Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Ergaa Yaaqoob 1:25 - WAADAA LAMMATAA

25 Haata'uu ammoo seera wolaba isa baasu laalee huji'itti jabaatee ka hojjatu malee, dhagayee ka hin irraanfanne yoo ta'e huji'iin ka eebbifame ta'a.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

25 Garuu bilisa ka baasu seera muda maleessa qoratee isaan jabaatee ka dhaabatu, isa'llee dhagayee dagachuu uduu hin ta'in hujii irra naminni oolichu, hujii isaatiin ka eebbifame ni ta'a.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

25 Haa ta'uu ammo seera wolaba isa baasu laalee huji'itti jabaatee ka hojjatu malee, dhagayee ka hin irraanfanne yoo ta'e huji'iin ka eebbifame ta'a.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Ergaa Yaaqoob 1:25
41 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Inni deebisee, «Worra dubbii Rabbii dhagayee ajajamu caalaa ka eebbifame!» jedhe.


Eeganaa Ilmi yoo bilisa isin baase, dhugamaan bilisa baatan.


Gumiin haga adda yaa'een maayessa, Yihuudonninii fi worri gara Yihuudi'ii seenanii kaddaaman hedduun isaanii Phaawuloosii fi Baarnaabaasiin faanaa deeman. Isaanillee badhaadhummaa Rabbiitiin jabaatanii akka jiraatan isaan hubachisan.


Barumsa ergamtootaatiin, Xoroshoo woliin nyaata'aa faateffachu'uunillee jabaatan.


Rabbiin biraa gargaarsa argadhee diqqa'aa fi gudda'aa raga'aa haga guyyaa adhaa dhaabadheera.


Eegasuu gara laafummaa Rabbiitii fi gar-jabummaa isaa laali. Gar-jabummaan isaa worra kufan irratti; arjummaa isaatiin jabaattee yoo jiraatte ammoo, arjummaan Rabbii sirra jira. Akkas yoo ta'uu dhabaate atillee akkasuma hin muramta.


Rabbiin afo'otti worra seera raawwatantu qajeellota ta'an malee, worri seera dhagayan waan qajeellota hin taaneef.


Kanaafuu seerri woyyu'u. Ajanyiillee woyyiiti'i, qajeeltu'uu fi michu'uulle'e.


Isinillee Ayyaana ilmumma'aa ka Aabba Aabbaa jennee ittiin waamnu argattan malee, deebitanii Ayyaana soda'aatii fi garbumma'aa hin arganne.


Seerri Ayyaana Woyyu'uu ka Kiristoos Yesuusiin keessa, seera cubbu'uutii fi du'a jalaa wolabummaa waan nu baaseeruuf.


Kanaaf obboleeyyan tiyya! Jaalatamtoota dadhabbiin keessan, Goofta'aan duwwaa akka hin taane, waan beettaniirtaniif, worra midhaaffatan ka hin sochoone worra hujiin Goofta'aa hennaa maraa isinii baay'ate ta'aa'a.


Isin amanta'aan jiraatu'uuf, jiraatuu dhabuu keessan uf qora'aa uf laalaa'a; maal laataa yoo ka gayumsa hin qabne waan isinitti fakkaate, Yesuus Kiristoos isin keessa akka jiru hin beettanii?


Haata'uu ammoo, garboota nu godhatu'uuf wolabummaa karaa Kiristoosiitiin arganne san gaadu'uuf obboloonni sobduun dhossa'aan hulluuqanii nu keessa seenan.


Wolabumma'aan akka jiraannuuf Kiristoos wolaba nu baase. Eegasuu jabaadha'aa dhaabadhaa'a! Deebitanii qanbaraa garbumma'aatiin hin qabaminaa'a!


Isin keessaa gari gariin ba'aa nama kaanii haa baadhatuu, akkasuma seera Kiristoosii raawwadhaa'a.


Kunillee hundeeffamtanii, midhaaffattanii, abdii Oduu Nagayaa ka dhageettan irraa uduu hin raafamne, amanta'aan dhaabattanii, yoo jiraattan isinii ta'a. Oduun Nagayaa sunillee uumama sami'ii gadi jiran maratti ka himame. Anillee Phaawuloos tajaajilaa isaa ta'e.


Haata'uu ammoo jaalalaa fi amanta'aan, woyyumma'aan mataa ufii gad qabatanii yoo jiraatan, dayaan hin fayyan.


Waan keetiif barumsa kee midhaassii qabi; kanniin irrattillee jabaadhu kana yoo goote, ufiif worra si dhagayanillee hin fayyifta.


Eennuun jalaallee Ayyaanni Rabbii akka hin dhidhanne, hiddi hadhaayaan namoota hedduu batteessu isin keessaa ol margee akka isin hin rakkifne, Ka adaba hin qabne akka isin keessatti hin argamne,


Akka worra seera wolabummaa kennu afo'otti dhiyaattanii murtii argattanitti dubadha'a, hojjadhalle'e.


Akka worra bilisa bayeetitti Rabbiif garboota ta'a'aa jiraadhaa'a malee, bilisummaan keessan sun waan badooma keessan ittiin dhoffattan akka ta'u hin godhinaa'a.


Isinillee wonti duraan dhageettan ijaaramee isin keessa haa jiraatuu. Ka duraa dhageettan sun yoo isin keessa jiraate, isinillee akkasuma, Aabba'aa fi ilma keessa jiraattani.


Anillee samii irraa laagaa, «Ammaa achi worri Goofta'atti amananii du'an eebbifamtoota» Ayyaanni, «Ee, akka isaan dadhabbii irraa harabaafatan, hujiin isaaniillee isaan duukaa deema jedha jedhii barreessi» laagaa jedhu dhagaye.


Worri gara muka jireennaa gayu'uuf baallii qabaatu'uuf gara balbala qachati'ii seenu'uuf worri uffata isaanii miicatan eebbifamtoota.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ