Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




1 Gara Ximotewoosii 1:9 - WAADAA LAMMATAA

9-11 Kunillee worra yakkamtoota, worra hin ajajamne, worra hamaa hojjatan, cubbamtoota, worra woyyummaa hin qabne, battoota, worra abba'aa fi haadha ufii ajjeesan, worra nama ajjeesan, seebartoota, worra dhiira woliin ciisan, worra namoota bitee gurguru, worra kijibdootaa fi dharaan kakatuu fi worra faallaa barumsa dhuga'aa godhan maraaf, barumsi dhuga'aa ammo ka argamu, Oduu Nagayaa kabajjamaa ka waan Rabbii eebbaa ibsuuti. Oduu Nagayaa kanatu yaboo natti kenname.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

9 akkuma kanaan'llee seerri ka hojjatame namoota mishaawwanii akka hin ta'in ni beekinna, seerri ka hojjatame hamaaleyyi'ii fi yakkamttootaaf, worra Waaqa hin waaqeffanne cubbamootaaf, qulqullaawoma worra hin qabnnee fi worra waan hafuuraa jibbaniif, abba'aa fi haadha worra ajjeesanii fi lubbuu ajjeefttotaaf,

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

9-11 Kun worra yakkamtoota, worra hin ajajamne, worra hamaa hojjatan, cubbamtoota, worra woyyummaa hin qabne, battoota, worra abba'aa fi haadha ufii ajjeesan, worra nama ajjeesan, seebartoota, worra dhiira woliin ciisan, worra namoota bitee gurguru, worra kijibdootaa fi worra dharaan kakatu, worra faallaa barumsa dhuga'aa godhan maraaf; barumsi dhuga'aa ammo ka argamu, Dubbii Nagayaa kabajjamaa ka waan Rabbii eebbaa ibsuuti. Dubbii Nagayaa kanatu yaboo natti kenname.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




1 Gara Ximotewoosii 1:9
45 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Obboleessi obboleessa ufii, abbaanillee ilma ufii dabarsee du'aaf kenna. Ijoolleen worra ufii irratti hin ka'an, hin ajjeesanille'e.


Worra hasaasanii fi hamatan, worra Waaqa jiban, worra nama arrabsan, worra boonanii fi uf jajan, karaa baduma'aa worra wolitti soqanii fi worra maatii isaaniitiif hin ajajamne.


Inni ka ardii tana dhaalu akka ta'u Abrahamii fi fiixaa isaatii dubbii abdi'ii ka kenname qajeellummaa amanta'aatti malee, seeraanii miti.


Dhufuu seeraatiin balleessaan baay'ate, Haata'uu ammoo cubbuu baay'ateef cubbuun du'a irratti akkuma mooye, akkasuma ammoo, sababaa badhaadhummaa Gooftaa Yesuusiitiin, sababa qajeellummaatiif jireenna bara baraatiin akka mooyuuf badhaadhinni maraa caale.


Isin Ayaannaa gadi malee, seeraa gadii miti. Cubbuun waan isin hin binneef.


Eegasuu seerri maali'iif kenname? Haga fiixaan abdiin keennameef sun dhufuuf, seera diiguun maal akka ta'e mudhisu seerri eda'amee kenname.


Yoo Ayyaana Woyyu'uun yoo masakkamtan ammoo, Seeraa gad jirtan.


Nama wol caalchisuu, barumsa sobaa, dhiibbifatuu, ajjeesuu, machii, sirbaa fi ka kanniin fakkaatu; akkuma kanaan dura isinitti hime, worri waan kana godhan horoma jeennata hin galan.


Amantaa gara-laafumma'aa fi uf qabuu seerri waan akkanaa kanniin dhooggu hin jiru.


Hennaa san ka Gooftaan Yesuus Kiristoos hafuura afaan ufiitiin balleessuu, hennaa deebi'ee dhufu mudhachuu ufiitiin ka balleessu ilmi badi'ii hin mudhata.


Haata'uu ammoo tapha xuraayaa adunyaa tanaatii fi oduu dubartoota jaartee irraa fagaadhu; bikka san jireenna Rabbitti tolu jiraachu'uuf tattaaffadhu.


Ximootewoosii kiyya! «Beekkomsa» soba jedhamu, ka duwwa'aa odeessu'uu fi mormii duwwaa adunyaa tanaa tolu irraa fagaata'aa yaboo sitti kenname eegi.


Haata'uu ammoo dubbii adunyaa tanaa hamtuu ta Rabbi hin jaalanne irraa fagaadhu, cubbuu hojjachuu ka duraa caalaa waan edaataniif.


Namoonni worra uf jaalatu, worra horii jaalatu, worra uf saadu, worra uf jajan, worra nama arrabsan, worra maatii ufiitiif hin ajajamne,


Worra hin ajajamne, ka waan duwwaa qaaqanii fi soban, keessattu gosa worra gaadoomanii keessaa heddu.


Isaan Rabbiin beenna jedha'aa ifa dubbatan. Haata'uu ammoo worra nama jibbisiisuu fi worra hujii mishaa hojjachuu hin dandeenne waan ta'aniif, hujii ufiitiin isa ganan.


Manguddoonni Woldaa Kiristaanaa ka mudaa hin qabne, haadha manaa tokkotti'ii fi ka ijoollee amanan qabu, waan adaba dhabu'uutii fi ajajamu diidu'un ka hin himatamne yoo jiraate, muudi.


Nullee akkasuma duraan worra waa hin hubanne, ka hin ajajamne, worra dogoggoru, haawwi'ii fi gammachuu foonii ka adda addaatiif garbicha taanee, hammeennaa fi hinaaffa'aan worra jiraatu, worra wol-loluu fi worra wol jibbu turre.


Seebartittiin Ra'aab worra gaadu nagayaan waan simatteef, worra hin ajajamne woliin amanta'aan hin banne.


yookiin akka Eesawu nyaataaf jedhee hangafummaa ufii gurguratee nama adunyaa kanaaf tolu akka hin taane ufi eeggadhaa'a.


Eegasuu ulfinni isin worra amantanii fi worra hin amannee ammoo, «Dhagaan ogeessoonni mana ijaaran gatan sun, dhagaa handhuura ijaarsaa, dhagaa guutu'uutii fi siidaa gufachiisaa ta'e»


Namoonni hagoon sun lubbuu nama saddeetii badii bisaanii ka hennaa Nohi markaba qopheesse badii jalaa bayan. Hennaa obsa Rabbii ka bara Nohii san kuuwwan ammoo hin ajajamne.


Kitaabni woyyuun, «Namni qajeelaan yoo ka rakkinna keessatti fayyu ta'e, dhartichinii fi cubbamtichi attam ta'ee jiraata ree?»


Haata'uu ammoo worri sodaatu ka hin amanne, worri battaaye, ka lubbuu ajjeese, worra adaba hin qabne, worra asmaa hojjatu, worra waaqa tolfamaa kaddaaman, sobduun marti hireen isaanii dhagaa ibiddaatii fi galaana bobayu, kunillee du'a lamaffa'aati.


Worri asmaa godhan, sariinii fi seebartoonni worri lubbuu namaa ajjeese, worri waaqa tolffamaa kaddaaman, worri kijiba jaalatanii fi raawwatan maruu diida jiran.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ