Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




2 Ergaa Phexiros 2:2 - WAADAA LAMMATAA

2 Hedduun isaanii waan nama saalfachiisu waan godhaniif isaan faanaa deeman. Sababaa isaaniitiif karaan dhuga'aa arrabama.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

2 Bifa kanaan baayi'eewwan karaa isaanii saalifachiisaa ni horddofan, gocha isaanii irraa'llee ka ka'een karaa dhuga'aa ni arrabisama.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

2 Hedduun isaanii waan nama saalfachiisu waan godhaniif isaan faanaa deeman. Sababaa isaaniitiif karaan dhuga'aa arrabama.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




2 Ergaa Phexiros 2:2
36 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Darasoota isaallee worra gosa Heroodisii woliin itti ergan. Isaanillee, «Barsiisaa'a, akka ati dhugaa taate dhugamaan karaa Rabbii akka barsiiftu hin beenna. Fuula namaa laala'aa eennuunillee wol hin caalchiftu.


Isin keessaa namoonni gari gariin, worra nu Kiristoos ufiin jedhanii fi raattota dharaa ta'an. Uduu isaanii danda'amee, worra Rabbiif filatame dogoggorsu'uuf malkata gugurda'aa fi baasa hujan.


Karaan gara jireennaa fidu qadho'o; karrillee dhiphoo waan taateef, worri karaa jiru'uu san argatu diqqa'a.»


Worri ergaman dhufanii, «Barsiisaa'a! akka dhugaa dubbattu nu hin beenna; nama tokkollee hin sodaattu; karaa Rabbii dhuga'aan barsiifta, nama wol hin caalchiftu. Mootii mootota worra Rooma'aatiif gibira gabbaruun seera moo seeraa miti? hin gabbarra moo hin gabbarru?» jedhaniin.


Sababaanillee Kiristoosonni dharaatii fi raattonni dharaa dhufanii, yoo isaanii danda'ame worra filatamanillee dogoggorsu'uuf malkataa fi baasa hujan.


Yesuusillee, «Ani kara'a, dhuga'aa fi jireenna. Anaan malee ka gara Aabbaa dhufu hin jiru.


«Ati ka dhartinii fi hammeenni marti si keessa guute; ilma daabiloosii! Diina dhuga'aa! Karaa Goofta'aa micciiruu hin dhiiftuu?


Yihuudonni hin amanne ammoo worra Yihuudota hin taane worra amanan irratti kakkaasanii akka jibban godhan.


Isiin nu faanaa deema'aa, «Namoonni karaa fayyiinsaa isinitti himan kunniin garboota Waaqa ol'aana'aa ti!» jedha'aa iyya'aa turte.


Innillee mana sagadaa Yihuudotaa keessatti ifaan dubbatuu jalqabe. Phirisiqilla'aa fi Aqilaan hennaa dhagayan, fuudhanii waan Rabbii ka duranii caalaa midhaassanii ibsaniif.


Isaan keessaa ammoo gari gariin banii afo'otti morkataniiti barumsa amantaa Kiristaanaa arrabsan. Kanaaf Phaawuloos isaan dhiisee, darasoota hojjatti baafatee guyya guyya'aan mana barumsa Xiraanoos jedhamu keessatti isaan barsiisa'aa ture.


Dhiiraa fi dubartootallee qabee dabarsee gara mana hidha'aa keenna'ati worra amantaa kana hordofan ajeessu'uuf ari'a'aa ture.


Haata'uu ammoo waan kana ragaa sii baya. Waan seera keessa jiru ka raattotaan barreeffame maraa amanee ka isaan barumsa ‹Dogoggoraati› jedhanii waaman maqaa Waaqa abboota kiyyaa kaddaama.


Sababaa keessaniif maqaan Rabbii worra Yihuudii hin taane jiddu'utti hin arrabsama jedhamee akkuma barreefame,


Eegasuu durboonni qacaleen akka heeruman, ijoollee akka dayanii fi mana ufiillee akka bulchan, Worri nu mormu maqaa akka nu hin balleessine isaan kana gorsa.


Worra mishaa, abbaa manaa ufiitii ajajaman akka ta'an isaan haa gorsanii.


Barumsa fayyinnaa kee keessatti amanama'aa fi nama kabajjamaa dubbii keetiinillee nama hin tuffatamne ta'i.


Worra hujii keessan mishaa arga'aa akka waan hamaa hojjattaniititti maqaa isin balleessan, guyyaa Rabbi banii ufii laalu'uuf dhufu akka Rabbiin kabajjan worra isin hamatan jiddu'utti jireenni keessan mishaa haa ta'uu.


Namoonni kun ammoo waan ufii hubatuu dadhabanii arrabsan; isaan akka bineensa bosonaa ka qalbii hin qabnee ka miira isaaniitiin badaniititti, isaanillee balleessaa ufiitiin badan.


Karaa qajeelaa dhiisanii dogoggoran. Karaa Bala'aamii ilma Baasooriitiin deeman, inni mindaa hammeennaa jaalate.


Isaan dubbii gara hin qabneef dubbii fedha foonii waan odeessaniif worra jireenna dogoggoraa keessa turanii reefuu baqatanii dhufan siiboo sobaa uf keessa galfatan.


Karaa qajeelaa haga beekanniin maayessa ajaja woyyicha isaanii kenname san irraa duubatti deebi'uu uduu dhabaatanii isaanii woyya.


Looxi qajeelaan hujii hamaa isaanii guyya guyya'aan dhagaya'aa arga'aa hennaa jiraate qajeelaa kana lubbuun isaa waan dhiphata'aa turteef, qajeelaa jiruu worra hammeeyyi'iitii fi worra adaba hin qabneen ka miidhame san yoo fayyise,


Kunniin ammoo worra hin beenne maraa hin arrabsan. Akka bineensota sammuu hin qabnee juu jedhanii woma beekanniin badan.


Hennaa dheera'aan dura murtee tanaaf worri barreeffaman namoonni gari gariin waan hulluuqanii gara keessan seenaniiraniif, isaanillee worra sodaa Rabbii hin qabne, badhadha Waaqaa seebaruma'ati worra jijjiiran, ka ufummatti mooti'ii fi Gooftaa keenna ta'e, Yesuus Kiristoosiin hin ganan.


Akkasuma Soodomii fi Gomooraan qachoota naannoo isaanii aadaa uumamaan ala ta'e, gara hujii seebaruma'aa nafa ufii dabarsanii kennaniiran. Isaanillee ibidda bara baraatiin adabama'aa worra rakkataniif fakeenna ta'aniiran.


Ka adunyaa maraa dogoggorsu, daabiloos yookiin ka seexana jedhamu, Jawween guddaan innillee bofni duraa sun gad-gara lafaa darbame. Maleekkonnillee isaan wol lolan.


Malkata gugurdaa afoo bineensaatitti ta'u saniin worra lafa irra jiraatan hin dogoggorsa. Ka madaa guraade'ee qabuuf, worra lubbu'uun jiraatan fakii bineensa sanii akka godhatan worra lafa jiraatanitti dubbata.


Uumama adunya'aatii jalqabee worri maqaan isaanii kitaaba jireennaa ka hoolaa qalamee keessatti hin barreeffamne, worri lafarra jiraatan maruu hin sagadaniif.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ