraa jalqabee jeennata isinii qophaaye dhaalaa'a.


«Worri Ayyaanaan hiyyeeyyii ta'an, worra eebbifame, Jeennanni sami'ii ta isaanii waan taateef!


Akkasuma baniillee waamee, «Isin martinuu na dhageeffadhaa'a; qalbeeffadhalle'e.


Namni qabeenna ufiif tuulatu ka Rabbiin biratti dureessa hin taane akka kana ta'a.»


Isin gumii diqqoo'o, abbaan keessan jeennata isinii kennu'uuf fedhii mishaa isaa waan ta'eef hin sodaatinaa'a.


Namichi hiyyeessi sun hin du'e. Maleekkonni Rabbii Abrahaamiin bira fidan. Dureessi sunillee du'ee awwaalame.


Abrahaam ammoo akkana jedhee deebise, ‹Ilma kiyya, ati bara jireenna keetii waan mishaa akka argatte qaabadhu; Ali'aazaar ammoo akka rakkata'aa ture yaadi. Amma ammoo asitti isaa toleera, ati ammoo rakkata'aarta.


Akkuma abbaan kiyya na muude Anillee ammoo mootummaa kiyya keessatti hurbaata kiyya nyaataa dhugaa gosa Isiraa'elii kudha lamaan irratti akka murteessitan teessoo mootummaa irra akka teettan isin muudeera.»


Innillee gara darasoota ufii laalee, akkana isaaniin jedhe, «Jeennanni sami'ii teessan waan taateef, Isin hiyyeeyyiin worra eebbiffame!


Bulchoota yookiin Fariisota keessaa ka isatti amane jiraa?


Innillee akkana jedhe, «Obboleeyyanii fi abboota tiyya, dhagayaa'a! Waaqa ulfinnaa, Abbaa keenna Abrahaamiin uduu inni biyya Kaaraanii hin dhaqin lafa laga lamaan jiddu'utti itti mudhatee,


Nu ijoollee Rabbii eega taane worra waa mara argatu; nu waa maraa Rabbiin biraa arganna. Eega Kiristoosiin woliin rakkinni nurra gaye, nullee isa woliin ulfinnaa fi waan Kiristoos argatu maraa isa woliin arganna.


Haata'uu ammoo, «Ka ijji hin argine, ka gurri hin dhagenne; waan qalbii namaatitti hin yaadamne, waan Rabbi worra isa jaalataniif qopheesse» jedhamee akkuma barreeffame akkasuma dubbanna.


Karaa namoota hedduutiin badhaadha irraa hafaa; ulfinna Rabbiitiif galata akka guddisu maruu waan keessaniif.


Worra gaddu uduu taanu hennaa maraa hin gammanna. Hiyyeeyyii taanee, namoota hedduu dureeyyii goona, worra womaa hin qabne fakkaannullee, wonti maruu keenna.


Kennaa arjummaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii waan beetaniirtaniif, dureessa uduu ta'u, isin hiyyummaa isaatiin akka dureeyyii taatan waan keessaniif hiyyeessa ta'e.


Kunillee ijji qalbii keessanii yoo ifu, abdiin waamicha isaa maal akka ta'u ka woyyoota bira jiru, ulfinna risti'iitiif durummaan maal akka ta'e, nu worra amannuuf hunnaan ka maraa caalu maal akka ta'e akka beettaniif.


Durummaa Kiristoosii ka haga hin qabne, worra Yihuudii hin taanetti lallabneef Rabbiin maraa uume dhossaa seera barootaa keessatti dhokate maraafuu maal akka ta'e akka ibsuuf badhaadhummaan kun ana ka woyyoota maraayuu gad ta'ee kenname.


Waan isaatiifillee worra rakkinni isin irra gayuuf, jeennata Rabbiitiif worra gayaa taatanii akka laakkayamtaniif kun malkata murtii qajeelaa Rabbiiti.


Jireenna dhuga'aa akka argatan bara dhufuufillee galmee bu'uura mishaa isaanii ta'u irratti wolitti qabata'aa,


Gooftaan hamaa maraa jalaa na hambisa. Jeennata sami'iititti nagayaan na galcha, isaaf bara haga bara baraa ulfinni haata'u! Amiin.


Kanallee Gooftaan kiyya ka murtii qajeellumma'aa murteessu akkasuma ana calla'aaf uduu hin taane worra dhufa isaa hawwan maraafuu hin kenna.


Namni ataabee keessatti ciniinnatu eebbifama'a. Inni hennaa ataabameen maayessa gatii jireennaa yookiin badhaasa Rabbi worra isa jaalatuuf waadaa gale san hin fudhata.


Kanaafuu obboleeyyan jaalatamtan, namni maruu dhagayu'uuf ariifataa'a, dubbatu'uuf suuta, worra aari'iifillee hin ariifanne ta'aa'a.


Obboleessi gad uf qabu ammoo waan Rabbi ol isa qabuuf haa boonuu.


Akkasuma gara jireenna bara baraa, gara Gooftaa keennaa fi gara jeennata fayyisaa keennaa Yesuus Kiristoosii galu'uuf mirga guutu'utu isinii kennama.


Rakkinna keetiif hiyyummaa kee hin beeka. Haata'uu ammoo ati dureessa, arraba worra uduu Yihuudii hin taane nu Yihuudi'i ufiin jedhan san hin beeka isaan woldaa seexanaati.


Ka mooyate, kana dhaala; Ani Waaqa ta'aaf, innillee ilma kiyya ta'a.


Dureessa akka taatuuf worqii ibiddaan baffame uffattee qullaan saala keetii akka hin mudhanneef uffata adii waan ija kee ittiin bareechifattu na irraa akka bitattu si gorsa.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ