Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Ergaa Yaaqoob 1:19 - WAADAA LAMMATAA

19 Kanaafuu obboleeyyan jaalatamtan, namni maruu dhagayu'uuf ariifataa'a, dubbatu'uuf suuta, worra aari'iifillee hin ariifanne ta'aa'a.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

19 Ka jaalatamttan yaa obboleeyyan! Kana hin dagatinaa, naminni marrinuu dhagayu'uuf ka dadafe, dubbachu'uu fi dalanu'uuf'llee, ka barfate haa ta'u.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

19 Kanaafuu obboleeyyan jaalatamtan, namni maruu dhagayu'uuf ariifataa'a, dubbatu'uuf suuta, worra aari'iifillee hin ariifanne ta'aa'a.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Ergaa Yaaqoob 1:19
54 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Amma ammoo isin lola, aaruu, dhara, nama arrabsu'uu fi dubbii nama saalfachiisu kanniin maraa uf keessaa balleessaa'a.


Biibbayuu, aaruu, loluu, wocuu, nama arrabsu'uu fi hammeenni maruu isin keessaa haa badu.


Kutaa qaama tokkoo taatanii wonti waamamtaniif nagaya kanaaf waan ta'eef nageenni Kiristoosii onnee keessatti haa mooyu; worra galateeffattan ta'aa'a.


Ani ammoo akkana isiniiniin jedha, eennullee obboleessa yookiin obboleettii ufiititti yoo mufate, abboota murti'ii afo'otti itti murama; namni obboleessa ufiitiin «Gowwaa'a!» yoo jedhe yaa'iitu itti murteessa. Ka obboleessa ufiitiin ‹Duudaa'a!› jedhu maruu murtii ibidda asaabaatiif dhiyaata.


Namni arraba ufii uduu hin eenne, onnee ufiitiin dogoggora'aa waan Rabbiin kaddaamu fakkaatu eennullee yoo jiraate, kaddaamuun isaa duwwa'a.


Kanaafuu dubbii maleekkootaa, innillee dubbii Rabbii hennaa nurraa fudhattan, dhugaa isin keessa jiru isin worra amantan birattillee akkasuma akka hojjatu akka dubbii Rabbiititti malee, akka dubbii namaa gootanii waan hin fudhanneef, nullee hennaa maraa uduu addaan hin kunne Rabbiin galateeffanna.


Kunniin worra Tasoloonqee jiran irraa caalaa worra yaada misha'aa waan ta'aniif, dubbiin kun akkana ta'innaa? jedha'aa guyya guyya'aan kitaaba qorata'aati dubbii Rabbii fedha guutu'uun fudhatan.


Ta'ullee, Namoonni maruu yaada tokkoon waan inni dubbatu waan caqasa'aa turaniif, isaan karaa isa ajjeesaniin hin arganne.


Afoon balbala manaa haga isaanitti dhiphatutti namoonni hedduu wolitti qabamanii dubbii Rabbiillee isaanitti lallabe.


Kanaafuu hennaa san gara kee erge; atillee dhufuu keetiif mishaa goote, eeganaa waan Rabbiin biraa dhageette maraa sirraa dhagayu'uuf nu martinuu amma asi afoo Rabbii jirra.»


Barumsa ergamtootaatiin, Xoroshoo woliin nyaata'aa faateffachu'uunillee jabaatan.


Gaaf tokko qaraxxoonninii fi cubbamoonni maruu Yesuusiin dhagayu'uuf gara isaa dhufan.


Isin waan dhugaa beettaniif sobni maruu dhugaa akka hin taane waan beettaniif akka waan dhugaa hin beenneetitti isinii hin barreessu.


Worri Yihuudota hin taanellee dhagayanii gammadanii dubbii Rabbiillee kabajjan. Worri jireenna bara baraatiif qophaayan maruu amanan.


Daawiti mataan isaatuu, ‹Gooftaa'a› jedhee yoo isa waame, attamiin ilma Daawitii ta'uu danda'a?» jedhee gaafate. Gumiin guddaan gammachu'uun isa dhagaya'aa turan.


Ji'a sanniin keessa Pheexroosii fi namoota dhibbaa fi diddamaa obboleeyyan isa woliin jiran wodhakkaa dhaabateeti akkana jedhe.


Obboleeyyan tiyya! Amantaa keessan ataabamuun obsa akka isinii ta'u beeka'aa. Ataabeen adda addaa yoo isin irra gaye, akka gammachuu guutu'utitti laakkayaa'a.


Obboleeyyan tiyya! Waan amantaa kabajjamaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii qabattaniif, fuula namaa laala'aa wol hin caalchisinaa'a.


Obboleeyyan jaalatamtoota dhagayaa'a, Rabbi akka amanta'aan dureeyyii ta'aniif, akka isaan jeennata inni worra isa jaalataniif waadaa gale san galaniif hiyyeessota adunyaa tanaa filateeraa mii?


Afaanuma tokko keessa eebbinii fi abaarsi baya. Obboleeyyan tiyya! kun garuu ta'uun hin barbaachisu.


Obboleeyyan tiyya! Wol hin hamatinaa'a! Ka obboleessa ufii hamatuu fi ka obboleessa ufiititti murteessu seera hamata. Seerattillee hin murteessa. Yoo seeratti murteessite, ati murteessa'a malee, nama seera hujii irra oolchuu miti.


Obboleeyyan tiyya, waamaraa dura ardi'ii fi sami'itti waan biraallee yoo ta'e womaanuu hin kakatinaa'a! Haata'uu ammoo murtii jalatti akka hin kufne dubbiin keessan ee yoo ta'e, «Ee» jedhaa'a; wa'a yoo ta'e, «Wa'a» jedhaa'a.


Obboleeyyan tiyya! Isin keessaa eennullee dhugaa irraa yoo gore, namni biraa gara dhuga'aa yoo isa deebise,


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ