Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




2 Ergaa Phexiros 2:3 - WAADAA LAMMATAA

3 Barsiisonni dharaa kunniin dharraa birri'iitii ufumaa mammaaka dubbata'aati isin irraa nyaatan; murtiin isaanii duri irraa jalqabee hin turu; badiin isaaniillee hin mugu.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

3 Barsiisonni dharaa tunniin qarshi'iif haafayuu irraa ka ka'een seennaa ufii isaaniitii qopheessan oddeessa'aa, isaan ni saaman. Bara baayi'e'een duranaa'llee jalqabee murttiin isaaniif qophaayee jira, badiin'llee dhugamaanuu isaan ni eeggata!

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

3 Barsiisonni dharaa kunniin dharraa birri'iitiif ufumaa mammaaka dubbata'aa isin irraa nyaatan; murtiin isaanii dur irraa jalqabee hin turu; badiin isaan eeggata.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




2 Ergaa Phexiros 2:3
43 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Isin fakkeessitota barsiisota Seera Muuse'eetii fi Fariisoota faatee dheeressu'uun sababdanii mana haadha hiyyeeyyi'ii irraa waan nyaattaniif isinii aanne'e! Kanaafuu murtii guddaa argattan.]


Ani isinitti hima, inni dafee murteessaaf. Haata'uu ammoo, Ilmi Namaa hennaa dhufu amantaa lafa irratti argaa laata?» jedhe.


Uduu isa ega'aaran gara qe'ee bulcha'aa dabarsanii akka kennaniin qajeelaa uf fakkeessanii waan inni dubbatuun isa qabu'uuf worra riphanii eegan isatti ergan.


Uduu inni dubbataa jiru namoonni hedduu gara isaa dhufan, darasoota kudha lamaan keessaa namichi Yihuudaa jedhamu tokko isaan afoo deemaa ture. Innillee Yesuusiin dhungachu'uuf gara isaa dhufe.


Worra handarii gurgurataniinillee, «Kana asii kaasaa'a; mana Abbaa kiyyaa mana daldalaa hin godhinaa'a» isaaniin jedhe.


Worri akkana jiran kunniin garaa isaaniitiif malee, Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiif waan hin bitamneef. Waan misha'aaf dubbii sheele'eetiin qalbii namoota dhara hin qabnee soban.


Nu akka worra hedduu ka dubbii Rabbii wolitti mammaka'aa gurguratuutii miti. Qajeellummaa san waan hin taaneef; ammoo Rabbiin biraa akka ergamne Kiristoosiin keessa taanee Rabbiin afo'otti dubbanna.


Akkuma isin beettan, akkuma Rabbillee nuu ragu dubbii sossobu'uutiin hin dubbanne. Kajeellaa dhoffachu'uuf jennee hin fakkeessine, hin hojjannelle'e.


Nagayaa fi fayyinna uduu jedhan hennaa san akkuma dubartiin ulfaa ciniinsifattu, badiin tasuma isaanitti dhufti. Sirima jalaa hin bayan.


ka hin machoofne, ka nama hin ujulle gara-laafeessa nama hin mormine, ka birrii hin jaalanne,


Akkasuma gargaartonni woldaa kiristaanaa [diyaaqonoonni] worra bilchaate, ka arraba lama hin dubbane, worra dhuddoo hin hawwine,


Kunniinillee waan shinga'aatii fi waan ta'uu hin barbaachifne barsiisa'aa, maatii maraa waan dogoggorsaniif afaan isaanii cufuu barbaachisa.


Bulchaan woldaa Kiristaanaa mana Rabbii ka mudaa hin qabne, ka hin koorre, ka hin lolle, ka hin machoofne, ka hin morminee fi waan shinga'aa ka hin jaalanne,


Isaan worra hin amanne waan ta'aniif, dubbii isaatiin gufatan. Isaanillee worra kufaati'iif qophaayan.


Tika Rabbii ka Rabbi akka isin tissitan isinitti kenne eegaa'a, hunnaan uduu hin taane akka fedha Rabbiititti, jaalalaan bulchaa malee, giddi'iin hin bulchinaa'a. Dhara bada'aanii miti, fedha mishaa'an malee.


Hunnaa fi dhufa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii ka isinitti beessifne, gaachena isaa argineeti malee oduu ogummaa namaatiin uumameetiinii miti.


Akkuma raattonni sobaa armaan dura banii jidduu turan, akkasuma ammallee barsiisonni sobaa isin jidduu jiran. Isaan Gooftaa isaan fayyise gananii ariiti'iin badii barumsa sobaa amantoota keessa seensisan.


Worra Gooftaa kaddaaman ataabee jalaa baasee worra cubbamoota keessattuu, worra hawwii shinga'aa, dharraa foonii hamaa duukaa deema'aa worra Gooftummaa isaa tuffatan adaba'aa haga guyyaa murti'ii saniif attamitti akka isaan tursiisu hin beeka. Isaan kun worra uf jajaniif goota worra baallii qaban arrabsuu hin sodaanne.


Waan karaa Qaayiniitiin deemanii waanuma inni godhe waan godhaniif, waan minda'aatiif jedhanii dogoggora Bala'aamii keessa seenanii akka finqila qore'eetiin waan badaniif isaan Aanne'e!


Kunniin worra akka fedha dharraa ufiitiin jiraata'aa gugumanii fi worra waan hiree ufiitiif gururi'an. Isaan akka isaanii toluuf nama wol caalchisa'aa hagaa ol dubbii guddaa dubbatan.


Hennaa dheera'aan dura murtee tanaaf worri barreeffaman namoonni gari gariin waan hulluuqanii gara keessan seenaniiraniif, isaanillee worra sodaa Rabbii hin qabne, badhadha Waaqaa seebaruma'ati worra jijjiiran, ka ufummatti mooti'ii fi Gooftaa keenna ta'e, Yesuus Kiristoosiin hin ganan.


Akkasuma Soodomii fi Gomooraan qachoota naannoo isaanii aadaa uumamaan ala ta'e, gara hujii seebaruma'aa nafa ufii dabarsanii kennaniiran. Isaanillee ibidda bara baraatiin adabama'aa worra rakkataniif fakeenna ta'aniiran.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ