Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




2 Gara Worra Tasaloonqee 2:9 - WAADAA LAMMATAA

9-10 Fayyu'uuf jaalala dhuga'aa worra hin fudhanneef, worra badaniif dhufti isaa maalalee maraa fi malkata sobdootaatiin, soba hamaa maraan, sobu'uun akka hujii seexanaatiin.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

9 Naminni jeeqamaa ka dhufu baasa dogoggorssaa huminna sheexanaatiin baasaa fi malikatoota wonittoota maalale'ee'llee raawwachu'uun,

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

9-10 Worra fayyu'uuf jaalala dhuga'aa hin fudhannee fi worra badaniif dhufti isaa maalalee maraa fi malkata sobdootaatiin, soba hamaa maraan, sobu'uun akka hujii seexanaatiin.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




2 Gara Worra Tasaloonqee 2:9
31 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Achiin maayessa namicha balla'aa fi ka afaan duuda'aa, ka jinniin dhayeeru tokko gara Yesuusii fidan. Innillee namicha san hin fayyise, namichillee argu'uuf dubbatuu danda'e.


Isin keessaa namoonni gari gariin, worra nu Kiristoos ufiin jedhanii fi raattota dharaa ta'an. Uduu isaanii danda'amee, worra Rabbiif filatame dogoggorsu'uuf malkata gugurda'aa fi baasa hujan.


Hennaa san Yesuus, «Ati seexana, narraa fagaadhu! kitaaba Woyyuu keessatti, ‹Waaqa Gooftaa keetii sagadi, isuma callaa kaddaami› jedhamee barreeffameera» jedheen.


Sababaanillee Kiristoosonni dharaatii fi raattonni dharaa dhufanii, yoo isaanii danda'ame worra filatamanillee dogoggorsu'uuf malkataa fi baasa hujan.


Hennaa deebi'u mana duwwaa ta'ee haxaawamee bareedee qophaaye argata.


Kanaafuu Yesuus, «Malkataa fi maalalee yoo argitan malee sirima hin amantan» jedheen.


Isin hujii Abbaa keessanii hojjattan» isaaniin jedhe. «Nu ammoo ta seebartu irraa hin dhalanne, Abbaa tokko qabna; Innillee Rabbi» jedhaniin.


Isin ka daabiloosii abbaa keessaniiti. Hawwii abbaa keessanii hojjatuu feetan inni jalqabumaa kaasee lubbuu balleessa. Dhugaan waan isa bira hin jirreef dhuga'aan hin dhaabbanne, soballee yoo dubbatu ufuma irraa dubbata. Sobaa abbaa sobaa waan ta'eef.


«Ati ka dhartinii fi hammeenni marti si keessa guute; ilma daabiloosii! Diina dhuga'aa! Karaa Goofta'aa micciiruu hin dhiiftuu?


Kunillee waan nama maalalchiisuu miti. Seexanni mataan isaa Maleekkaa ifaa fakkaatu'uuf waan uf jijjiiruuf


Haata'u ammoo akkuma bofin dharaan Hawwaa dogoggorse, yaanni keessan badee maal laataa qajeellumma'aa fi qulqullinni Kiristoosiif ta'u akka hin jijjiiramne sodaadha.


Isaaniifillee ka fakkeenna Rabbii ta'e, ifni ulfinna Oduu Nagayaa ka Kiristoosii akka isaanii hin ifine, waaqa adunyaa tanaa ka ta'e seexannii qalbii worra hin amannee jaamse.


Akkuma Iyyaanse'ee fi Iyyaaberes Muusee morman, akkasuma kunniinillee worra sammu'uuf qalbiin isaanii jalaa bade, worra amantaa irraa badan ta'anii dhugaa morman.


Ogummaan akkasii sun ka lafaati, ka fooniiti, ka seexanaati malee ka samii irraa dhufuu miti.


Jawweenillee dubartitti'iin lolee, worra ajaja Rabbii eegan, ka ragaa Yesuusii qaban worra fiixaa isi'ii keessaa hafe woraanu'uuf deemee xidhacha qarqara galaanaa irra dhaabate.


Ka adunyaa maraa dogoggorsu, daabiloos yookiin ka seexana jedhamu, Jawween guddaan innillee bofni duraa sun gad-gara lafaa darbame. Maleekkonnillee isaan wol lolan.


Ifti ibsa'aallee, ammaa achi si keessatti sirima hin ifu; Laagaan idaayya'aatiif idaayiitti'ii ammaa achi si keessatti sirima hin dhagayamu. Daldaltoonni teellee'e, bulchoota adunyaa tanaa waan ta'aniif, asmaa keetiin worri Yihuudii hin taane maruu, waan dogoggoraniiraniif.


Bineensillee hin qabame worri isa afo'otti maalalee godha'aa malkata bineensaa worri fudhatan, worra fakii isaatii sagadan ka dogoggorse raanni sobaa isa woliin qabame; lamaanuu uduu lubbu'uun jiran gara ibidda dhagaa bobayuu gara galaana ibiddaa darbaman.


Daabiloosiin isaan dogoggorse sun hulee, gara busaaya'aa fi raanni sobaa jiran gara galaana ibiddaatii fi dhagaa bobayuutitti gatame. Baraa haga bara baraa halkanii fi guyyaa rakkatan.


Isaan mootii qaban; innillee Maleekkaa ashuuteeti. Maqaan isaa afaan Ibraayisxiitiin «Abdoon» Afaan Giriikiitinillee «Aphaliyoon» jedhama.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ