Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Ergaa Yaaqoob 2:14 - WAADAA LAMMATAA

14 Obboleeyyan tiyya! «Amantaa qaba» jedhee, garuu namni huji'iin hin mudhifne yoo jiraate bu'aa maal isaa qabaa? Amantaan isa fayyisuu danda'aa?

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

14 Yaa obboleeyyan! Naminni amantii ni qaba yoo jedhe, garuu amantii isaa hujii misha'aan yoo ibisuu dhabaate maal isaa fayyada? Amantiin isaa hoo isa fayyisu'uu ni danda'aa ree?

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

14 Obboleeyyan tiyya! «Amantii qaba» jedhee garuu namni huji'iin hin mudhifne yoo jiraate bu'aa maal isaa qabaa? Amantiin isa fayyisuu danda'aa?

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Ergaa Yaaqoob 2:14
31 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Akkana isiniin jedha, qajeellummaan keessan qajeellummaa barsiisota Seera Muuse'eetii fi Fariisotaa yoo caale malee, horoma jeennata sami'ii hin galtan» isaaniin jedhe.


Innillee deebisee, «Ka uffata lama qabu ka biraatiif haa kennuu. Ka waan nyaatu qabullee akkasuma haa godhuu» jedhe.


Namni dubbii kiyya dhagayee hujii irra hin oolchine akkasuma nama dhaaba mana isaa gadi fageessee hin ijaarre tokko fakkaata. Lolaan dhufee dhiibee mana san kuffisee kufaatiin mana saniillee badaa ta'e.»


Qalbii isaaniillee amanta'aan hennaa qulqulleessu nuuf isaan wol hin caalchifne.


Simoonillee akkasuma amanee cuuphamee Filiphosiin wol ta'e. Hennaa malkataa fi maalaleen guddaan ta'e argee ajaa'ibsiifate.


Garaan kee Rabbiin afo'otti qajeelaa waan hin taaneef waan kana irraa hiree yookiin gayee hin qabdu.


Uduu seera raawwatee, gadoomuun fayyidaa qaba. Yoo ka seera diiddu ta'e ammoo gadoomuun kee akka waan hin gadoomnee ta'eera.


Yoo duwwaa amantan malee dubbii attamiitiin akka isinitti lallabe isin qaabsisa.


Gooftaa Yesuus Kiristoosiin ka hin jaalanne yoo jiraate, ka abaarame haata'u. Gooftaa keenna koottu.


Obboleeyyan tiyya! Isin wolabumma'aaf waamamtaniirtan; ammoo wolabumnaan keessan foonii sababaa akka hin kennine. Haata'uu ammoo, isin wolii akka garbootaa ta'aa'a.


Jaalala amantaa Yesuus Kiristoosiin ta'e hujuu malee, gadoomuun yookiin gadoomuu dhabuun waan hin fayyanneef.


Raawwiin ajajaa ammoo, jaalala garaa qulqulluu keessaa, sammuu misha'aa fi amantaa uftuuluu hin qabne keessaa ka ol bayu.


Nafa jabeessu'uuf uf leenjisuun bu'aa diqqoo qaba. Jiruu Rabbi fedhu jiraatu'uuf uf leenjisuun ammoo jiruu ammaatii fi ta dhuftuttillee abdii waan qabduuf gara maraanuu bu'aa qaba.


Isaan Rabbiin beenna jedha'aa ifa dubbatan. Haata'uu ammoo worra nama jibbisiisuu fi worra hujii mishaa hojjachuu hin dandeenne waan ta'aniif, hujii ufiitiin isa ganan.


Worri Rabbiin amanan hujii misha'aan uf eegganna'aan akka jabaatan, kanniin cimstee akka dubbattu si hoffolcha. Kun misha'aa fi waan namoota fayyadu.


Ka fiixaan kee isaan waamama jedhamee jechi abdi'ii kennameef, mucaa ufii tokkicha amanta'aan dhiyeesse.


Barumsa adda addaa haarawa hin beekkamneen hin fudhataminaa'a. Onneen teessan yoo waan badhaadha Rabbiitiin jabaatte misha'a malee, nyaataanii miti. Worri waan kana hordofan waan hin fayyadamneef.


Isin keessaa tokko worra waan nyaatu dhabeen nagayaan deemaa quufaa ibidda oo'ifadha'a quufaa uduu isaaniin jettanii waan nafa isaaniitiif barbaachisu yoo hin kennineef bu'aa maal isaanii qaba?


Haata'uu ammoo namni tokko, «Ati amantaa qabda; anillee hujii qaba» yoo jedhe, «Amantaa kee huji'iin adda baasii na mudhisi; ani amantaa kiyya huji'iin si mudhisa» jedha.


Akkuma foon lubbuu irraa baye ka du'e ta'e, akkasuma ammoo amantaan huji'iin adda fooyame ka du'e.


Sababaa kanaaf jajjabeenna mara mudhisa'aa amantaa keessan irratti mishummaa eda'aa'a.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ