Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




1 Ergaa Phexiros 3:1 - WAADAA LAMMATAA

1-2 Akkasuma isin haawwota manaa! Abbaan manaa keessan gariin ka hin amanne yoo jiraatan akka isaan uduu womaa hin dubbanne amala haadha manaa ufiitii ajajaman akkasuma abbaa manaa keessaniif ajajamaa'a. Isaanillee qulqullinnaa fi sodaa jireenna keessan keessatti Rabbiif qabdan arganii akkasuma godhan.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Waadaa Haarawa

1 Akkuma kana isin haawotiin worraa! Abbootii worraa keessaniif ajajamaa, bifa kanaan tokko tokko dubbii Waaqaa titti ka hin amanne yoma ta'an'llee, dubbii isaatiin alatti amala haadha worraa isaanii qofaan qalbbiin isaanii fudhatamu'uuf ni danda'a.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ

Kitaaba Woyyuu

1 Akkasuma isinillee haawwota manaa! Abboota manaa keessanii ajajamaa'a; akka kanaan gariin worra hin amannee fi worra dubbii Rabbiitii hin ajajame yoo ta'anillee sababaa jireenna haadha manaa ufiitiin booji'amanii dubbii Rabbiitii ajajamuu danda'anii.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




1 Ergaa Phexiros 3:1
26 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Haawwota manaa, akka Goofta'aaf ta'utti abbaa manaa keessanii ajajamaa'a.


Ta'ullee isin keessaa akkasuma ammoo marti keessanuu akkuma uf jaalattanitti haadha manaa teessan jaaladhaa'a; haati manaallee abbaa manaa ufii haa kabajjituu.


Haata'uu ammoo, mataan dhiiraa Kiristoos, mataan dubarti'ii dhiira, mataan Kiristoosii Rabbiin ta'uu isaa akka beettan fedha.


Ati dubartii nana abbaa manaa kee uduu ka fayyiftu taatee beettaa? Yookiin ati namana haadha manaa tee uduu ka fayyiftuut beettaa?


Akkasuma isinillee Abboonni manaa! Uumama dadhabaa waan ta'aaniif haadha manaa teessanii beeka'aafii woliin jiraadhaa'a. Faateen keessan akka isin jalaa hin qabamne akkasuma akka worra jireenna Ayyaanaa dhaaluutitti isaan kabajjaa'a.


Dubartiin heerumte abbaan manaa lubbu'uun hennaa jiru isa woliin seeraan waan hidhamteertuuf, abbaan manaa isi'ii yoo du'e ammoo seera isiin abbaa manaa isi'ii san woliin hidhamte irraa hiikkamteerti.


Dubartoonni woldaa Kiristaanaa keessatti haa cadhisanii. Seerri akkasuma akka jedhu akka ajajamtaniif malee, akka dubbatan waan isaanii hin eeyyamamneef.


«Obboleessi kee yoo si yakke, dhaqiitii hulee isin lamaan callaan jirtanitti yakka isaa itti himi. Inni yoo si dhagaye, obboleessa kee godhadhu.


Bara keessan keessatti carraa qabdan marumatti fayyadamu'uun worra hin amanne biratti ogumma'aan jiraadhaa'a.


Abrahaam gara ristii hin argatta jedhamee san biyya ufiitii bayee hulee dhaalaan argatu akka dhaqu hennaa waamame, gara dhaqu uduu hin beekin amanta'aan ajajame.


Worra Rabbiin hin beennee fi Oduu Nagayaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiifillee worra hin ajajamne haluu isaan baya.


Haata'uu ammoo dursitanii garboota cubbu'uu yoo taatan, barumsa kennamtaniitiif, qalbii teessan keessaa waan ajajamtaniif, cubbuu jalaa bilisa baatan.


Hennaan murtiin mana Rabbii keessaa jalqabu gayeera. Murtiin kun yoo ka nurraa jalqabu ta'e, worri Oduu Nagayaa ka Rabbiitii hin ajajamne dhumtii isaanii attam ta'inna?


Dhuga'aaf ajajamma'aa jaalala obbolumma'aa ta uf tuullumma hin qabneen lubbuu teessan qulqulleessa'aa gara'aan jabeessa'aa wol jaaladhaa'a.


Haga kun maruu raawwatameen maayii, Rabbiin akka muudama Malkasaadiqii hayyicha gadootaa jedhamee waan waamameef, worra isaa ajajaman maraaf madda fayyinna bara baraa isaanii ta'e.


Haata'uu ammoo maruu dubbii gammachu'uutiif hin ajajamne. Isaayyaas, «Gooftaa keenna! Ragaa keenna eentu amane?» Waan jedhuuf.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ