Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




1 Gara Ximotewoosii 1:3 - WAADAA LAMMATAA

3 Hennaa gara Meqidooniya'aa deeme gari gariin barumsa addaa akka hin barsifneef, gara mammaaka dhuma hin qabinee, gara seenaa dhalootaa akka hin caqafne, akka isaan ajaju Efesooniin keessa akka teettu sii kadhadhe. Wontoonni akkanaa kunniin wol mormii waan fidaniif.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

3 Gara Maqedooniyaa yeroo deemutti akkuma yaboo siin jedheen namoonni achi jiran tokko tokko barsiisa sobaa akka hin barsiifinne akka taasfttu, Efesooniin taa'i.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

3 Hennaa gara Maqedooniya'aa deeme gari gariin barumsa addaa akka hin barsiifneef gara mammaaka dhuma hin qabnee, seenaa dhalootaa akka hin caqafne, akka isaan ajaju Efesooniin keessa akka teettu sii kadhadhe. Wontoonni akkanaa kunniin wol mormii waan fidaniif.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




1 Gara Ximotewoosii 1:3
24 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Hennaa Efesooniin gayan, isaan achitti dhiisee ufii ammoo gara mana sagada Yihuudotaa seenee, Yihuudota woliin dubbata'aa ture.


Haata'uu ammoo hennaa nagaya isaanitti dhaamate, Ayyaana dhufu Yerusaalemitti dabarsuu na woyya. «Yoo Rabbi jedhe, gara keessanillee hin deebi'a» isaaniin jedhee, Efesoonii markabaan ka'e.


Maqidooniya'aa fi Akkayaan, Yerusaalemitti hiyyeeyyota woyyoota jidduu jiran gargaaruu waan murteeffataniif.


Haata'uu ammoo Obboleewwan tiyya! worra barumsa isin barattan mormanii fi gar gar baayiinsa uumanii, namootatti gufuu ta'an, addaan baaftanii akka laaltaniif irraallee akka fagaattan isin kadhadha.


Ka dhufullee ka nu isinitti hin himne Yesuusii biraa yoo isinitti hime yookiin Ayyaana hin arganne ka addaa yookiin Oduu Nagayaa hin fudhanne ka addaa yoo argitan akka misha'atti obsitan.


Akka dogoggora soba fakkeessuu, sababaa soba namootaatiin qilleensa barumsa sobaa maraan asii fi achi daddarbama'aa asii fi achi rarra'a'aa ammaa achi daa'imman ta'uun nuuf hin ta'u.


Anillee ammoo ariifadhee akka dhufu Gooftaa hedadheera.


Kanniin ajaji barsiisille'e dubbii jireennaan jaalalaa fi amanta'aan qulqulluma'aan, worra amanan maraafuu fakkeenna ta'i malee, ijoollummaa keetiif eennullee si hin tuffatin.


Kanaafuu obboleeyyan uduu yaadachiftee amanta'aa fi dubbii barumsa mishaa hordofteen yoo dubbii barsiifte, tajaajilaa mishaa Yesuus Kiristoosii taata.


Birrii jaalachuun hidda badii maraa waan ta'eef, namni gariin uduu kana hawwan amantaa ufii irraa dogoggoranii karaa hedduun uf miidhaniiran.


Bara adhaa worri dureeyyii ta'an, waan uf jaju'uu akka hin yaanne Rabbiin jiraata'aan akka gammannuu waa maraa caalchisee nuu keennuun malee, durummaa darbu akka abdii hin godhanne isaan gorsi.


Eennullee barumsa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii ta'een ala, ka barumsa addaa barsiisuuf dubbii nagaayaa, barumsa Rabbiin sodachu'uu kana ka hin fudhanne yoo jiraate, inni nama womaa hin beenne ka,


Guyyaa dhumaa san Gooftaan isaa haa araaramu. Efesoonittillee attamitti akka na tajaajile atuu sirri'itti beetta.


Dogoggorsitoonni baayi'een gara adunyaa tanaa seenaniiru. Isaanillee worra Yesuus Kiristoos fooniin akka dhalate hin amanne. Inni kun dogoggorsa'aaf ka Kiristoosiin mormu.


Haata'uu ammoo waan diqqoo sirratti ceem'u qaba. Innillee ijoollee Isiraa'eliitiif gufuu ta'u'uuf nyaata waaqa tolfama'aaf dhiyaate nyaata'aa, seebara'aati worri barumsa Bala'aamii ka Balaaqiin barsiise duukaa bu'aan si woliin achi waan jiraniif.


Haata'uu ammoo ta ani raaga ufiin jettee garboota kiyya akka seebaran, waan waaqa tolfama'aaf qalame nyaatan ta barsiiftuuf ta dogoggorsitu dubartii san Elzaabeliin waan itti cadhifteef waan sirratti ceem'u qaba.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ