Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




1 Ergaa Yohaannis 5:4 - WAADAA LAMMATAA

4 Ka Rabbiin irraa dhalate maruu, adunyaa hin injifata, adunyaallee ka injifatu amantii keenna.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

4 Ilma Waaqaa ka ta'e marrinuu biyya lafaa ni injifata, biyya lafaa ka injifannu'llee amantii keennaan.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

4 Ka Rabbiin irraa dhalate maruu adunyaa hin injifata; adunyaallee ka injifatu amantii keenna.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




1 Ergaa Yohaannis 5:4
21 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Isaanillee Rabbiin irraa dhalatan malee; dhiiga yookiin fedha foonii yookiin fedha dhiiraa irraa hin dhalanne.


Nageenni na'aan akka isinii ta'uuf kana isinitti himeera, biyya lafaa keessa hennaa jirtan hin rakkattan, haata'uu ammoo jabaadhaa'a! womaa mit ani biyya lafaa mooyadheera.»


Yesuusillee deebisee, «Dhugama dhuga'aatiin siin jedha, namni lammaffaa deebi'ee yoo dhalate malee, jeennata Rabbii galuu hin danda'u» jedheen.


Haata'uu ammoo karaa Gooftaa kenna Yesuus Kiristoosiitiin mooyannaa ka nuu keennu Rabbii galanni haata'u!


Akka inni qajeelaa ta'e yoo beettan, namni qajeellummaa hojjatu maruu akka isarraa dhalate beekaa'a.


Kanaaf hujii daabiloosii diigu'uuf Ilmi Rabbii dhufeera. Namni Rabbiin irraa dhalate maruu cubbuu hin hojjatu. Waan sanyiin Rabbii isa keessa jiruuf, waan Rabbiin irraa dhalateef cubbuu hojjachuu hin danda'u.


Ijoollee tiyya, isin Rabbiin woliin jirtan injifataniirtanille'e, ka isin keessa jiru, ka adunyaa keessa jiru waan caaluuf.


Namni Kiristoos jedhee Yesuusitti amanu maruu, Rabbiin irraa dhalate. Ka abbaa ufii jaalatu maruu ka isarraa dhalatellee hin jaalata.


Namni Rabbiin irraa dhalate maruu, cubbuu hin hojjatu. Ilmi Rabbii waan isa tissuuf, hammeennillee isa miidhuu akka hin dandeenne hin beenna.


Yesuus Ilma Rabbii akka ta'e nama amane malee ka adunyaa injifatu eennu?


Isaan, dhiiga hoola'aatii fi sababaa dubbii ragaa isaaniitiin mooyataniin; isaan lubbuu isaanii haga du'aa ufirraa bayan.


Garba bilille'ee ka ibiddaan makame fakkaatu arge. Bineensaa fi fakii isaa laakkoofsa maqaa isaallee worri mooyatan meeshaa Rabbii kaddaamama'aa qabatanii hennaa galaana bilille'ee irra dhaabatan arge.


Waan Ayyaanni tokkumma Woldaa Kiristaanaatiin jedhu ka gurra dhagayu qabu maruu haa dhagayuu ka mooyate du'a lammaffa'aatitti hin miidhamu.


«Waan ayyaanni woldoota Kiristaanaatiin jedhu ka gurra qabu haa dhagayuu; nama mooyatee nyaata sami'ii ka dhokate keessaa kennaaf; dhagaa adii ka maqaan haarofni irratti barreeffame nama fudhatu san malee ka eennullee hin beenne kennaaf.


Ka mooyateef ka haga dhumaa hujii kiyyaa eegeef annillee akkasuma ani abbaa kiyyaa irraa baallii fuudhee worra Yihuudii hin taane maraa irratti baallii kennaaf. Bokkuu sibiilaatiin bulcha. Akka meeshaa faayaatitti isaan caccabsan.


«Waan ayyaanni tokkummaa woldaa Kiristaanaatiin jedhu ka gurra qabu maruu haa dhagayuu! ‹Ka injifatee muka daraaraa isaa nyaatan ka jeennata Rabbii keessa jiru akka nyaatu hin kennaaf.›


Nama injifate galma Waaqa kiyyaa keessatti utubaa isa taasisa. Inni horoma duranaallee achi keessaa hin bayu. Ani maqaa Waaqa kiyyaatii fi maqaa qachaa Waaqa kiyyaa ta Yeruusaalemii haarawa sami'ii dhuftuuf maqaa kiyya haarawa isa irratti barreessa.


Akkuma ani mooyadhee teessoo abbaa kiyya irra taa'e, akkasuma ka mooyate na woliin teessoo jeennata kiyyaa irra akka taa'u hin kennaaf.


Ka mooyatellee akkasuma uffata adii uffata. Maqaa isaallee galmee jireennaa keessaa hin haqu. Anillee abbaa kiyyaa fi Maleekkota afo'otti maqaa isaatii raga.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ