Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




1 Gara Worra Tasaloonqee 4:3 - WAADAA LAMMATAA

3 Fedhiin Rabbii akka woyyoomtaniif.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

3 Fedhiin Waaqaa akka isin Qulqulloofttanii fi sagaagala irraa akka fagaattaniif.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

3 fedhiin Rabbii akka woyyoomtaniif.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




1 Gara Worra Tasaloonqee 4:3
47 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Waandhi nagayaa qaama keessan hooma'aa haa woyyoomsu; ayyaanni keessan lubbuunii fi foon keessanillee hennaa Gooftaan keenna Yesuus Kiristoos dhufu mudaa malee haa eeggamanii.


Fedhiin Rabbii misha'aa fi ka nama gammachiisu waan mudaa hin qabne maal akka ta'e qorattanii akka beettan haarawoomuu qalbii teessaniitiin jijjiramaa malee, adunyaa tana hin fakkaatinaa'a.


Wol fuudhuun maraa biratti ulfinna; sireenillee qulqulluu haa ta'u. Worra adaba hin qabnee fi seebartoota ammoo Rabbi isaanitti murteessa.


Kanaaf fedhiin Rabbii maal akka ta'e hubadhaa malee, gowwoota hin ta'inaa'a.


Eeganaa dharraa foonii ta lafa tanaa ka isin keessa jiru ajjeesaa'a, isaanillee seebaruu, battummaa, wol qirqissuu, waaqa tolfamaa kaddaamu'uu fi hawwii hamaa fa'a.


Seebaruu irraa akka fagaattan, akka worra Yihuudii hin taanee, ka Rabbiin hin beenne sanniin fedhaa fi dharraa foonii hamaa hin qabaatinaa'a. Isin keessaa namni maruu nafa ufii woyyumma'aa fi ulfinnaan haa eeggatuu.


Hujiin foonii addaata'a. Innillee seebaruu, batta'ummaa,


Adunyaaniif dharraan isi'ii hin lufti. Namni fedhii Rabbii raawwatu ammoo bara baraan jiraata.


Yesuus, «Fedhii Abbaa kiyya ka samii jiruu nama hujutu jeennata sami'ii gala malee, ka, ‹Gooftaa, Gooftaa› jedhee na waamu marti hin galu.


Haata'uu ammoo worri sodaatu ka hin amanne, worri battaaye, ka lubbuu ajjeese, worra adaba hin qabne, worra asmaa hojjatu, worra waaqa tolfamaa kaddaaman, sobduun marti hireen isaanii dhagaa ibiddaatii fi galaana bobayu, kunillee du'a lamaffa'aati.


Nu ammoo worra Goofta'aan jaalatamtan hennaa maraa waan keessaniif Rabbiin galateeffachuu nu barbaachisa. Rabbi Ayyaanaan woyyoomuu dhugaallee amanu'uun fayyinnaaf akka hangafaatitti waan isin filateeruuf.


Fedhii Rabbii raawwattanii, dubbii abdi'ii ka isinii kenname akka argitan obsuu isin barbaachisa.


Akka worra fedhii Rabbii raawwatuu akka garboota Kiristoosiititti malee, akka waan nama gammachiiftaniititti mudhachu'uuf hin ajajaminaa'a.


Haata'uu ammoo, sababaa rakkoo seebaraatiif dhiirtii martinuu haadha manaa ufii haa qabaatuu. Akkasuma dubartiin martinuu abbaa manaa ufii haa qabaattuu.


Namni fedhii Rabbii raawwatu maruu obboleessa kiyya, obboleettii tiyyaa fi haadha tiyya» jedhe.


karaa Yesuus Kiristoosiitiin afoo ufiititti waan isa gammachiisu isiin keessatti raawwata'aa akka isin fedha isaa mishaa mara gootaniif guutuu isin haa taasisuu. Isaaf baraa haga bara baraa ulfinni haa ta'u! Amiin.


Qorichi keenna hammeenna maraa jalaa akka nu furu waan misha'aa fi qajeelaa godhu'uuf banii isaaf ta'u ufiif qulqulleessu'uuf lubbuu ufii nuu kenneera.


Kanaaf nullee akkasuma guyyaa kana dhagenne irraa jalqabnee, fedha beekkomsa isaa ogummaa Ayyaanaa hubbannaa sammuu keessan maraa akka isinitti guutuuf waan keessaniif Rabbiin kadhachuu hin dhiifne.


Deebi'ee yoo dhufu isin birratti Waandhi kiyya akka na hin salphifne worra dura cubbuu hojjatanii fi waan battii godhaniif seebarrii, waan worra aagii hin galinii waan namoota hedduu maallaataa hin gadda jedhee sodaadha.


Haata'uu ammoo, «Ka uf jaju Rabbiin uf haa jajuu» jedhamee akkuma barreeffame,


Dukkanaa gara ifaa, baallii seexanaa keessaa gara Rabbii akka deebi'an ija isaanii akka bantuuf banii itti si ergu worra Yihuudota hin taane jalaallee si oolcha.›


Yesuusillee akkana isaaniin jedhe, «Nyaanni kiyya, fedha ka na ergee raawwachu'uu fi hojii isaa fixu'u.


Sababaanillee garaa keessaa yaanni hamaan, ajjeesuun, seebaruun, hatuun, sobaan ragaa bayu'uu fi arrabsuu kanniin fa'atuu baya.


Namni fedhii Abbaa kiyya ka samii jiruu raawwatu maruu, obboleessa kiyyaa fi obboleettii tiyya, haadha tiyyalle'e» jedhe.


Garbichi Kiristoosii Ephafiraan keessan nagaya isiniin jedheera. Fedha Rabbii maraa hubattanii, guutuu taatanii, akka dhaabattan, hennaa maraa waan keessaniif jabaatee Rabbiin kadhata.


Amma ammoo cubbuu jalaa bilisa baatanii Rabbiif ajajamtanii, worra daraaraa woyyumma'aa qabu. Innillee dhuma jireenna bara baraa ti.


Ammallee Rabbiif akka jabaatan woyyoota maraa jiddu'utti Rabbii ristii akka argatan godhuu danda'uuf dubbii badhaadhummaa isaatitti yaboo isin kenneera.


waaqolee tolfamaa, battummaa, seebaruu, horii ufiin du'ee fi dhiiga irraa akka fagaatan isaanii barreessu'uuf kutadheera.


Ka fedhii isaa raawwatuu jaalatu yoo jiraate, inni barumsi kun Rabbiin irraa yoo ta'e yookiin ka ani ufi irraa dubbadhu yoo ta'e hin beeka.


yookiin akka Eesawu nyaataaf jedhee hangafummaa ufii gurguratee nama adunyaa kanaaf tolu akka hin taane ufi eeggadhaa'a.


Hammeenna, luquna, dhara maraan guuttaman; hinaaffaa, lubbuu ajjeesuu, mormii, amala dharaatii fi hammeennaan guuttaman.


Worri asmaa godhan, sariinii fi seebartoonni worri lubbuu namaa ajjeese, worri waaqa tolffamaa kaddaaman, worri kijiba jaalatanii fi raawwatan maruu diida jiran.


Ani ammoo akkana isiniin jedha, yoo isiin seebarte malee, haadha manaa ufii ka hiiku maruu seebartuu isii taasisa; namni ta abbaa manaa jalaa baate fuudhu maruu hin seebara.»


Maqaa Gooftaa Yesuusiitiin ajaja kamiin akka isinii kennine waan beettaniif


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ