Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




1 Gara Worra Tasaloonqee 4:10 - WAADAA LAMMATAA

10-12 Akkasumallee Obboleeyyan Maqedooniyaa keessa jiran maraaf waan gootaniif. Haata'uu ammoo Obboleeyyan tiyya, ka duraa caalaa akka baayi'attan cadheensaanillee akka jiraattan, akka hinaaftan, waan keessan irrattillee akka uf eeddan, akkuma nu isin ajanye, worra hin amanne jiddu'utti, haalaan akka jiraattan, waan isiniif barbaachisuufillee harka namaa irraa akka hin eegganne, harka keessaniin akka hojjattaniif isin kadhanna.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

10 Obboleeyyan Maqedooniyaa guutuu keessa jiran maraa ni jaalattan, ta'u'llee yaa obboleeyyan, amma ka isin gorssinu caala'atti akka jaalattaniif.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

10-12 Akkasumallee Obboleeyyan Maqedooniyaa keessa jiran maraaf waan gootaniif. Haa ta'uu ammo obboleeyyan tiyya! ka duraa caalaa akka baay'attan, cadheensaanillee akka jiraattan, akka hinaaftan, waan keessan irrattillee akka uf eeddan, akkuma nu isin ajanye worra hin amanne jiddu'utti haalaan akka jiraattan, waan isiniif barbaachisuufillee harka namaa irraa akka hin eegganne harka keessaniin akka hojjattaniif isin kadhanna.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




1 Gara Worra Tasaloonqee 4:10
14 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Ulfinnaa fi galanni Rabbiif, daraaraan qajeellumma'aa ka Yesuus Kiristoosiin irraa argamu isin keessa guutee, guyyaa gaafa Kiristoos dhufuutitti qophooftanii, qajeellootaa fi mudaa malee akka taataniif waan mishaa qorattanii akka jaalattan, jaalalti teessan beekkomsaa fi hubannaa maraan ka duraa caalaa guddatee akka badhatu ani kana isinii kadhadha.


Gooftaan keenna Yesuus Kiristoos woyyoota maraa woliin hennaa dhufu, afoo Waaqa Abbaa keennaa, woyyootaa fi worra mudaa hin qabne isin taasisee, onnee keessan akka dhaabu akkuma nullee isinii taane Goofta'aan waan wolii qabnu jaalala maraafuu ta'uun isinii haa guddisu, haa eda'ullee.


Obboleeyyan tiyya! Hennaa maraa waan keessaniif Rabbiin galateeffachuu nu barbaachisa; amantaan keessan guddisee guddata'aa, jaalalti isin wolii qabdanillee ittuma eda'a'aa waan deema'aaruuf, galateeffachuun keenna sirri'i.


Kanaafuu amantoota Maqedooniya'aa fi Akaayiyaa jiran maraafuu fakkeenna isaanii taataniirtan.


Badhaadhumma'aa fi beekkomsa Gooftaa keennaa Yesuus Kiristoosiitiin guddadhaa'a. Isaaf ammallee baraa haga bara baraa ulfinni haa ta'u! Amiin.


Eeganaa waan hafeen obboleeyyan tiyya, attamitti akka jiraattaniif, Rabbiinillee gammachiisuu attamitti akka dandeettan, nurraa akka barattan, isinillee akkasumatti akka jiraattan ka duraa caalaa akka baayi'attan maqaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin isin kadhanna, isin gorsinalle'e.


Kanaafuu anillee akkasuma isin biratti waan ta'uuf waan Gooftaa Yesuus Kiristoositti amanu'uutiif jaalala isin woyyoota maraaf qabdan dhagayee,


Maqidooniya'aa fi Akkayaan, Yerusaalemitti hiyyeeyyota woyyoota jidduu jiran gargaaruu waan murteeffataniif.


Waan isin ajanyu amma akka gootan, duranaallee akkasuma akka gootan, waan keessaniif Gooftaa hedanneerra.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ