Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




1 Gara Ximotewoosii 6:2 - WAADAA LAMMATAA

2 Garboonni bulchoota amanan qaban obboleeyyan isaanii waan ta'aniif, isaan hin tuffatin. Hujii mishaa isaaniitiin waan fayyadamaniif worra amananiif jaalatamtoota waan ta'aniif, ka duraa caalaa haa tajaajilanii kanniin barsiisii gorsi.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

2 Bulchitoonni isaanii tajaajiltoota worri ta'an Gooftaa Yesusiin obboleeyyan isaanii waan ta'aniif, isaan hin tuffatin, gonkumaa tajaajila isaanii irraa worri faayiddaa argatan, bulchitoota isaanii ka amanttoota ta'anii fi obboleeyyan isaanii ka jaalataman waan ta'aniif, waan duraanii caala'atti isaan haa tajaajilan. Ati'llee barsiisu'uu fi gorssuu ka qabddu kana.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

2 Garboonni bulchoota amanan qaban obboleeyyan isaanii waan ta'aniif isaan hin tuffatin. Hujii mishaa isaaniitiin waan fayyadamaniif worra amananiif jaalatamtoota waan ta'aniif, ka duraa caalaa haa tajaajilanii; kanniin barsiisii gorsi.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




1 Gara Ximotewoosii 6:2
31 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Isin barsiisaa tokko waan qabdanii fi isin martinuu obboleeyyan waan taataniif, ‹Barsiisaa'a› jedhamtanii hin waamaminaa'a.


Mootichillee deebisee, «Ani dhugamaan isiniin jedha, obboleeyyan tiyya worra maraa caalaa didiqqaa kanniin keessaa tokkoof ka gootan, akka waan naaf gootanii ti!» isaaniin jedhe.


Ammallee Yesuus, «Eennullee gooftaa lamaa bitamuu ka danda'u hin jiru. Tokkicha hin jibba, kaan ammoo hin jaalata; yookiin tokkochaaf uf kennee kaan ammoo hin tuffata. Akkasuma Rabbii fi duniya'aa qixa bitamuu hin dandeettan» jedhe.


Ji'a sanniin keessa Pheexroosii fi namoota dhibbaa fi diddamaa obboleeyyan isa woliin jiran wodhakkaa dhaabateeti akkana jedhe.


Haata'uu ammoo damee keessaa gariin yoo caban, attillee ka ejersa gammoojji'ii taatee jidduu isaanii seentee isaaniin woliin hidda zayitii ejersa baasu irraa yoo qodamaa taate, damee irratti hin booniin.


Ilmi isaa obboleewwan hedduu jiddu'utti hangafa akka ta'u, duraan dursee ka beeke bifa ilma isaa akka fakkaatan dursee murteesseera.


Jaalala amantaa Yesuus Kiristoosiin ta'e hujuu malee, gadoomuun yookiin gadoomuu dhabuun waan hin fayyanneef.


Ka fedha Rabbiitiin ergamaa Yesuus Kiristoosii ta'e Phaawuloosiin, worra Kiristoos Yesuusitti amantanii, Rabbiif woyyoota taatan ka Efesooniin keessa jirtaniif.


Kanaafuu anillee akkasuma isin biratti waan ta'uuf waan Gooftaa Yesuus Kiristoositti amanu'uutiif jaalala isin woyyoota maraaf qabdan dhagayee,


Woyyoota Qolaasiyaasiin keessa jiranii fi obboleeyyan Kiristoosiin hedatan, Rabbii Abbaa keennaa fi Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin irraallee badhaaninii fi nageenni isinii haata'u.


Isinillee gooftoota! Samii irraa Gooftaa akka qabdan waan beettaniif garboota keessanii qajeellumma'aa fi fayyaalumma'aan isaan gargaaraa'a.


Obboleeyyan tiyya! Hennaa maraa waan keessaniif Rabbiin galateeffachuu nu barbaachisa; amantaan keessan guddisee guddata'aa, jaalalti isin wolii qabdanillee ittuma eda'a'aa waan deema'aaruuf, galateeffachuun keenna sirri'i.


Kanniin ajaji barsiisille'e dubbii jireennaan jaalalaa fi amanta'aan qulqulluma'aan, worra amanan maraafuu fakkeenna ta'i malee, ijoollummaa keetiif eennullee si hin tuffatin.


Jaarsa hin rifachiisin, isa akka abba'aatitti, Ka'imman ammoo akka obboleeyyaniititti.


Ati ammoo barumsa jireenna argamsiisuuf akka ta'utti dubbadhu.


Kana maraa baali'iin dubbadhu, gorsi, uf eeggachiisi. Eennullee si hin tuffatin.


Worri Rabbiin amanan hujii misha'aan uf eegganna'aan akka jabaatan, kanniin cimstee akka dubbattu si hoffolcha. Kun misha'aa fi waan namoota fayyadu.


Kanaafuu obboleeyyan woyyoota, worri waamsa sami'ii irraa qoodamtoota taatan, gara ergamaa amantaa keennaatii fi gadicha hayyicha Yesuus Kiristoosii laalaa'a.


Amantaa keenna ka duraa haga dhumaa cimsinee uduu eennee worra Kirstoosiin woliin jeennata Rabbii keessa jiraatu taaneerra.


Eegasuu ani akkuma isaanii manguddoonni woldaa Kiristaanaa ragaa baatuu rakkinna Kiristoosii akkasuma ulfinna Kiristoosii ka mudhatu'uuf ta'u, qoodamu, manguddoota isaan jidduu jiran maraa hin gorsa.


Haala kanaan namoonni kunniin eebjuu eebjatan nafa ufii batteessa'aa baallii Rabbii hin tuffatan. Worra ulfinna qabullee hin arrabsan.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ