Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




2 Ergaa Phexiros 2:4 - WAADAA LAMMATAA

4 Rabbi Maaleekkota cubbuu hojjatan uduu garaa isaanii hin laafne, boolla dukkanaayaa keessatti akka murtii eeggatan dabarsee eega kenne,

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

4 Maleyikoonninuu yeroo cubbuu hojjatanitti Waaqinni uduu garaa isaanii hin laafniif, boolla dukkanaa gad fago'oo keessatti guyyaa murti'ii akka eeggataniif, gara ibidda asaabaa titti isaan ni gate.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

4 Rabbi Maleekkota cubbuu hojjatan uduu garaa isaanii hin laafne boolla dukkanaayaa keessatti akka murtii eeggatan dabarsee eega kenne,

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




2 Ergaa Phexiros 2:4
25 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Hennaa san worra bitaa irra jiraniin ammoo, ‹Isin worra abaarame na biraa fagaadhaa'a; gara ibidda bara baraa ka seexanaa fi ergamtoota isaatiif qophaayeetitti deemaa'a! isaaniin jedhe.


Isaanillee, «Yesuus, Ilma Rabbii, maal nu irraa qabda? hennaan uduu hin geenne nu rakkisu'uuf dhuftee?» jedha'aa iyyan.


laagaa gudda'aan iyyee, «Yesuus, Ilma Rabbii Ol'aana'aa! Maal narraa qabda? ani Rabbiin si wogee na hin rakkisin» jedheen.


Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Seexanni akka bakakka'aatitti hennaa sami'ii gadi bu'u arge.


Jinniiwwan sunillee akka inni gara qile'ee isaan hin ergine Yesuusiin kadhatan.


Isin ka daabiloosii abbaa keessaniiti. Hawwii abbaa keessanii hojjatuu feetan inni jalqabumaa kaasee lubbuu balleessa. Dhugaan waan isa bira hin jirreef dhuga'aan hin dhaabbanne, soballee yoo dubbatu ufuma irraa dubbata. Sobaa abbaa sobaa waan ta'eef.


Rabbi dameewwan akka dhalatanii jiranii yoo garaa hin laafne ta'e, siifillee akkasuma garaa waan hin laafneef.


Ilma ufiitiif uduu garaa hin laafne, waan nu maraatiif dabarsee eega isa kenne, akkasuma isa woliin waan maraa attamiti akkanumaan nuu hin kennine?


Maleekkonni Rabbii barsiisota dharaa kanniin caalaa hunnaa fi baalli yoo qabaatanillee afoo Goofta'aatitti dubbii arrabaatiin hin himatamne.


durillee adunyaa tanaa uduu garaa hin laafne Nohiin qajeellummaa lallabu'uuf namoota torban hambisee adunyaa cubbiitii irratti bisaan badi'ii yoo roobe,


Worra Gooftaa kaddaaman ataabee jalaa baasee worra cubbamoota keessattuu, worra hawwii shinga'aa, dharraa foonii hamaa duukaa deema'aa worra Gooftummaa isaa tuffatan adaba'aa haga guyyaa murti'ii saniif attamitti akka isaan tursiisu hin beeka. Isaan kun worra uf jajaniif goota worra baallii qaban arrabsuu hin sodaanne.


Daabiloos duruma irraa jalqabee cubbuu waan hujuuf, namni cubbuu hojjatu martuu ka daabiloosiiti.


Akka hoomacha dambalii bisaaniitiin hoomachaawuuti; isaan akka urjii tuuttota huleen dukkana bara baraa isaanii qophaayeeti.


Akkasuma Maleekkota Rabbii ka baalliin itti kenname irraa darbamanii hulee ufii gadi dhiisan qaabadhaa'a. Rabbi wodaroo yookiin haada sibiilaatiin isaan hidhee baraa haga bara baraa dukkana keessatti haga guyyaa murtii guddaa sanii isaan eega'aa tursiiseera.


Daabiloosiin isaan dogoggorse sun hulee, gara busaaya'aa fi raanni sobaa jiran gara galaana ibiddaatii fi dhagaa bobayuutitti gatame. Baraa haga bara baraa halkanii fi guyyaa rakkatan.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ