Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Ergaa Yaaqoob 1:12 - WAADAA LAMMATAA

12 Namni ataabee keessatti ciniinnatu eebbifama'a. Inni hennaa ataabameen maayessa gatii jireennaa yookiin badhaasa Rabbi worra isa jaalatuuf waadaa gale san hin fudhata.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

12 Gooftaan akkaataa waadaa isaatiin waahellan isaatiif ka kennu gonfata jireennaa waan fudhatuuf, qormmaatcha obissee jabaatee naminni dhaabatu, ka eebbifame.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

12 Namni ataabee keessatti ciniinnatu eebbifama'a. Inni hennaa ataabameen maayessa gatii jireennaa yookaan badhaasa Rabbi worra isa jaalatuuf waadaa gale san hin argata.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Ergaa Yaaqoob 1:12
49 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Naaf jettanii nama maraa afo'otti worra jibbame taatan. Ka haga dhumaa jabaate ammoo hin fayya.


Worra mirga isaa jiraniin, mootichi akkana jedhaan, isin eebbifamtoota abbaa kiyyaa koottaa'a; Hennaa biyyi lafaa uumame irraa jalqabee jeennata isinii qophaaye dhaalaa'a.


Namoonni, «Sababa Ilma Namaatiif, yoo isin jibban yoo isin fooyan, yoo isin tuffatanii fi maqaa hamaa yoo isinitti baasan, isin worra eebbifame!


Worra Rabbiin jaalataniif akka fedha isaatiin worra waamamaniif wonti maruu mishumma'aaf akka ta'u hin beenna.


Haata'uu ammoo, «Ka ijji hin argine, ka gurri hin dhagenne; waan qalbii namaatitti hin yaadamne, waan Rabbi worra isa jaalataniif qopheesse» jedhamee akkuma barreeffame akkasuma dubbanna.


Eennullee ammoo Rabbiin yoo jaalate, inni isa biratti ka beekame.


Ka wandhansa bayu maruu, waan maraanuu nafa ufii hin eeggata. Kunniin kennaa badu argachu'uuf, nu ammoo ka hin banne argachu'uuf.


Nama dubbii dhuga'aa qajeellumma'aan dubbatu, hojjataa hin saalfachiifne taate, eennummaa kee ka qoratame Rabbiin afo'otti dhiyeessu'uuf jabaadhu.


Kanallee Gooftaan kiyya ka murtii qajeellumma'aa murteessu akkasuma ana calla'aaf uduu hin taane worra dhufa isaa hawwan maraafuu hin kenna.


Haga ifni isinii ifeen maayessa hennaa duri rakkinna isin irra gaye san qaabadhaa'a. Isin hennaa tokko tokko nama afo'otti arrabamtaniirtan, dhiphattanii hennaa biraallee worra akkana rakkatan woliin rakkattaniirtan.


Ka fiixaan kee isaan waamama jedhamee jechi abdi'ii kennameef, mucaa ufii tokkicha amanta'aan dhiyeesse.


Akka ijoolle'eellee isin woliin, «Ilma kiyya! adabbii Goofta'aa hin salphisin, hennaa inni si gorsu hin dadhabin; Gooftaan nama jaalatu adaba, finna akka ilma ufiititti fudhatu maraa, hin tuma» jedhee gorsa dubbatu irraanfattaniirtan; adabamu'uuf obsaa'a.


Akkasuma innillee haga obseen maayii abdii argate.


Obboleeyyan jaalatamtoota dhagayaa'a, Rabbi akka amanta'aan dureeyyii ta'aniif, akka isaan jeennata inni worra isa jaalataniif waadaa gale san galaniif hiyyeessota adunyaa tanaa filateeraa mii?


Worra obsaan dhaabatan eebbifamtoota isaaniin jenna. Iyoobillee obsee akka Gooftaan raawwateef dhageettanii argitaniirtan; sababnillee waan Gooftaan araarama'aa fi garalaafessa ta'eef.


Haata'uu ammoo waan mishaa hojjata'aa yoo rakkoon isin irra gaye, isin eebbifamtoota sodaachisaa isaanii hin sodaatinaa'a hin raafaminalle'e.


Haata'uu ammoo hennaa Kiristoos ulfinna ufiitiin mudhatu gammachuun keessan guddaa akka ta'u worra rakkoo isaa qoodamtan waan taataniif gammadaa'a.


Maqaa Kiristoosiitiin yoo tuffatamtan, Ayyaanni ulfinnaa, Ayyaanni Rabbii waan isin irratti harabaafatuuf isin worra eebbifame.


Karaa Yesuus Kiristoosiitiin gara badhaadha ulfinna maraa Waandhi isin waame hennaa diqqoo haga rakkinni isin irra gayeen maayessa, inninuu guutuu isin taasisa. Isin dhaaba, isin jajjabeessa.


Bulchaan tissee hoolotaa hennaa dhufe badhaasa ulfinnaa ka hin banne argattani.


Inni waan duraan dursee nu jaalateef, nullee isa jaalanna.


Rakkinna sirra gayu'uuf ta'u hin sodaatin. Daabiloos isin qoru'uuf jedhee isin keessaa namoota gari garii mana hidha'aatitti isin galchu'uuf ta'a. Guyyaa kudhaniif hin rakkattan ati ammoo haga du'aatitti amanamaa ta'i. Badhaasa jireennaallee sii kennaa.


Ani nama jaaladhu maraa hin loladhaan hin adaba. Kanaafuu qajeelii aagii gali.


Akkuma ani mooyadhee teessoo abbaa kiyya irra taa'e, akkasuma ka mooyate na woliin teessoo jeennata kiyyaa irra akka taa'u hin kennaaf.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ