Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




1 Ergaa Phexiros 3:9 - WAADAA LAMMATAA

9 Hamaa hama'aan yookiin nama isin arrabse arrabaan hin deebisinaa'a; bikka san isaan eebbisaa'a, eebba dhaalu'uuf waan waamamtaniirtaniif.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

9 Eebbisaa malee hamaa bakka hama'aatiif, arraba'llee bakka arrabaatiif hin deebisinaa, isin ka waamamittan kana raawwachu'uun eebba dhaalu'uuf,

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

9 Hamaa hama'aan yookaan nama isin arrabse arrabaan hin deebisinaa'a; bikka san isaan eebbisaa'a; eebba dhaalu'uuf waan waamamtaniirtaniif.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




1 Ergaa Phexiros 3:9
26 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Namni maqaa kiyyaaf jedhee mana yookiin obboleessa yookiin obboleettii yookiin Abbaa yookiin haadha yookiin Ijoollee yookiin qonna ufii dhiise maruu, dachaa dhibbaa hin argata; jeennatallee hin gala.


Worra mirga isaa jiraniin, mootichi akkana jedhaan, isin eebbifamtoota abbaa kiyyaa koottaa'a; Hennaa biyyi lafaa uumame irraa jalqabee jeennata isinii qophaaye dhaalaa'a.


Ani ammoo akkana isiniin jedha; nama waan badaa sirratti hojjate haluu hin bayin. Namni tokko boqoo mirgaa yoo si dhabanaase, taanillee itti deebis.


Ani ammoo akkana isiniin jedha. Diinota keessan jaaladhaa'a; worra isin miidhuufillee faateffadhaa'a. Yoo kana gootan ijoollee abbaa keessan ka samii jiruu taatani; Inni worra hammeeyyi'ii fi worra misha'aafillee aduu baasa; worra qajeela'aa fi worra qajeelaa hin taaneefillee hin roobsa.


Yesuus achii ka'ee akkuma kara'atti bayeen, namichi tokko gara isaa fiigee, afoo isaatitti jilbiinfatee, «Barsiisaa mishaa'a! gara jireenna bara baraa galu'uuf maal godhuu na barbaachisa?» jedhee gaafate.


Beekaan seera Muuse'ee tokko waan Yesuus jedhu laalu'uuf ol ka'ee, «Barsiisaa'a, jiruu bara baraa argachu'uuf maal godhuu na barbaachisaa?» jedheen.


Bulchoota keessaa tokko, «Barsiisaa arjaa'a, jiruu bara baraa argatu'uuf maal godhuu na barbaachisa?» jedhee isa gaafate.


Eennullee hamaa dubbate'eef hamaa itti hin deebisinaa'a; nama maraa afo'otti waan mishaa yaadaa'a.


Worra Rabbiin jaalataniif akka fedha isaatiin worra waamamaniif wonti maruu mishumma'aaf akka ta'u hin beenna.


Dursee ka murteesse kanniin ammoo hin waameen; worra waame kanniin ammoo qajeellota taasise, worra qajeellota taasise kanniin ammoo hin kabajje.


Abdii Ayyaanaa amanta'aan akka fudhannu eebbi Abrahaamii gara worra Yihuudii hin taanee karaa Yesuus Kiristoosii irraan isaan akka dhaqqabuuf.


Arja'aa fi garalaafeyyii wolii ta'aa'a. Akkumma Rabbi Kiristoosiin irraan isinii araarame, isinillee wolii araaramaa'a.


Eennullee eennuun irratti waan hamaa akka hin deebifne uf eegaa'a. Haata'uu ammo hennaa maraa martii keessanuu waan mishaa wolii godhu'uuf jabaadhaa'a.


Achiin maayii eebba argachuu hennaa barbaade akka dhabe isinuu hin beettan. Hagamillee booyee Aagii soqe'eef hin arganne.


Karaa Yesuus Kiristoosiitiin gara badhaadha ulfinna maraa Waandhi isin waame hennaa diqqoo haga rakkinni isin irra gayeen maayessa, inninuu guutuu isin taasisa. Isin dhaaba, isin jajjabeessa.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ