Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




1 Ergaa Phexiros 5:4 - WAADAA LAMMATAA

4 Bulchaan tissee hoolotaa hennaa dhufe badhaasa ulfinnaa ka hin banne argattani.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

4 Kana yoo raawwattan Tissichi ijoon yeroo muldhatutti, gonfanni hin banne ka ulfinnaa ni fudhattan.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

4 Bulchaan tissee hoolotaa hennaa dhufe badhaasa ulfinnaa ka hin banne argattan.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




1 Ergaa Phexiros 5:4
22 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

«Tisseen mishaan ana. Tisseen mishaan hoolota ufiitiif lubbuu ufii dabarsee kenna.


Ka wandhansa bayu maruu, waan maraanuu nafa ufii hin eeggata. Kunniin kennaa badu argachu'uuf, nu ammoo ka hin banne argachu'uuf.


Kanallee Gooftaan kiyya ka murtii qajeellumma'aa murteessu akkasuma ana calla'aaf uduu hin taane worra dhufa isaa hawwan maraafuu hin kenna.


Ka dhiiga waadaa bara baraatiin tissee guddaa hoolotaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin ka worra du'an keessaa isa kaase Waandhi nagayaa,


Namni ataabee keessatti ciniinnatu eebbifama'a. Inni hennaa ataabameen maayessa gatii jireennaa yookiin badhaasa Rabbi worra isa jaalatuuf waadaa gale san hin fudhata.


Isin akka hoolota karaa irraa baddee taatanii turtan. Amma ammoo gara tisse'eef eedduu lubbuu teessanii deebitaniirtan.


Tika Rabbii ka Rabbi akka isin tissitan isinitti kenne eegaa'a, hunnaan uduu hin taane akka fedha Rabbiititti, jaalalaan bulchaa malee, giddi'iin hin bulchinaa'a. Dhara bada'aanii miti, fedha mishaa'an malee.


Goshoota tiyya, amma nu'u ijoollee Rabbiiti uf afoo maal akka taanu hin beekkamne. Haata'uu ammoo hennaa inni deebi'ee dhufu akkuma jiruun akka isa fakkaannu hin beenna.


Inni duumeessaan dhufa, ijji maruu isa argiti, worri isa woraanellee hin argan. Baniin adunyaa tana irraa maruu sababaa isaatiif gadda'aa booyan. Ee! Akkasuma ta'a. Amiin.


Rakkinna sirra gayu'uuf ta'u hin sodaatin. Daabiloos isin qoru'uuf jedhee isin keessaa namoota gari garii mana hidha'aatitti isin galchu'uuf ta'a. Guyyaa kudhaniif hin rakkattan ati ammoo haga du'aatitti amanamaa ta'i. Badhaasa jireennaallee sii kennaa.


Ani dafee dhufa. Eennullee badhaasa kee ka muudamaa akka si jalaa hin fudhanne waan qabdu jabeessii qabadhu.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ